Tuesday, March 7, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 3ffaa) Maalummaa Ofiin Of-bulchuu (Self-rule) Miseensota Federeeshinii

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 3ffaa) Maalummaa Ofiin Of-bulchuu (Self-rule) Miseensota Federeeshinii

                                             ( Milkessa Midega irraa)

Biyyi tokko federeeshiniidha jechuuf mootummaa waloo (shared-rule) fi miseensota federeeshinii ofiin of-bulchan (self-rule) qabaachuu qaba. Mootummaa waloo kutaa 2ffaa keessatti ilaallee jira. Amma miseensota federeeshinii ofiin of-bulchan ilaalla. Maqaan miseensota federeeshiniif kennaman biyyaa biyyatti gargar ta'uu danda'a. Biyya Switzerlanditti"kaantoon" jedhamu, biyya Ameerikaatti "state", Afrikaa Kibbaatti "province", Jarmaniif Ostriyaati "Landers", Naayjeeriyaafi Itoophiyaatti "state", Kanaadaatti "province", Raashiyaatti "republic", fi kkf jedhamu. "State" jechuuniifi naannoo jechuun gargar ta'us, barruu kana keessatti tokkuma jedhaatii fudhaa yeroo dubbiftan. Egaa ofiin of-bulchuu jechuun maalii? Dameelee mootummaa sadan, jechuunis seera-baaftuu (Caffee), raawwachiiftuu, fi mana murtii aangoo guutuu qaban qabu naannoleen jechuudha. Sadan dameelee mootummaa naannoo kunneenis bilisummaa ofii qabu, aangoo heera federaalaan isaaniif kenname gaafa hojiitti hiikan murtee xumuraa dabarsu, isaanii oli taa'ee aangoon isaan ajaju humtuu hin jiru jechuudha. Itti-gaafatamni biiroo maallaqaa ykn biiroo nageenya naannoo caffee naannichaaf qofa ta'adha. Qaamni mootummaa federaalaa kamiyyuu biiroo naannoo tokkollee ajajuus gamaggamuus hin danda'u. Manni maree federaalaafi caffeen naannolee aangoo walgitu qabu, lamaanuu uummataan filamani, lamaanuu aangoo heeraan itti kenname qabu waan ta'eef. Kaabineen federaalaafi kaabineen naannoolees aangoo walgitu qabu, tokko isa biroo ajaju, to'achuu, gamaggamuu hin danda'u. Qaamni abbaa seerummaa mootummoota lameeniis akkanuma. 
Garuu, namoonni baay'een mootummaa naannoo mootummaa federaalaa gadi godhaniitu amanu, ilaalu. Kun dogoggora guddaa ilaalcha yunitarii ykn impaayera ykn sooshaalistii dulloome irraa madda. Namoonni dogoggoraan ilaalcha yunitarii baatanii yoo hooggansa mootummaa naannoo argatan, ergamtoota mootummaa giddu galeessaa ta'u. Bilbilli mootummaa federaalaa irraa bilbilamu, barchuma irraa isaan kuffisuu gaha. Warri akkasii mootummaa giddu galeessaa bakka bu'uun naannolee bulchu. Yeroo akkasii, ofiin of-bulchuun hin jiru jechuudha. 
Mootummaan naannoo ofiin of-bulcha jechuun aangoowwan seera baasuu, raawwachiisuu, seera-hiikuu hunda isaa irratti ofuma isaaf murtee xumuraa kenna. Ofuma isaatiin seera naannoo isaaf tolu baafata, akka isaaf tolutti hojiidhaan agarsiisa, akka fedhetti seerota kana mana murtii ofii qaama siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'een hiikkata. Dhimmoota naannoleen mirga ofiin of-bulchuu irratti qaban:
• Siyaasaafi caaseffama bulchiinsa naannoo ofii akka fedhanitti ijaaruufi bulchuu;
• Filannoo bilisa ta'e gaggeessuun caffee ofiifi kaabinee ofii ijaarrachuu
• Dinagdee naannoo ofiirratti olaantummaan ajajuufi imaammata hawaas-dinagdee uummatichaaf tolu baasuufi hojiirra oolchuu;
• Galii mataa ofii murteeffachuu;
• Lafaafi qabeenya uumamaa naannichaa ofiin bulchuu;
• Poolisii naannoo ofii bifa isaaf ta'uun ijaaruufi ajajuu;
