Saturday, July 1, 2017

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.

                       (Dr Milkeessaa Miidhagaa irraa)
Dr Milkeessa Miidhagaa

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.
*****

Sababoota muraasa:

**Keewwata 2 (5): Dhalattoota sabaan Oromoo jechuun Oromoota magaalattii keessaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jedheetu hiike.
**Keewwata 3: Labsiin kun kan hojiirra oolu magaala Finfinnee fi yeroo barbaadametti immoo Godina Addaa keessatti jedha.
***Godinni Addaa Oromiyaan bulti. Godina Oromyaa tokko fudhatee irratti seera baasuu hin danda'u paarlamaan federaalaa. Aangoon sun kan Naannoo Oromiyaati. Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa awwaalanii, yoo labsii kana seera godhanii baasan heeruma federaalizimii jedhan sanallee ni diigu. Biyyi kunis ifaa ifatti sirna unitary durii isheetti deebiti jechuudha. Paarlamaa Federaalaa fayyadamuun asuma taa'anii magaala ykn baadiyyaa barbaadaniif seera kan jedhan baasuu itti fufu jechuudha.
**Keewwata 4: Manni barumsaa dhalattoonni sabaan Oromoo ta'anii itti baratan "akka gurmaa'an ni taasifama". Jechoota kana ilaalaa. Mana barumsaa Afaan Oromoo, Af Sumaaleen ykn Gamoon Finfinnee keessatti argachuun mirga heerri saboota hundaaf kennedha. Mootummaan Finfinnee kana kennuu dirqama heeraa qabdi ture. Manneen barnootaa Afaan Amaaraa Oromiyaa keessa jiran bu'uurama kanaan banamani. Dadhabinni MN Oromiyaa nama gaddisiisa. Gama kanaan dadhabinni (sodaan) abbootii qabeenyaa keenyas nama gaddisiisa. Namnu mana barnoota afaan kanaa maaliif bante jedhee nama gaafatu hin turre. Namni mana barumsaa Afaan Oromoon banadha jedhee Biiroon Barnoota Finfinnee eeyyama dhorke hin jiru (ani biiroo sana qorannoo koof gaafadheen ture). Hunduu banachuu sodaateetu ofsakaale. Dadhabina hunda keenyaati (qorqalbiidhaan dhumneerra).
*Keewwata 5: Mirga mana yaalaa dhaquu dantaa addaa ta'ee? Waan tokkon isinitti hima. Hospitaalli Dil Corraa Dirree Dhawaa dhukkubsattoota Naannoo Oromiyaa fi Sumaaleen cinqamti yeroo mara. Dhimmi kun biyya federaalawaa ofiin jedhan keessatti dhimma "spillover effect" waan jedhamuun ilaalama malee dantaa addaa jettanii nu hin kofalchiisiinaa.
**Keewwata 6(1): Tajaajila dantaa addaa jedhaman kana akka argataniif Afaan Oromoo afaan hojii bulchiinsa magaalattii ta'ee tajaajila. (Afaan mana murtii hin dabalatu, mana maree magaalattii hin dabalatu, hoji-raawwachiiftuu ykn kaabinee magaalattii hin dabalatu, manneen daldalaa hin dabalatu, siivil sarviisii hin dabalatu.....eessa egaa afaan hojii?). Kanaafuu, fakkeessaadha dubbichi. Dantaan addaa Oromoos hin jiru, Afaan Oromoonis afaan hojii hin taane akka labsii kanaatti. Labsittiin yeroo darbe miliqxee baate sun gama kanaan gaarii turte. Ifaa ifatti keessi ture isheen.
**Keewwata 6(2): Addabaabayii, kaaraa, bakka bashannanaa, tiyaatira, giddu gala aadaa, kkf seenaafi eenyummaa Oromoo akka calaqqisu ni taasifama jedha. Mirgoonni aadaa, mirga lammilee magaalattii keessa jiran maraaf heerri biyyattii mirkaneessedha; Finfinneen teessoo Mootummaa Federaalaa waan taateef, afaan, aadaa, seenaa, eenyummaa sabaafi sablammiif bakka kennuu qabdi ture bu'uura heeraan. Waan akkasiitiin dantaa addaa jechuun wallaalummaa ykn tuffii irraa dhufa.

