Friday, April 6, 2018

Eeyyeen seenaa Jallisuun sirrii miti. Garuu akkuma bitaatti jallisuun hin taane mirgatti dabsuun hin bareechu


Eeyyeen seenaa Jallisuun sirrii miti. Garuu akkuma bitaatti jallisuun hin taane mirgatti dabsuun hin bareechu
                                                            

                      Jawar Mohammed

               

Photo JM

                                       

Eeyyeen seenaa Jallisuun sirrii miti. Garuu akkuma bitaatti jallisuun hin taane mirgatti dabsuun hin bareechu. Qubeen Afaan Oromoo yeroo ammaa itti hojjannu tun bu'aa xaarii hayyoota Oromoo lamaati; Sheek Mohammed Rashaad Abdullee fi Haylee Fidaati. ( Sheek Bakri hojii jara lachuutiifuu hangafa qubeen inni dalage garuu tanaa miti). Jarri lamaan kun mata matatti qubeefi seerluga Oromoo qorachuufi qopheessuu qofa osoo hin taane fudhatama akka argattuufis shoora guddaa godhan. Hayleen biyya Jarmanitti Sheek Mohammadrashaad ammoo Soomaaliyaatti qo'annoo yeroo dheeraa godhanii osoo quba wal hin qabaanne qubeen Laatin Afaan oromoof mijooytuu akka taate irra gahanii seera itti baasan. Sheekni qubeefi seera isii kitaaba Fura Afaan Oromoo jedhuun qopheesse. Hayleen ammoo Hirbaata Dubbii Afaan Oromoo jedhee dhiheesse. namoonni tokko tokko akka waan jarri lamaan kun waliin hojjatee takkaahuu walirraa garagalcheetti haasayu. Soba. Hayyonni kun wal hin beekan ture, hariiroofi qunnamtiis qabaachaa hin turre. ( Kan Sheekni afaaniin naaf hime, Hayleen ammoo gara diary isaatiin naaf mirkaneesse)
Jarri lachuu carraaqqii kana keessatti Oromootaafii alagaa irraa mormii cimaatu irra gahaa ture. Kitaabni Sheekni qopheesse erga maxxanfamee booda akka ugguramee gubatu godhame. Hayleen biyya Faransaay irraa ari'amee Jarmaniitti qu'annaa isaa xumure. San booda dhoysaan kitaaba san Finfinneetti erge. Luba Guddinaa Tumsaatti erge ( namni kitaaba san Finfinnee fide nyaapha ammas ni jira). Lubni Baaroo Tumsaatti i kenne. Sheek Mohammadrashaad hiree lammataa argatee bara 1976 maxxansiise.

Sirni qubee hayyoota lamaanituu gaafasitti hanqina qaba ture.( hanqina jiru barruu Dr Abdulsamad irraa ni hubattu) Kanaafuu Addis Bilisummaa Oromoo (ABO) kitaabota lamaan kana walitti cuunfee qubee har'a ittiin barreessinu tana qopheessee lafa jala ummata barsiisuu turan. Sanumatu bara 1991 ifa bahee heeraan hojiirra oole.
Hayyoonnji lamaan kun qubeefi seera ishii qorachuufi qopheessuu qofa osoo hin taane akka fudhatama argattuuf falmaa cimaa geggeessanii wareegama qaalis kafalan. Jarri lachuu afaan beekan hedduudhaan Afaan Oromoo Qubee laatiniin barreeffamuun maalif akka filatamaa ta'e ragaa waliin barreessuun falmaa turan.Hayleen Afaan Amaaraafi Ingiliziin barruu heddu barreessee maxxansiisaa ture. Sheekni Afaan Arabaafi Oromoon akkasuma barreessaa turan. Kanaafis diina heddu manaafi alaa itti kaasee jiruu isaanii gaaga'aa ture. Wanni biraa hubatamuu qabu gumaachi hayyota lamaan kana Afaan Oromoo qofarratti miti. Lameenuu siyaasaa qabsoo Oromoo keessatti warra adda durummaan hirmaataa turee, kan Oromummaa isaaniitiif waan falmaniif gaaga'ama heddu dhandhameedha. ( yoo rabbi jedhe gaafa biraa ittin deebi'a tanatti)
Wannin armaaan olitti isiniif katabe kana kaniin sirritti qorannaan beekuudha. Sheek Mohammadrashaad, rabbi itti haa araaramuu, gaafa lubbuun jiru waggoota jahaa oliifin waliin haasawaa turre. Hanga gaafa gara fuula rabbii deemuttis wal quba qabaachaa turre. Seenaa tana takka takkaan naaf hime. Haylee Fidaa nu duratti diinni galaafatus, barrulee inni barreesseefi dabtara yaadannoo isaa ( personal diary) dabalatee galmee hedduun harkaa qaba. Warra isa beekuus hedduun interview godhee harkaa qaba.

Qorannoon tun hayyoota lamaan kanaa, gumaachaafi ilaalcha isaanii sirritti akkan hubadhu waan na gargaaree tureef seenaa keessatti qoodni isaaniin malu dhoorkamuun isaanii na gaddisee akka beekkamuuf hedduun carraaqe. Dhugaa yoo dubbanne qabsaa'otaafi hayyoota qabsoo tanaaf bu'aa guddaa buusanii galanni dhoowwame keessa jarri lamaan kun adda dureedha. Kun ammoo sababa qaba...amma san itti hin seenu. Deebi'anii beekkamuu ( rehabilitation ) seenaa hayyoota kanaatif anaafi namoonni hangi tokko waliin dalagaa turre shoora qabna yoonin jedhe if dhaadu hin taatuun se'a. Miidiyaaleen haqa jara kanaa akka dubbataniifi haasawa ( narrative) sirrii akka dhiheessaniif duubaan waan heddu godhaa turre. Gariis itti milkooyne taanis guyyaa eeggatti.
Wanni yeroo hunda na gaddisiisu tokko qorannoon shoora hayyoota lamaan kanaa irratti godhe kitaabatti jijjiree dhiheessuuf hojiin eegale jiddutti dhaabbachuu isaati. Akkuma beeytan waggoota 4n tana ta biraatitu harkaa nu qaba. Pirojaktiin dhimma hayyoota lamaaniitifi kanneen biroos akkasumatti dhaabbatanii qaqaa dhugaa jiran. Yoo rabbi na gargaare waan amma itti jirru tana faaga achi baafnee qorannoo jiddutti dhaabne kanatti deebina jedheetin abdadha.

Hammasiifuu seenaa teenya tana mee waan beeytan hundinuu numa barreessaa. Yoo jalliftaniifi dogongortanis humaa miti. Kan isinirra beeku qajeelchee kaaya. Rakkoon Oromoon qabdu seenaan jallattee barraayuu qofaa miti. Inumaatuu hin barrooyne. Seenaa Oromoofi ilmaan Oromoo dalagan keessaa 1% hin barrooyne miidiyaanis hin dhiyaanne. Kanaaf namni laaftutti atakaarotti ceha. Kanaafuu waan beektan akkuma isiniiif mijaayetti barreessaa maxxansaa.

No comments:

Post a Comment