Tuesday, April 18, 2017

Qaamota/ Namoota Boruuf Abdannu Akkamiin Adda Baafachuu Dandeenya?

Qaamota/ Namoota Boruuf Abdannu Akkamiin Adda Baafachuu Dandeenya?

                                                  (Hiwi - Elona irraa)

Hordoftoota koo, akkuman kanaan dura isiniin jedhe har’a mata duree haaraa tokko isniif qabadhee dhufeera. Mata dureen kun waa’ee namoota/ qaamota yeroofi haala garagaraa irratti Uummata keenyaaf qabsaa’aa jiranii/ qabsaa’aa jirra jedhanii ilaallata. Akkuma hundi keenya arginu qaamoleen akkanaa kunneen nuuf baay’ataniiru, Rabbiin galanni haa ga’u. Dur akkatti Afaan keenyaan haasofnee, yaada keenya ibsachuuf carraa hin qabnu turre. Haa ta’u malee carraan arganne kuni yoo bifa sirrii ta’een ittiin fayyadamuu hin dandeenye miidhaa guddaa nurratti fida. Uummata keenya jidduutti yaadotni wal hin simanne garagaraa akka faca’an godhuudhaan hariiroo jidduu keenya jiru laaffisuun ni mala.
Kanaafuu namoota/ qaamota yeroofi haala garagaraa keessatti dhaamsa nuuf dabarsan/ dhimma keenya irratti si’aaninaaf dammaqiinsaan socho’aa jiran kana sirritti beekuun barbaachisadha. Kanarras dabree namoonni/ qaamonni kunneen dhugaadhaan boruuf nu fayyaduu? Qabsoo keenya ofduratti tarkaanfachiisuu danda’uu jennee xiinxaluun barbaachisadha. Kana gochuudhaaf akka dhuunfaa kootti muuxannoo jireenya koo, kitaabota hoggansaa garagaraa, qabsoof qabsaawota keenyafi hogganoota garagaraa bu’uureffachuun qabxiilee madaallii armaan gadii kana isiniif dhiyeesseera. Isinis dubbistanii kan itti amantan fudhattanii, kan itti hin amanne irratti immoo yaada keessan kennattanii ofduraaf yaada daran cimaa ta’eefi hunda keenya fayyadu akka keessaa maddisiifannu abdiin qaba.

  • Mul’ataafi Kaayyoo Irratti Xiyyeeffachuu

  • Namootni jijjiirama hawaasaa ( social transformation) fiduudhaan Uummata isaaniitiif bu’aa guddaa argamsiisan kanneen Mul’ata isaanii tasumayyuu hin irraanfanneedha. Namoonni kunneen osoo wanti isaan rakkisu kamiyyuu isaan mudatee mul’ata isaanii irratti fuulleffachuu irraa of duuba hin jedhan. Uummatni isaanii mul’ata isaan adeemaniif akka sirritti hubatu, kaayyof galmi isaanii sammuu uummata isaanii keessatti sirriitti akka hubatamuuf waan danda’an hunda ni godhu. Namoonni kunneen haasaa isaanii keessattis ta’ee barreeffamoota isaanii keessatti ka’umsaafi galmi isaanii mul’ata Uummata isaaniiti.