**Keewwata 7: Mootummaan Naannoo Oromiyaa qamoo wayii ijaarrachuu yoo barbaade "liizii irraa bilisa" kan ta'een argata. Oromiyaan Finfinnee keessatti keessummaa ykn maxxanee qaama jiraatudha jechuudha. Lafa kadhateetu argata. Oromiyaan abbaa lafa Finfinnee miti jechuudha.

**Keewwata 8 hanga 24tti wanni jedhame dantaa addaa Finfinneen Godina Addaa Oromiyaa irraa argachuu qabdudha (maaster pilaanii qindaawaa jedhamee dhiiga ilmaan Oromootiin nurraa haqame sanadha). Dirqama addaa Oromiyaan Finfinneef qabudha. Fakkeenyaaf Keewwata 8 (dhiheessii bishaanii Godina Addaa irraa Finfinneedhaaf), 
Keewwata 9 (geejiba qindaa'e Godina Addaa fi Finfinnee), 
Keewwata 10 (carraa hojii Finfinneefi Godina Addaa), 
Keewwata 11 (Giddu galli gabaa Ashawaa meedaa cufamee 
qotee bulaan Finfinneetti as fidee gurguruu qaba), 
Keewwata 12 (ijaarsa kondomiiniyeemii), 
Keewwata 13 (qotee bulaa lafarraa buqqaasuu),
 Keewwata 14 (misooma bishaanii), 
Keewwata 15 (kosii Oromiyaatti gatuu), 
Keewwata 16 (waajira maaster pilaanii hundeessuu---isuma duraan ture haarumsuudha), 
Keewwata 17 (teessoo waajirichaa), 
Keewwata 18 (Kaayyoo waajirichaa),
 Keewwata 19 (miseensa waajirichaa- Mana Maree Finfinnee fi
Caffee Oromiyaa irraa miseensota walqixa ta'an), 
Keewwata 20 (itti waamama waajirichaa---isayyuu Mootummaa Federaalaaf jedhaam! Itti waamamni isaa Caffee Oromiyaa fi kan Finfinneef utuu jedhee fakkeessuufillee ni tola ture). 
Keewwa 21 (dirqama hojiirra oolmaa isaa tumsuu), 
Keewwata 22 (seerota fudhatama hin qabne), 
Keewwata 23 (dambiifi qajeelcha Mootummaa Federaalaatu baasaaf), fi Keewwata 24 (guyyaa hojiirra oolmaa labsichaa).

*Walumaa galatti, labsiin qaamni wayii xaxee Paarlamaa Federaalaa galchee yeroof achumatti dhaabbate kun balaa cimaa baata waan ta'eef, akkuma jirutti keewwanni hundi isaa jijjiiramuu qaba. Kanaaf, isarratti yeroo ofii gubuun hin fayyadu. Wanni guddaan miseensonni DhDUO paarlamaa keessa jiran labsicha irratti haa marii'atamu jechuun nurraa dhaabuu isaaniiti. 


*Kanaafuu, labsiin ji'a tokkoon dura miliqxee baate sun (ka DhDUOtu qopheesse jedhame sun) ni wayyiti waan ta'eef, isheen akka fooyyoftuuf irratti yoo mariin godhame wayya jedheen amana. Ogeessonni Oromoo (kan seeraa, bulchiinsaa/siyaasaa, afaanii, dinagdee, seenaa, barnootaa, geography, environmental science, mahaandisoonni, abbootiin Gadaa, kkf) hundi irratti hirmaatanii marii'achuu qabu.
Wanni dhoksaan godhan gadi yoo baatu 
nama qaanessiti.
 Galagalcha:

No comments:

Post a Comment