Monday, March 6, 2017

Abjuun bara beelaa....

Abjuun bara beelaa.....

                                      
                                          (Jawar Mohammedirraa)
Jidduu tana Addisu Araggaa itti gaafatamaan damee ololaa OPDO dubbii 'Oromo Economic Revolution" jedhu irra deddeebi'ee maxxansaa jira. Jarri tun ni afaanfacjjoofte moo afaanfajjii uumuu feeti? Jechi revolution jedhu galaafii laata?

Gama diinaggees ta'ee siyaasaatin revolution jechuun jijjirama hundee caasaa sirna jiru tokkoo diigee haaraatti jaaru jechuudha. Gama siyaasaatin yoo laallee revolution jechuun jijjiirama sirna mootummaa jiru barbadeessanii akka haaraatti lafaa ol ijaaruun dhufu jechuudha. Gama diinaggeetin ammoo economic revolution jechuun abba qabeenyummaa, immaammataafi tarsiimoo biyti takka hordofaa jirtu guututti jijjiruun haarayaan bakka buusuu jechuudha. Fakkeenyaaf kun Itoophiyaa keessatti bara 1975 ta'ee jira. Sirni mootii ( monarchy) diigamee kan waraanaatin bakka buufame. Imaamanni diinaggee gara command economy jijjirame. Lafti abbaa lafaatirraa fuudhamtee qonnaan bulaaf kennamte. Manneen magaalaa dureeyyotarraa fuudhamtee jiraattotaaf hirame. Jijjiiramni sun haa toluu haa baduu revolution jedhamu dandaha.
Jijjirama guddaa akkasiituu dhiifnee Green Revolution biyya India fi kanneen birootti raaw'ate yoo laalle tarsiimoofi teknolojii qonnaa takkaa addunyaa keessaatti muldhatee hin beekne hojiirra oolee hamma omishaa addunyaan agartee hin beekne waan muldhiseef jechi 'revolution' jedhu kennameef. Waliigalatti jijjiramni siyaasa, diinaggees ta'ee hawaasummaa tokko revolutionary dha yoo jennu geddaruumsa immaamataa, tarsiimoofi caaseffamaa of haala haaraa uumu jechuudha.

Maarree 'economic revolution' OPDOn xibaartu kami laata? Kubbaaniyyaa biyyatti gurguddaatu ummataaf kenname moo? Hamman ani beekutti EFFORT har'as kan Tigreeti, Midroc kan Arabtichaati. Galii Oromiyaan galfataa jirtu keessaa ammas harki 75% maqaa mootummaa federaalaatin Tigreetu sassaabbataa jira.
Tarii OPDOn ofitti hin qaanoftu aksiyoona geejjibaa dhaabuuf karoorfatteen akka waan revolution diinaggee saba guddaa miliyoona 50 ta'u kanaaf fiddee itt fakkaatinaa? Kubbaaniyyaa isaan amma ni dhaabna jedhan kana torban kan tahu Tigreen waggoota 20 dura dhaabbachuu isii ni irraanfatanii? Baasii isaan Pirojektoota amma ni dhaabna jechan, jechuunis kan gejjibaa, dhugaatii fi konstiraakshini dimshaashatti yoo walitti idaane qabeenya Tigrichi Saamu'e Taaffasaa ( sunshine construction) qabu keessaa harka 10 hin gahu. Kubbaniyyaaleen amma ni dhaabna jedhan kun osoo milkaa'inaan hojiirra oolaniiyyu ummata miliyoona 50 dhiisaati nama kuma dhibba tokkoofu faayyadamaa hin godhan.

Tattaaffi xixiqqaa maqaa dargaggoota gargaarutin godhamu busheessuufi miti, Garuu waan hin fakkaanne odeessuun of salphiftanii orma nutti hin kofalchiisinaa. Gaafa lafa albuudaa Al Amoudin harka jiru fuutanii, EFFORT Oromiyaa keessaa baaftanii, galii Oromiyaan qabu federaala hanqiftanii, kubbaniyyaalee Oromiyaa keessa jiran dhuunfannaa bulchiinsa naannoo jala galchitanii jettan waa'e 'economic revolution' nutti haasayuu dandeessu. Hammasiifu revolution mataafi maqaa keessanii ol jiru xibaaruu dhiisaati diina ummata keenyaa daangaarraa hadhaa jiru dhoorguu yaalaa, beela ummata goolaa jiru baraarsuuf tattaafadhaa. Ummanni Oromoo OPDOn revolution diinaggees ta'ee kan siyaasaa nuu fiddi jedhe of sobee hin beeku. Hin fiddanis. Wanni ummanni isinirraa eegu guddaan meeshaa diinaa tahuun nu saamsisuufi ajjeechisuu dhiisaadha.

No comments:

Post a Comment