Sunday, March 5, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 1ffaa) Ulaagaalee Biyyi Federaalizimiin Bultu Guutuu Qabdu

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 1ffaa) Ulaagaalee Biyyi Federaalizimiin Bultu Guutuu Qabdu.

                                                     
                                             ( Milkessa Midega irraa)
Gaaffii namoonni hedduun na gaafatan irraa ka'uun ulaagaalee biyyi tokko federaalizimiin bulti jechuuf guutuu qabdu akka xiinxaltoonniifi muuxannoon addunyaa agarsiisutti kan armaan gadiiti.
Hunda dura garuu sirni bulchiinsoonni mootummaa yunitarii (tokkummaawaa), mootummaa sirna federaalaa, impaayeraa, fiwudaalistii, sooshaalistii, mootummaa kolonii, abbaa-irree/waraanaan bultu, mootummaa gonfoo, mootummaa amantaa, fi kkf hunduu adda bahanii hubatamuu qabu. Akkuma yeroo arganneen tokko tokkoon ilaaluu ni dandeenya. Amma ulaagaalee biyyi federaalizimiin bultu guutuu qabdu ilaalla:

  • 1. Mootummaa aangoon walmadaalu lamaafi lamaa olqabaachuu. Mootummaa federaalaafi mootummoota naannolee jechuudha. Biyya tokko tokko keessatti immoo mootummoonni aanaalees aangoo mootummoota naannoleefi federaalaan walmadaalan qabu. Yeroo akkasii mootummaa sadiitu jira jechuudha. Aangoo walmadaalu qabu jechuun mootummoonni hunduu aangoo mataa ofii qabu, tokko isa biraa hin ajaju. Hunduu aangoo isaanii kan argatan heeraafi uummata bulchan irraati waan ta'eef, wal hin caalani. Aangoo kanas guutummaa guutuun itti fayyadamu jechuun murtee xumura qaban ofiif kan kannan ta'a. Mootummaan federaalaa aangoo isaaf kenname yoo itti fayyadamu naannolee hin eeyyamsiisu, naannoleenis aangoo ofii yoo fayyadaman mootummaa federaalaa hin eeyyamsiisani. Kanaafuu, birmadummaan biyyaa bakka lamaafi lamaa olitti hirama jechuudha (divisible sovereignty) biyya sirna federaalaan bultu keessatti. Kanaafi, naannoleen alaabaa mataa ofii kan godhataniif. Birmadummaa jechuun murtee xumuraa kennuu jechuudha. Birmadummaan kan uummataati, haa ta'uutii karaa bakka bu'oota uummataan ykn Caffeedhaan hojiirra oola. Hubadhaa: Mootummaa federaalaa jechuun mootummaa naannoleen waliin ijaarratanii qabanidha; mootummaa dhokatee bakka ta'ee asbahe jechuu miti. Biyya tokko, alaabaa tokko, afaan tokko, eenyummaa tokko, birmadummaa tokko wanni jedhamu sirna bulchiinsa biyya impaayeraati, yunitarii keessayyuu hin jiru. Hooggansi ADWUI tokko tokko gara ilaalcha warra ofiitti harkisuudhaan "ijaarsa hawaasa siyaasaa tokkoo fi hawaasa dinagdee tokkoo" jedhamee heera federaalaa irratti barraa'e, kaayyoo impaayera ijaaruuf oolfachuu barbaadu. Biyya hawaasa dinagdee tokkoo ijaarra jedhaniitu, aangoo naannoleef heerri kenne seera baasuun diigaa turani. Seerota yeroo dhihoo bahan hedduu akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama. Kanaafuu, mootummoonni lamaafi lamaa ol kan birmadummaa mataa ofii qaban waliin jiraachuu qabu. 