• Hojjettoota mootummaa naannoo qacarachuufi hoogganuu (fkn, ministeerri fayyaa ogeeyyii barbaade ergee biiroo fayyaa naannootiin qacari jechuu hin danda'u).
• Mana murtii naannoo ofii bilisummaa qabuufi kan federaalaan walgitu ijaarrachuu;
• Barnoota afaan ofiin barsiifachuu; biyyoota baay'ee keessattimmoo yunivarsitiillee naannoleetu ijaarratee ajajata.
• Aadaa, eenyummaafi afaan ofii dagaagfachuu, ittiinis hojjechuu (afaan hojii naannoo ofii murteeffachuu); fi kkf.
• Biyya Beeljiyeem keessattimmoo naannoleen ministeera haajaa alaafi biyyoota addunyaa irratti ambaasaaddaroota mataa ofii ergatanii qabu. Ambaasaaddaroonni kunis Imbaasii Beeljiyeem keessa taa'u. 
Mootummaan federaalaa harka isaa dheereffatee aangoo naannolee kana keessa galee borcuuf aangoo heeraan kennameef hin qabu. Biyyoota sabaafi sablammii irraa ijaaraman keessatti, naannolee irraa mirga ofiin of-bulchuu fudhatanii to'annoo mootummaa federaalaa jalatti ittisuun rakkoo raafama dinagdee, hunkurama siyaasaafi diigamuu biyyaa fiduu danda'a akka muuxannoon biyyoota federeeshinii gama Awurooppaa bahaa agarsiisanitti. Federeeshinoonni sab-daneessa turan Awurooppaa bahaa kanneen akka Yugozlaaviyaa, Gamtaa Sooviyeet, Chekosloovaakiyaa fa'a paartii hooggansa abbaa-irree koministii jedhamu kan mootummaa giddu galeessaa keessa taa'ee ajaju jala turani yeroo dheeraaf. Naannoleen mirga ofiin of-bulchuu tokkollee hojiitti hiikkachuu hin dandeenye. Hubadhaa, naannoleen biyyoota Awurooppaa bahaa kunneen afaan hojii mataa ofii qabu ture, afaan ofiitiin barnoota kennu ture, garuu murtoo siyaas-dinagdeen walqabatu hunda akka heera federaalaatti utuu hin taane, akka fedhii hooggansa waraanatiin bulu ture. Saboonnii fi naannoleen walqixxummaa dhabaniitu yeroo dheeraaf hacuucamaa turani. Kanarraa kan ka'e, jalqaba bara 1990moo keessa, Gamtaan Sooviyeet biyya kudha shanitti diigamte, Yugozlaviyaan biyyoota shanitti, Chekosloovakiyaan biyya lamatti diigamaniiru. Kanaafuu, biyyoota sab-daneessa ta'an keessatti, sirna federaalizimii filachuun karaa dhugaan saboonni ykn naannoleen walqixxummaan waliin biyya tokko keessa akka turan taasisuufi. Bu'uurri kaayyoo ofiin of-bulchuu, saboonnii ykn naannoleen walqixxummaan biyya tokko keessa akka jiraataniifi. Biyyoota uummata lakkoofsa baay'eefi lafa baldhaa qaban, giddu galeessa tokko taa'anii bulchuun waan hin danda'amneef, mirgi ofiin of-bulchuu naannoleef heeraan kennameetu federeeshiniin uumama. 
Utuma jennuu, sababuma baay'ina uummataafi baldhina lafaatiif Oromoon waggaa dhibboota baay'een dura aangoo giddu gala tokko irra ture gara ilmaan/godinoota isaaf dabarsuun labseetu sadarkaa mootummaa giddu galeessa ofii dadhabsiisuu irra gahee ture yeroo humni weerartoota Awurooppaafi Minilik gaanfa Afriikaatti dhufan. 
Mee haala mirgoonni ofiin of-bulchuu miseensota federeeshinii Itoophiyaa itti jiru ilaalaa. Akka hubannoo kootti, waggoota 25n darban naannoleen sagal ijaaramanis, mirgoota ofiin of-bulchuu heeraan kennameef hojiirra oolfachuu hin dandeenye. Kana booda sirni federaalizimii Itoophiyaa lubbuu horateetu, naannoleen dhugummaafi walqixxummaan ofiin of-bulchuu eegalu moo maaltu dhufa laata?

Horaa Bulaa, Gadaan gadaa dhugummaan ofiin of-bulchuu eegallu nuuf haa ta'u.
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee.

No comments:

Post a Comment