Thursday, July 20, 2017

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA?

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA? 

                                                     (Jawar Mohammed irraa)
Jawar Mohammed
Gibirri daldaltoota irratti humnaa ol fe'amuun erga dubbii kaasee torban lama dabree jira. Daldaltoonni dura gibirri kaffaluu qaban kan bara dabreetin yoo walbira qabamu dachaa hedduun dabaluu isaatiin komii isaani gara waajjira galiiwwanii dhiheessan. 
Komiin isaanii garuu dhageettii waan hin argatiniif gara mormiitti jijjiramuu eegale. Daldaltoonni Calanqoo hiriira bahuun mormii kana eegalan. uummanni Gudar ammoo diddaa hojii dhaabuu labsate. Gincii, Ambo, Walisoof magaalonni naannoo sanii itti aanan. Naqamteetti cehuun magaalaan cal taate. Mormiin kun guyyaa har'aa gara Gimbii, Dambi Doolloo, Mandiifi Najjoo cehe. Takkuma takkaan Oromiyaa walgahaa jira. Gibirri kun hanga ammaa kan ifatti daldaltootatti ibsame Oromiyaafi magaalaa Finfinneeti. Finfinneen duubatti haa harkifattuu malee har'a naannoleen muraasni suuqiilee isaanii guutuu guutuutti cufachuun mormichatti dabalamanii jiru.

- Gara mootummaatiin hanga ammaatti yaadni amansiisaa ta'e hin dhiyaanne. Gibirri inumaatuu hin daballeefi dabaluun sirriidha yaadota jedhan wal dhoofsisaa jiran. Sababa labsii muddamaatiifi tarkaanfii humnaa fudhatamaa tureen uummanni guutuutti cabee jiilee harka kennee jira jedhanii waan jala muranii turaniif mormiin kun ni ka'a jedhanii gonkumaa hin shakkine. Kanaafuu, miira rifatuufi hamaa keessa bu'anii jiran. Har'a boru nurraa dhabbata jedhanii abdachaa turan. Ammas 'oolmaa boruu ilaallee tarkaanfii itti aanu murteessina' ejjannoo jetturra jiran.

- Dhimmi gibiraa waan nama hundaa lafee tuqu waan taateef akka laaftuutti akka mootummaan hawwutti addaan waan dhaabbatu miti. Magaalonni dura hojii dhaaban hojiitti deebi'uun abdii kenneefi ta'a, garuu dogongoranii jiran. Qabsoo nagayaa keessatti qoqqobbiin diinagdee biyyi guutuun bifa takkaan gabaa lagachuunis ta'ee dabaree dabareen gochuun lamaanuu bu'aa buusa. Kan bakka takkaa sun dhiibbaa yeroosiifi qara qabu ( immediate and sharp) uumuun mootummaa harka kan kennisiisu yoo tahu, kan dabareen godhamu waldura dhaabbannaa dheeressuun dhawaataan dhiibbaa guddataa deemu uuma. Keessattuu haala mootummaan tun keessa jirtuun kan walharkaa fuudhinsaa kanatu irraa ishii miidha. Sababni isaas olola biiyyi tasgabboofte jechuun ummataafi faranjii amansiisuuf duulaa jiran fashaleessa. Guyyaa tokko magaalaa lammaan takkas yoo cufatte, odeeffannoon isaa miidiyaan waan bahuuf isaan cinqaa deema. Dheerachuun sun immoo magaalonni haara galfachaa sirnicha dagachiisaa akka deeman isaan gargaara. Tooftaan walharkaa fuudhuun dheeratee deemuu kun gaafileen biraa ka'uun duula kanarratti qaamni hawaasaa biraas akka itti dabalamu karaa waan banuuf hammasuma dhiibbaa dabalaa dhufa. Kanaafuu magaalonni guyyaa addaa addaa diddaatti seenuun kun waan ishii gargaaru yoo itti fakkaate mootummaan dogongortee jirti. Kana jechuun ummanni bifa harca'een haa deemu osoo hin taane daldaltoonni akkuma wal mari'atanii waliigalaniin guyyaa isaanif tolu murteeffachaa deemuun faayidaa qaba.

Odeeffannoo hanga ammaa nu gaheen guyyaa sadan as aanu diddaan kun daran babal’achaa akka deemuuf karoorfame akeeka. Kunis Jimaanniifi Sanbattan lamaan guyyaa gabaa waan ta'eef tarkaanfiin diddaa fudhatamu dhiibbaa cimaa qabaata.

- Ammaaf mootummaan tooftaa mee bullee ilaalla ( wait and see ) jedhu hordofaa jirti. Tooftaa kana garuu guyyoota sadeen tokko ol obsitee turuu hin dandeessu. Ofiif jecha gaaffilee uummataa kana deebisuun ishii waan hin oolle. Akkuma gubbaa kanatti tuqne bubbuluun humna ummataa harcaasa jettee haa abdattuu malee dhugaan jiru tooftaan amma ummanni eegale kan humna isaa qosachaa kan mootummaa laaffisaa deemuuf isa dandeessisuudha. Muuxannoo waggoota lamaan dabranirraa horames laafaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

-Guyyoota itti aananitti magaalonni akkuma qophii fixataniin itti dabalamaa haa deeman. Magaalonni dursanii eegalan gaafa humni laaffate haara galfachuun tooftaa sirriiti. Naamusni, bilchinni tooftaa ittiin filatan ( wise tactical selection) fi tokkummaan adeemsaa barbaachisaadha. Guyyoonni sadeen itti aanan hedduu murteessaa waan ta'aniif magaalonni hanga ammaa hin hirmaatin saffisaan qophii xumuratanii tarkaanfii fudhachuun dhiibbaa dabaluufi haamilee waliif kennuuf murteessaadha.

No comments:

Post a Comment