Sunday, April 9, 2017

Gaaffii fi deebii kutaa duraa 'jaarsa keenya' sanaa (gaafa Asmaraa turre akkas jennee waamna)-

Gaaffii fi deebii kutaa duraa 'jaarsa keenya' sanaa (gaafa Asmaraa turre akkas jennee waamna)-

                                            (Yaya Basher irraa)

Gaaffii fi deebii kutaa duraa 'jaarsa keenya' sanaa (gaafa Asmaraa turre akkas jennee waamna), eegan caqasee booda dhugaa lamaan tokko ummataaf ifa godhuun barbaade. Qabiyyee haasaa isaa irraa wanni an dhagahe waan tokko qofa. Karaa qondaalota isaa akka Yamenee Gabra Maskalii fi Koloneel Xa'ameetiin wayta hogganoota ABO biyya san jirtutti dubbataa bahe ''waan bara Chaartaraa tahe saniif dhiifama guddaa Oromoo irraa barbaadna'' kan jedhu ture. Amma arraba isaatiin miidiyaa Oromoo irratti yoo dubbatu ammoo hogganoota ABO bara Chaartaraa san gaafatamaa godhe. Qooda ofii qabaachaa ture irratti homaa gaabbii akka hin qabnetti dubbate. ana irratti hogganoonni ABO barasii Obbo Galaasaa fi Obbo Leencoon osoo waa jedhanii natti tola.

Wanni biraa haaraan Isaayaas turtii dheeraa hanganaa booda yeroo duraaf miidiyaa Oromootiif interview kennuu isaati. Akkuma beeytan arraatni ABO, SBOn waggaa 20tti dhihaatuuf biyya san keessatti qophaahaa yoona gahe. Kana malees Amajjii 5 bara 2006 irraa eegalee hanga bara 2011tti (yeroon itti qilleensa irraa bade ifaa miti) torbaanitti sa'aa tokkoof televiziyoona jaraa irraa nuu ramadamee Afaan Oromootiin tamsaasaa turre. Sagantaan 'Gaaddisa Dhugaa' sun seenaa keessatti yeroo duraaf sagantaa TV dhimma qabsoo Oromoo irratti xiyyeeffatee miidiyaa ergisaa irraa satellite irratti dabru ture.

Yeroo dheeraa hangasii keessatti Isaayaas osoo nuti akka Oromootti achi jirruu sagantaa Tigiriffaa kan gara ummata Tigraayitti tamsaasuuf bansiise caalsifatee achi irratti gaaffii fi deebii gochuu isaan yaadadha. Wayta sanatti nuti akka Oromootti hiree siyaasaa Itoophiyaa irratti dhibbaa kan gochuu dandeenyu osoo tahee jiruu maaliif nama kana hin dubbifnu gaaffii jedhu dhunfaadhaan hogganatti kaaseen ture. Hogganni an gaafadhe barbaachisummaa gaaffii kanaa caalaa barbaachisummaa pirezdaantichi sagantaa warra Tigraay irratti dubbateef na amansiisuuf carraaquu fialate. Taajjabeen dhiise.

Ato Isaayaas media Oromoo biyya isaa keessaa tamsa'aa ture waliin gaaffii deebii gochuu dhiisii hoggana ABO olaanaa biyya sana qubsiisee of jalaa qabuyyuu hangam qaamaan ofitti dhiheessee dubbisee beeka kan jedhu gaaffii dha. Kana anis jarri keneya biyya sana jiranis walumaan beeyna. Qabsoon Oromoo jabaatee sadarkaa kana gahuu fi Oromoon miidiyaa televisiyoonaa walaba, OMNiin horachuun, nuti Oromoon firas tahee diina biratti ulfina nuuf malu horachuu keenya mirkaneesse. Isaayaas akka miidiyaa Oromoo kana waliin gaaffii deebii godhu kan dirqe qabsoon ummata keenyaa kan gumaacha OMNiin wal qabatee finiine Wayyaanee raasuu danda'uu isaa ti. Kun hadhaahus mi'aahus dhugaa liqimfamuu qabuu dha. Kutaa 2ffaa gaaffii fi deebii dhufu keessatti dhimma injifannoo qabsoo ummata Oromoo kan yeroo dhihoo ni kaasee dubbata jedheen tilmaama. Sanas eega dhageenyee booda walitti deebina.

Dhuma irratti ilmaan Oromoo akka gaazexessummaatti biyya sana dhaqanii pirezidaanticha dubbisan, keessumattuu hiriyaa koo Garasuu Tufaaf dinqisiifannoon qaba. Garasuun dararaa waggaa meeqaa biyya sana keessatti arge booda amma dirqama OMN itti kenne fudhatee pirezdaantii biyyattii dubbisuuf keessummaa kabajaa tahee gara Asmaraatti yeroo qajeelu miira ak
kamii waliin akka tahe nama akka koo lafa sana ture caalaa kan hubatuuf jira natti hin fakkaatu.

No comments:

Post a Comment