Wednesday, April 19, 2017

DUBBIIN ADDISUU G/IGZAABIHEER ERGAA QABAA? EENYUUF?

DUBBIIN ADDISUU G/IGZAABIHEER ERGAA QABAA? EENYUUF?

                                              (Etana Habte irraa)
Suuraa:Fuula fb irraa
Erga Labsiin Yeroo Hatattamaa Onkoloolessa 2016 labsamee as sagaleen mootummaa giddugaleessaa (akka isaan of waamanitti immoo kan federaalaa) darbee darbee yoota'e malee dhaga'amuu dhiiseera. Dhimmoota Labsicha waliin walqabatan irratti takka takka indubbata. Kanaan alatti rakkoo siyaasaa biyyattii laalchisee dubbii bishaan fuudhu dubbachuu dhiisee erga luugamamee bubbuleera. Dhimma mataa isaa ba'achaa hinjiru jechuukoo miti, akka yeroo fayyaan qaba jedhuu fakkeessuuf illee taanaan dubbachuu dadhabe jechaan jira. Haala kana keessatti ji'oota lakkoofsiseera. Tu'annoo Adda Bilisummaa Tigraay (ABUT) jala kan jiru mootummaan giddugaleessaa (kan federaalaa) lubbuun jiramoo hinjiru haga jedhamutti dhimmoota siyaasaa biyyattii irratti gadi ba'ee dubbachuu maaliif dadhabe? Wayita biyyi fala dhabdee akkas rakkatte kana keessatti daawwaa ta'ee biyyattii fayyisuu baatus akka durii sana "..ani abbaa dhimmaati, falli biyyattii kunooti" jechuu maaliif dadhabe laata? Yoo barbaachuu baatewoo jechuu dandeessu, inni kun amala isaa waliin waan hindeemneef hinbarbaanne jechuun hinta'u.

Gama biraatiin immoo mootummoonni naannoo toles bades, aangoo jabaa qabaatanis dhabanis jiraachuu isaanii agarsiisuuf gama garagaraan dhama'aa akka jiran agarra. Keessumatti warri Oromiyaa wanti isaan hindubbanne hinjiru: "Warraaqsa Diinagdee," "sabboontummaa Oromoo," "uummata Oromoo malee gooftaa biraa hinqabnu," dhiyeenya kana immoo waa'ee foon Harree. Keessumattuu dhimmi waa'ee foon Harree kun eessaa akka ka'e sirriitti beekamuu baatus "nuti mootummaa kana mormina" warra jedhan dabalatee namoota hedduu raatessee akka isaan "OPDO" jajan taasiseera. Erga Labsiin Yeroo Hatattamaa kun labsamee as "OPDO"n dirree " social media" qofa irratti osoo hintaane isaan alattis diinota ishee hanga manaatti dhaqxee karaan ittiin lolaa jirtu heddummaataa jira. Lola akkasitti "OPDO"n bante keessatti namoonni muraasini ijifatamanii "OPDO" jajuu hojii isaanii idilee taasisaniiru, keessumattuu waa'ee diddiga/balaqqama "Warraaqsa Diinagdee" waliin walqabatee. Isa kana yeroo biraa itti deebi'uu dandeenya.

Mootummaan naannoo Amaaraas hojii walfakkaataa hojjetaa jira. Kaleessa Ebla 18, 2017 garuu maqaa qorannoo mirga namoomaa "Koomishinni Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa" qoratee xumure paarlaamaaf dhiyeessuu jedhuun mootummaan giddugaleessaa/federaalaa ABUTn hoogganamu karaa afaan Addisuu G/Igzaabiheeriin afaan saaqqatee jira. "Anis jira, mootummaa federaalaan jedhama," akka jechuu. Dubbiin Addisuun G/Igzaabheer bu'aa qorannoo jedhee dubbise hamma ibsa ejjennoo ABUT fakkaatutti kan taajjabbii ta'ee ooleera. Sabaa-himaalee gurguddoon utuu hinhafin waa'ee sochii mormii uummata Oromoo gara duubaatti deebi'anii ilaaluudhaan gabaasa garagaraa dhiyeessaniiru. ABUTs kan barbaade kanauma. Qabiyyee gabaasichaa irratti dubbachuuf baayyee faayidaa qabaachuu yoobate illee, mee haabulu.