  • 2. Aangoon seera baasuu, hojii raawwachiisuu, seera hiikuu (abbaa seerummaa) heeraan mootummoota lamaaniif ni hirama. Aangoon heeraan hirmaatamus walmadaaluu qaba. Dalagaafi aangoon uummatatti dhiyoo ta'an hunduu kan naannolee ta'u. Aangoon biyyattii akka waliiniitti itti fayyadamamuu qabu kan mootummaa federaalaa ta'a. Mootummaa federaalaa keessattis naannoleen ykn saboonni karaa ifa ta'een aangoo hirachuu qabu. Maddi galii mootummootaas walmadaaluu qaba. Akka Itoophiyaatti heerri federaalaa, naannolee saglaniifuu aangoo walfakkaatu kennaafi. Aangoo naannoon tokko itti fayyadamee, tokko hin qabne akka heeraatti jiraachuu hin danda'u. Fakkeenyaaf, naannoleen hunduu poolisii mataa ofii akka barbaadanitti ijaarrachuu ni danda'u jedha Keewwanni 52. Mee Naannoo Sumaaleefi naannolee hafan hunda, keenyas dabalatee ilaalaa, naannoleen raawwii aangoon walcaalaniiru. Yoo aangoon hundi kan mootummaa federaalaa ta'e, naannoleen aangoo waan hin qabneef birmadummaa hin qabani; biyyi akkasii sirna federaalaan bulaa hin jirtu jechuudha.
  • 3. Heerri barreeffame jiraachuu qaba. Aangoon hirmaatame heera irratti karaa ifa ta'een taa'uu qaba. 
  • 4. Olaantummaan heeraa kabajamuu qaba; kana jechuun sirni dimokraasii jiraachuu qaba; mirgi dhala namaa kabajamuu qaba, ykn mirgoonniifi dirqamoonni heera keessatti caqafaman hunduu hojiirra jiraachuu qaba jechuudha. Olaantummaan heeraa hin jiru taanaan ulaagaan guutamu tokkollee hin jiru waan ta'eef, sun biyya mootummaa abbaa-irree ykn impaayeraa ta'a.
  • 5. Qaamni abbaa seeraa mootummaa lamaan irraa walaba ta'ee sirna federaalizimii kana taphachiisu jeraachuu qaba. Qaama heera hiiktuu jedhama. Seeronni mana mareen bahan heeraa faallessu yoo ta'e, tarkaanfileen hoji-raawwachiiftuun yeroo yeroon fudhatan heera yoo cabsa ta'e, qaama kanatu qoratee murteessa. Biyyoota baa'ee keessatti Mana Murtii Walii Galaatu fudhata aangoo kana. Ykn, Mana Murtii Heeraa kan jedhamutu ijaaramuu qaba. Namni kamuu yoo mirgi heeraa isaa cabe lafa itti dhaqee himatee, dhugaa argatu jiraachuu qaba. Akka biyya Itoophiyaatti qaama Mootummaa Federaalaa kan ta'e, Mana Maree Federeeshiiniitu aangoo kana fudhate. Utuu mootummaan federaalaafi mootummaan naannoo tokko walitti bu'anii eenyuuf akka manni maree kun murteessu beekamaadha. Kanaafi, dhimmi Dirree Dawaafi Finfinnee lafarra gototamee kan har'a gaheef. 
  • 6. Mana maree seera baasuu danda'u lamatu mootummaa federaalaa keessa jiraachuu qaba. Mana maree olaanaa (senate) fi mana maree bakka bu'oota uummataati. 
  •  7. Bakka bu'ummaan addaa naannoleedhaaf ykn sabootaaf kan ta'u mana maree olaanaati. Miseensonni mana maree kanaa bakka irraa dhunfan bakka bu'u. Fakkeenyaaf manni maree olaanaa biyya Jarman Bundesrat jedhama, innis mirka naannolee (Landers) eeguuf uumame. 
  • 8. Qaamni ykn dhaabbanni ykn walga'iin ykn adeemsi walaba ta'ee mootummoota birmadummaa qaban lamaan walitti fidee, akka waliin marii'atanii qindoominaan waliin dalagan taasisu jiraachuu qaba. Intergovernmental Relations (IGR) jedhama. 

Kanaan madaaluun ni danda'ama biyyoota addunyaa irra jiran hunda. Fakkeenyaaf, biyyi Afriikaa Kibbaa ani federeeshiiniidha ofiin hin jettu, garuu ulaagaalee armaan olii waan guuttuuf, federeeshiiniidha. Biyyi Itoophiyaa eessa akka isheen jirtu, maal akka isheen fakkaattu heeraafi raawwii lafarratti ture ilaalaatii madaalaa mee. 
Horaa Bula, 
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee

No comments:

Post a Comment