  • 2. Wal Simatiinsa Yaadaa /Consistency of their Ideas/
  • Dhaamsa namni/ qaamni tokko yeroo garagaraatti dabarsu gadi fageenyaan ilaalun, xiinxaluunifii yeroo irraa gara yerootti madaalaa adeemuun baay’ee murteessaadha. Kana godhuun keenya namni/ qaamni dhaamsa sana dabarsu kaayyofi galmi dhaamsa isaa/ ishee yeroo irraa gara yerootti wal fakkaatinsa/ wal simatiinsa/ akka qabu hubachuudhaaf nu gargaara. Namni har’a waan tokko dubbatee boru eddoo sana irratti hin argamne/ waan har’a dubbate boru yoo irra deebi’ee dubbachuu hin dandeenye wanti nama kanarraa abdatamu ni jira jechuun rakkisaadha. Namni akkanaa bubbeedha malee xiinxalaa siyaasaa/ gaggeessaa uummataa/ rogeessa ta’uu hin danda’u.
  • Namoonni tokko tokko akka waan araada itti ta’ee guyyaa hunda dhimmoota garagaraa irratti haasa’u. Haasa’uun isaanii badii qabaatuu baatus, yaadota dabarsan sana itti yaadanii, xiinxalanii, wal simsiisanii adeemuf yeroo waan hin arganneef yaadni isaanii harkaa wal dhaya. Yeroo muraasa keessattis yaada garagaraa, kan walitti hin dhufne dabarsu. Kunimmoo osoo eddoo yaadamaniif hin gayin akka … ‘Albeen foonif hedan tiru irratti citte’ jedhan san ta’anii dhumarra adda isaanii hafu. Kunimmoo saba keenyaaf qisaasama ta’a. Qabeenyi ilmoo namaa qabnu takkas taatu yoo dhabne nu miiti.

  • 3. Dhiheenya Uummata Isaanitiif Qaban / Proximity to their People/
  • Qaamni Uummataafan hojjadha jedhu kamiyyuu hawaasa isaatti dhiheenya guddaa qabaachuu qaba. Akkuma irra deddeebi’amee qaamota gargaraatiin addeefffame, Uummatarraa halaalarra taa’anii qabsoo sabaa deeggaruun ni danda’ama ta’a malee waliin ta’anii qabsaa’anii galmaan gahuun ulfaatadha. Qabsoon haqaa, isa Uummata keessa taa’anii, aarsaa qabsoon gaafatu kanfalanii gabrummaa ofirraa fonqolchani. Qaamni Uummata bira qaamaan hin jirre immoo gaheen isaa hammam akka ta’e sirritti beekuu qaba. Gahee isaa yoo beeke immoo, daangaa ofii beekee daangaa sana keessatti waan danda’u gumaachuu qaba.
  • Tarii akkuma arginu namoota hundaaf Uummata keessa taa’anii qabsaa’un ulfaatun ni mala. Kuni garuu qabsoo Uummataa haala garidhaan tumsuu nama hin dhoorku. Hiree walitti hidhaatiinsi adduunyaa / Globalization/ nuu fidetti fayyadamnee wal tumsuu, wal utubuu, wal cinaa dhaabbachuu irraa wanti nu daangessu hin jiru. As biratti wanti tasuma irraanfatamuu hin qabne guddaan, carraa bilisummaa argame ( namoota biyyoota alaa garagaraa jiraniif) kana bifa Uummata keenya fayyaduun hojiirra oolchuu malee dhimmaa dhuunfaa keenyaa ittiin tarkaanfachiisuf/ beekkamtii ittii argachuuf adeemun qabsoo keenya yoo sakaale malee tarkaanfii takkas of dura hin siksu.

  • 4. Xiyyeeffannaa Isaanii /Their Point of Focus , solution instead of problems, visions instead of routines/
  • Akkuma qabxii tokkoffaa irratti dubbachuuf yaale namoonni dhugaadhaan uummata isaanitiif quuqamanii, ganamaaf galgala hirriba dhabanii hojjatan yoomiyyuu taanan kaayyoofi galma isaanii hin irraanfatan. Dhaamsa isaanii kallattii kamiinuu uummata isaaniitiif dabarsan keessatti xiyyeeffannaan isaanii galma isaanii/ galma uummata isaaniti. Namoonni kunneen tasumayyuu dhimma dhuunfaa isaanii galma sabaa irra hin aansan. Akka dhuunfaatti miidhaa isaanirra ga’e osoo kan jiraatus ta’ee, isuma lallabaa oolanii hin bulan, osoo wanti fedhe uumamees akka laayyotti butamanii maandhee diinaa keessa hin galan. Hammuma fedhe rakkatanis dubbiif dhaamsi isaanii kaayyoo sabaa tumsuu irraa hin jallattu. Ajandaan isaanii qaama birootiin hin itti hin laatamu, eennunis hin butamu. Rakkoon fedhe uumamus xiyyeeffannaan isaanii rakkoo sana keessaa mala ittiin ba’amuu danda’u/ mala rakkoo sana gara carraatti jijjiirun danda’ama isa jedhu malee ganamaaf galgala rakkoodhuma qofa haasa’aa oolanii hin bulan.