Erga Labsiin Yeroo hatattamaa kun labsamee as haala adda ta'een biyyattiin humna loltuu jalatti akka kuftu taasisee, caasaa tikaan gargaaramuun "biyyattii bulchaan jira" kan jedhu mootummaan giddugaleessaa/federaalaa sagaleen isaa dhabamee warri naannoo immoo sagalee olkaafatanii yeroo hunda halaakuun waan barame miti, tasumaa keessummaadha. Alaa gara keessaatti wayita ilaalamu garuu humna jabaa kan qabu mootummaa giddugaleessaa/federaalaa namatti fakkaata, sababiin isaas humana loltuu fi tikaatiin biyyattii micciiree qabatee taa'aa kanjiru isa waan ta'eef. Kan humnaan biyyattii micciiree ittiin deemaa jiru kabiraa, kan iyyaa jiru ammoo kabiraa ta'uun isaa rakkina uummanni keessa jiru caalaa, ykn ammoo rakkina uummataa fi mootummaa lubbu-naataa ta'e kana gidduu kan jiru caalaa rakkoon gadi fagoo fi walxaxaa ta'e mootummaa aangoo qabtee jiru kana keessa akka jiru, kunis immoo tasumaa akka fala dhabaa adeemaa jiru waan himudha jedheen amana. Kana jechuun humni loltuu fi tikaa biyya humnaan micciiree ittiin adeemaa jiru kun olaantummaa ABUT bifa mirkaneessuun mootummaa giddugaleessaa tasgabbeessuu hindandeenye. Gama biraatiin olaantummaan loltummaa mootummichi biyyattii irratti yeroof argatee jiru rakkoo siyaasaa keessoo (kan ABUT/ADWUI jechuu kooti) hiikuu hindandeenye jechuudha. Kanbiraan yoohafe ADWUIn ji'a darbe keessa walga'ii erga taasifateen booda illee garamitti adeemuu akka fedhu dubbachuu hindandeenye. Adda baba'iinsi, qoqqoodamni ABUT matuma isaa keessa jiruu fi ABUT fi paartilee inni walitti qabee ADWUI jedhee moggaasee ittiin adeemaa jiru gidduutti mul'atu hamma alaan ilaalamee tilmaamamu caalaa guddaadha jedhaan jira. Gabaabumatti humni paartichi amma qabu rakkoo keessoo isaa dhoksuuf humna qabaatu illee waliigaltee adeemsa kallattii siyaasaa tokkoon asba'uu dadhabuun isaa tatarsa'iinsaaf haalduree barbaachisan waan guuttate fakkaata.

Adeemsi armaan olitti ani kaase kun garuu dubbii Addisuun G/Igzaabiheer gabaasa jedhee dubbise kana waliin dimshaashatti wayita ilaalamu waan hunda caalaa kan inni nuuf himu mootummaa giddugaleessaa/ federaalaa rakkoo hammaataan qabamuu fi dhukkubsachuu isaati. Kun immoo akkuma duraanii illee mootummichi sobee jabaa akka ta'e himachuuf qoodamiinsa keessoo irra aanuudhaan ibsa garagaraa kennuuf illee rakkachuu isaati. Kanaaf maqaa "gabaasa qorannoo" jedhuun ABUT keessaa hoji-gaggeessaa "Koomishinni Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa" ta'ee kan muudame Addisuu G/Igzaabiheeriin dubbachiisuun akka dhimmaatti waan fudhatame fakkaata. Dhimmichis "ABUT akkuma duraanii olaantummaa tasgabbii qabu waliin mootummaa giddugaleessaa/federaalaa qabatee akka jiru" uummatatti, taajjabdootattis himuu, "keessi keenyas nagaadha" akka jechuu. Himannaan gabaasni sun bifa gargaraan "OPDO" irratti dhiyeesses waliigalteen waantaasifame hinfakkaatu, sababiin isaa dubbiin/'gabaasni' ABUT kun "OPDO" qixxeedhuma ABO fi KFO waan himate fakkaata. Yoo akkas ta'e "OPDO" dhaanis "homaa miti, ammaaf dhidhiittachaa jiraachuukee argeera, garuu carraankee inni dhumaa akkuma duraanii harkakoo keessa jira," waan jedhu ofkeessaa hindhabu.

Seenaan warraaqsota jaarraa 20ffaa keessa addunyaa kana irraa biyyoota garagaraa keessatti raawwataman waan nubarsiisan qabu, innis milkaa'inni warraaqsa uummataa hammuma jabina isaan madaalamu qoqqoodamuu/tatarsa'uu mootummaa isaan garagalchuu barbaadaniinis inmadaalama. Gabaabsinee yoo ilaalle sochiin warraaqsa uummataa mootummaa tokkummaa'aa ykn kan keessi isaa rakkoo hinqabneen lolan nifashalan, warri mootummaa qoqqoodamaan lolan immoo nimilkaayan. Adda baba'iinsi ABUT/ADWUI carraa sochii warraaqsaa biyya kana eeggataa jiru irratti dhiibbaa niqabaata. Gaaffiin hundi keenya deebisuu qabnu garuu warraaqsi seenaa biyyattii keessatti haaraa waan hintaaneef, "gatii ulfaataan biyyattiin warraaqasa bara 1974 hordofuun kafalte ammas biyya kana eeggataa jiramoo maqafameera?" kan jedhudha. Gaaffii kana deebisuun kallattii fi tarsiimoo siyaasaa humnoonni biyya kana irraa fedhii qabna jedhan (keessumattuu paartileen siyaasaa Oromoo fi jaarmiyaaleen Oromoon haga har'aatti horate) haala quubsaa ta'een gorora liqimsanii ittiyaaduutu barbaachisa. Akkas yoo ta'e tarsiimoon baafannu, kallattiin irra adeemnus muuxannoo fi beekumsa lafa-qabataa ta'een gaggeeffama. Wayita akkas ta'u immoo bifa gaaffii uummata Oromoo hinxiqqeessineen carraa fi balaa hunda keenya dura jiru hubannee, gatii isaas madaallannee ittiin adeemna jechuudha.


                                Fayyaa ta'aa.

No comments:

Post a Comment