Monday, March 6, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 2ffaa) Maalummaafi Hirmaannaa Aangoo Mootummaa Federaalaa

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 2ffaa) Maalummaafi Hirmaannaa Aangoo Mootummaa Federaalaa

                                           
                                           (Milkessa Midega irraa)
Mootummaa federaalaa jechuun mootummaa waloo isa "shared-rule" jedhamudha. Naannoleen federeeshinicha ijaaran haala madaalawaan kan keessatti hirmaatanidha. Bakka kanatti wanni hunduu dandeettii amansiisuun (bargaining power)n dhufa. Hoodhu kana fudhu, kun siif ta'a, wanni jedhamu hin jiru. Situ marii garaa garaa gochuun (negotiation) amansiifattee dhiibbatta. Maal qooddattaa; hammam qooddattaa? Wanni qoodamu:
Teessoo mana maree (Paarlamaa),
• Hooggansa olaanaa (Muummicha Ministeeraa, Presidentii, ministeerota, itti aanaa isaanii, ambaasaaddaroota biyya alaa keessa faca'anii jiraatan, aangoo siyaasaan argamu hunda)
• Miseensota waraana biyyaalessaa, hooggansa waraanaa, humna addaa (federal police), qaama nageenyaa siivilii,
• Abbootii seeraafi abbooti alangaa federaalaa
• Hojjettoota mootummaa federaalaa (federal civil servants)
• Budgetaafi galiiwwan biyyaalessaa kan biroo
• Tajaajila tamsaasaafi maxansaa (sa'aa raadiyoo, TV, barullee, gaazexaa, online)
• Afaan hojii mootummaafi barnootaa dhaabbilee federaalaa
• Kan kana fakkaatan.
Wanni qooddatan kun hunduu mootummaa federaalaa jedhama. Achi keessaa nama qabaachuun gahaa miti; nama bakka bu'insaan qajeeloon hirmaatutu, falmatutu aangoo hirmaateera jedhama. Mana maree federaalaa keessaa bakka bu'een naannoo ykn saba tokkoo dhimma saba ykn naannoo bakka bu'ee achi jiruu falmuun (bargain) gochuun bu'aa uummata isaaf argamsiisuu qaba. Mootummaan Naannoo isaaniis ergama bakka bu'ee isaatti kennuu qaba. Manni maree federaala Itoophiyaa silaa lafa walfalmiin guddoon itti ka'u, lafa seerri tokko yoo bahu anatu miidhamaa, situ fayyadamaa, lakki kana sana waliin jedhanii dhumarratti waliigalan ta'uu qaba ture. Amma lafa itti rafan, dhaqanii itti boqotan fakkaata. 

Hooggansi siyaasaa filannoon dhufus, eenyummaa naannolee ykn biyya saboota hedduu keessatti, eenyummaa sabootaa calaqqisiisuu qaba. Prezidaantiin Switzerland waggaa waggaan bakka bu'ee kaantoonii tokkorra isa biraatti ce'a. Presidentiin waggaa tokkoo ol bulchu hin jiru. Biyya filannoo sirna sagalee walcaalmaan (majoritarian parliament) bulan keessatti garuu, saba iisa guddaatu yeroo mara Muummicha Ministeeraa ta'a. Biyya presidentiin bultu keessatti immoo saba isa guddaatu presidentii ta'a gaheen sirna paartii biyya bulchuu akkuma jirutti ta'eetu. Ministeeronni saba tokko qofaarraa yoo guutaman sirna apartheid ta'a. 

Keessattuu, biyya sabaafi sablammii taate keessatti, missensot waraanaafi hooggansa isaa hirmaachuun hundee nageenyaati. Biyya kam keessattuu, negotiationiin jalqabaa, qaama hidhatee socho'u qoqqooddachuu ta'a. Fakkeenyaaf, heerri federaala Itoophiyaa Keewwanni 87/1 akkas jedha: "Qabiyyeen humna ittisa biyyaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa bakka bu'ummaa madaalawaan (equitable representation) calaqqisiisuu qaba". Lafarra wanna jiru hundi keenyayyuu ni beekna. Caasaa nageenyaa federaalaa hunda keessatti Oromoon hammamii? Isinumtuu madaalaa. 

Siivil sarvaantota federaalaan walqabatees, Keewwanni 39/3 sabaafi sablammoonni Itoophiyaa mootummaa federaalaas ta'ee mootummaa naannoo keessatti bakka bu'ummaa madaalawaa argachuu qaba jedha. Garuu Oromoon mootummaa federaala keessaa sababa afaan hojiin hojii ala godhamee jira. Isuma bara duriitu ittifufe. Oromoon Mootummaa Oromiyaa keessattuu akka baay'ina isaatti hin qacharamne. Oromoon Oromiyaa keessa jiru, akka Istaatiskii federaalaatti, parsantii gara 90 ti. Garuu, mootummaa Oromiyaa keessa Oromoon jiru parsantii 80 qofa. Dhugummaa kanaaf, gabaasa Ministeera Siivil Sarviisii yeroo dhihoo ilaalaa.

Aboootii seeraafi abbootii federaalaa keessa sabaafi sablammoonni Itoophiyaa bakka bu'ee madaalawaa waan qaban natti hin fakkaatu. Ambaasaaddarootas ilaalaa mee. Yeroo mana maree federaalaatti kun hunduu muudaman Kabajamoo A/Y Obbo Abbaa Duulaan waan jirtu hunda ni beeku. 

Baajenniifi galii qooddachuun bu'uura hojii hundaa waan ta'eef, naannoleen foormulaa maaliin qooddatuu, eenyutu irra argataa? Naannoleen uummata xiqqoofi uummata baldhaa qaban akkamitti baajeta kana argatuu? Foormulaan bahu murteessaadha. 
Filmaanni afaan hojii walfalmiifi waldhabdee isa guddaa kaasa biyya sabaafi sablammii ta'an keessatti. Afaan tokko callisanii afaan hojii federaalaa jedhanii yoo uummata irratti fe'an, warri afaan sanaan dhalatan yeroo mara fayyadamaa yoo ta'an, warri hafan moggaatti hambifamu jechuudha. Kanaafi, biyyoonni hedduun afaan hojii federaalaa afaanota baay'ee kan taasifataniif. Kan Itoophiyaa waan addaati, afaan guddichi biyyattii Afaan Oromoo utuu taa'uu, afaan bara duriis afaan cunqursaa turetu hojii isaatti itti fufe. Maaltu negotiate ta'e egaa. Afaan Ingiliffaan Imposed ta'e jedhama. 

 Walumaagalatti, mootummaa tokko mootummaa federaalaa wanti jechisiisu yoo jiraate, yoo karaa madaalawaa ta'een qoqqoodinsi aangoo jiraate qofaadha. Kanaan ala mootummaa impaayeraa ykn waraanaan bultu ykn kan abbaa-irree ykn gonfoo ykn fiwudaalawaa ta'a jechuudha. Mee kan Itoophiyaa kana ilaalaatii madaallii keessan lafa kaayaa.
Horaa bula
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee

No comments:

Post a Comment