  • 5. Waan Argame Faarsuu /Appreciation of Winnings/
  • Yoo dhugaa dubbanne miidhaan saba keenyarra gahaa jiru akka barbaannutti nurraa hin mulqamne ta’a malee yeroo irraa gara yerootti injifannoolen galmeessaa jirru kan akka laayyotti ilaalamanii miti. Guyyaaf yeroo Afaan keenyan haasawuun qaanyii ture, Aadaa keenya uffachuun safuu ture, Oromummaa keenya ifaan ifatti baasnee dubbachuun waan hin yaadamne turerraa eddoon har’a jirru baay’ee addaan fagaata. Dhiheenyuma kanas of duuba deebine yoo ilaalle, Uummanni keenya gootummaan isaa sadarkaa kamirra akka jiru hubanneerra. Injifannoolen nuti barootuma gabaaboo dabran keessatti arganne muraasa miti. Kuni faarfamuu qaba, nu gammachiisus qaba. Kanarraa kan hubannu daandii sirrii irra adeemaa jiraachuu keenya. Kanaafuu, qaamni/ namni dhaamsa isaa nuuf dabarsu kamiyyuu hiraarifi moo’atama keenya qofa yoo nuuf himaa oole sirrii hin ta’u, haqa qabeessas miti. Eeyyen, waan qabatamaa arganne faarfachaa, kan hafe itti jabaachaa hamilee keenya cimsaa adeemun baay’ee murteessaadha jedheen amana.

  • 6. Qeeqa Guddisuu Dhabuu / Avoiding Overdozed Blame/
  • Qeeqni walii lama; Pozatiivifi Negetiivi. Qeeqni Pozatiivin qeeqa namoota karaa irraa maqan bifa miidhagaa ta’een, osoo isaan hin mufachiisin akka karaa irratti deebi’an agarsiisudha. Kun nama osoo nagaadhaan deemu karaarratti kufee lukti cabxe, suuta sukkuumanii osoo dhukkubbiin itti hin dhaga’amin fayyisuu akka jechuuti. Qeeqni inni Negeetiivin immoo namoota ilaalcha isaanitiin waan gaarii dalagaa jirra jedhanii yaadaa jiran osoo suuta sirreessuf yaalun danda’amuu arrabaan, sodaachisaan, tuffiidhaan, jireenya dhuunfaa isaniifii hawaasummaa walitti naquudhaan nama sana daran akka daandii faallaa irra jiru irratti gogee hafu godhuudha. Kuni lafee cabxe daran akka hin taane dhidhiibanii/ sukkuumanii hammeessudha. Qeeqni barbaachisaafi gaarii ta’us yoo baay’ateefi hamma faaydaa qabuu ol ta’e miidhaan isaa ol’aanaadha.
  • 7. Hojii Qabatamaan Hojjatanii Argisiisuu / Show In Action/
  • Dandeettii haasa’aa qabaachun kennaa bareedaadha. Haa ta’u malee waan qabatamaan hojjatanii argisiisuu hin dandeenye tokko haasa’uun qofti gahaa miti. Keessattuummoo namootni/ qaamotni hoggansa irra jiraniifi dhimma uummataa irratti hojjatan wanti haasa’aniifi hojjatan hammam wal sima waan jedhu ilaallachaa deemuu isaan barbaachisa. Yeroo haasawaafi hojiin qabatamaa walbira qabame sagalee dhaga’amuu guddaa kan qabu dalagaa qabatamaan hojjatamee jijjiirama argisiisuu danda’eedha. Uummata kan guutumaan guututti amansiisuu danda’u hojiidha malee waadaafi abjuu sobaatii miti. Hooggansi/ namni dhimma uummataa sochoosuf muratee ol ka’e, uummata isaatti waan ijaan mul’atu tokko agarsiisee abdii haqaa itti horuu qaba, hawwiin isaa galma gahuu akka danda’u itti muldhisuu qaba.

  • 8. Uummata Ofiif deebii kennuu, kabajuu, dhageeffachuu /Responding to the Public/
  • Ilmoon namaa xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti kabaja guddaa qaba. Keessattuu akka Uummataatti, ija tajaajila uummataatin yeroo sochoonu humna uummataa beekun dirqama. Uummatni madda waan hundaati, yeroo hunda sirriidha. Uummatni kee guutun dogongoree ati sirrii ta’uu hin dandeessu. Kanaafuu gurra kee uummata keef ergisuun sirra jira. Waan isaan jedhan garaafi qalbii guutun dhageeffattee deebii laachuu qabda. Uummanni kee dogongora sirrattii argee irraa deebi’i yoo siin jedhe irraa dhaabbachuu qabda, dhaabbadhu yoo siin jedhe dhaabbachuu qabda. Kanaan ala, anatu sii beeka jettee daandii sitti fakkaate qofarra yoo kan adeemtu ta’e adda keet hafta. Kanaafuu namni osoo uummanni dhaabbadhu jedhuun dhaabbachuu dide nama uummata tajaajiluuf/ dhimma uummataa irratti yaada kennuuf eddoo argachuu qabuu miti.

  • 9. Dandeettii Haasa’aa Gaarii Qabaachuu / Communication Skill/
  • Dandeettin haasa’aa namni tokko qabu dhaamsa yaade tokko bifaafi qixa barbaadamuun Uummata biraan ga’uuf baay’ee murteessaadha. Haasaan miidhagaan Uumata walitti ijaaruf, rakkoo hawaasa jidduutti uumamu hiikuf, galmi sabaa sirritti akka hubatamu, waliigalteef wal tumsi akka dagaagee leelisu godhuu keessatti gahee ol’aanaa qaba. Kanaafuu, namni dhimma keenya irratti haasa’ee fedhiif hawwii keenya sirritti nuuf dabarsa, boruufis nu fayyada jennee abdachuu dandeenyu nama har’a haasaan isaan akka qoree nama waraanu osoo hin ta’in nama dubbiin isaa mi’aawu, kan haasaan isaa utubaa tokkummaa keenyaa ta’eedha. Namni galma keenya osoo hin hubatin oluma ka’ee haasa’u faaydaa inni nuuf qaburra miidhaa inni nutti fidutu caala. Jechi takkattiin namni takka dubbatu suuraa saba guutuu balleessuudhaaf humna guddaa qabdi, akkasuma jechi gaarin namni takka dubbatu Uummata keenya guutuudhaaf faaydaa guddaa ni qabdi.

  • 10. Yerroofi Haala Hamaa keessattis ta’u waan gaarii arguu danda’uu /Making Good out of Bad Situations/

Akka hayyoonni xiinsammuufi hooggansaa jedhanitti rakkoon mataan isaa rakkoo ta’uu hin danda’u. Rakkoon akkaataa waan sana nutti hubannuudha. Namoota dhuunfaa/ qaamota garagaraa jidduutti rakkoon tokko osoo kan dhalatu ta’ee beekaafi hayyuun namaa walitti bu’iinsa sana keessaa jijjiirama gaarii dhufuun malu hubata. Cimaan namaa bubbeen hamaan kamiyyuu bubbisu, tarii xinnoo gitintiruun ni mala ta’a malee tasumayyuu hin kufu, osoodhuma kufees suuta ofduratti kufeet dafee ofduratti ka’a.
Galatoomaa!
Teenya Oluma

No comments:

Post a Comment