Tuesday, February 14, 2017

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir'isuun hin dandayamu

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir'isuun hin dandayamu.

                                                     (Jawar Mohamamd irraa)

Haasaan Obbo Lammaa Magarsaa jidduu kana godhe ijoo marii tibbanaa tahee alaa manattis irraa dubbatamaa jira. Sababni isaa ifa. Hogganaan dhaaba OPDO tokko ifatti ummanni Oromoo gabrummaa jala jiraachuu yeroo dubbatu dhagahuun isaa waan hin eegamne fi haaraa waan taheefi. Lammaa fi OPDOn haasaa akkanaa maalif eegalan? Wayyaaneen hoo maalif itti dhiifti? Qabxiilee kanniinirratti kana jechuun barbaada:

  • 1) Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuudhaafi xureessuun Oromoo injifachuun akka hin danda'amne waan hubataniifi. Tooftaan Oromoo xureessuufi xiqqeessuu waan kufeef amma tooftaa filatan, Oromoo faarsuun erga firoomfatanii booda deebisanii too'achuufi.


  • 2) Yeroo dheeraaf Wayyaaneen Hogganoota jibbaafi ilaacha farra sabboonummaa Oromoo qabaniin fayyadamaa turte. Tooftaan sun waan kufeef amma namoota sabboonummaa Oromoo hubataniifi afaan sabboonummaa dubbachuu danda’an as baasan. Yoo hogganoonni haaraan kun haasawa bira darbanii tarkaanfii qabatamaa fudhachuutti cehan humna waraanaa waan harkaa qabnuuf ni rukanna jedhanii daguun eeguuf murteessan.


Waa haalleefuu waan Obbo Lammaan dubbate keessaa waan tokkorratti waa jechuun fedha. Obbo Lammaan xiyyeeffannaan guddaan isaa dargaggoo Oromoo diinaggeen humneessuu akka tahe haasaa isaa yeroo adda addaa irraa ni hubanna. Diinaggee irratti fuulleeffachuun kun qalbii dargaggoo gaafii siyaasaa irraa gara diinaggeetti deebisuun warraaqsa kana dhaamsuufi xiinxalli jedhu dhihaataa jira. Sirri ta'uu mala. Akkasuu ta'ee siyaasaan haa hafuuti yoo dhugaan rakkoo diinaggee kana furuuf barbaade akkaataan amma itti deemaa jiran bu'aa barbaachisaa san akka hin buufne beekuu qaba.

Rakkoo hoj-dhabdummaa yeroof furuuf maallaqa itti facaasanii jiruu yeroo gabaabduu (temporary employment) kumaatamaan uumuun ni danda'ama taha. Hiyyummaa hiddaan buqqisuuf garuu sababa hiyyummaa sanii hiddaan buqqisanii gogsuu barbaachisa.

Hubannoon dogongoraa inni guddaan Ummanni Oromoofi Oromiyaan hiyyeeyyiidha yaada jedhu dha. Lakki ummanni kun ni hiyyoomfame (impoverished) malee uumaan hiyyeessa (poor) miti. Kan hiyyoomfames weerara, saamicha, imaammatafi tarsiimoo alagaatiini. Ammatti OPDO fi Lammaan sirna alagaa Oromoo hiyyoomsu guutumatti haa fonqolchan jennee gaafachuun of hin sobnu. Haaluma keessa jiranittuu tarkaanfiilee madda hiyyuummaa kanatti caama buusaniifi akeeka hojii uumuu kana gargaaran fudhachuu danda'u.

Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hoji-dhabdummaa kana sirnaan furuudhaaf hunda dura qabeenya Oromiyaan qabdu guutumaan guututti dhuunfachuu danda'uu qaba.

Qabeenya Oromiyaa yoo dhuunfate hawwii imaammataa hiyyummaa hirdhisuu galmaan gahuudhaaf, imaammata bilisa ta’eefii baajata ni qabaata jechuudha. Itoophiyaan galii waggatti argattu keessaa yoo xinnaate 60% Oromiyaa irraa dhufa.( Warshaaleen biyyattiin qabdu harki 80% Oromiyaa keessa, meshaan alatti ergamu kan akka bunaa 70%, jimaa 100%, albuuda 85%, loon, kal'ee kkf). Faallaa kanaatiin ammoo baajatni Oromiyaan mootummaa federaalaa irra agattu ( budgetary subsidy) kan Itoophiyaa guutuun yoo walbira qabamu 28% caalee hin beeku.
Kana jechuun Oromiyaan madda galii Itoophiyaa taattus qabeenya kana dhuunfachaa hin jirtu. Fakkeenyaaf galiin mootummaan Oromiyaa naannoo san keessaa ofiif fudhatu gibira qonnaatifi daldala xixiqqaati. Kun ammoo galii waggaatti Oromiyaa keessaa argamu irraa yoo guddate 25% taha. Kana jechuun galii waggatti Oromiyaa keessaa argamurraa 75% federaalatu fudhata jechuudha.

Akka seera feederaalizimiitti baajatni naannolee waan lama gurguddaa irratti hundaaye qoodama; baay’ina ummatataatifi gumaata galii naannoon biyyattiif galchuudha. Akkuma statistics mootummaa saniittuu Itoophiyaa keessaa ummanni 35% Oromiyaa keessa jiraata ( dhugaan garuu 50% akka hin hanqanne namuu beeka). Diianagdee biyyatti keessaa ammoo harki 42% Oromiyaa irraa dhufa jedhanii amanu jarrinuu. Maarree shallaggii kamiini Oromiyaan ummata 35%, galii 42% qabaattee gaheen baajata federaalaa 28% kan ta’uuf? Wanni ani asitti kaasuu barbaade qabeenyi Oromiyaa dhuunfannaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala waan hin jirreef, hanga wanti kun hin jijjiramnetti Lammaan faan hamma fedhanis yoo wixxifatan rakkoo hoji dhabdummaa furuuf madda galii argachuu hin dandayan.

Dhimma diinaggee biyyatti sanii yeroo haasayamu wanni yeroo baay'ee hin dubbatmane isa kana. Wayyaaneen karaa lamaan Oromiyaa irraa galii argatti. Karaan tokkoon diinaggee Oromiyaa daldaltoota Tigree harka itti galchanii jiran. Kunis daldala naannoo Oromiyaa sadarkaa qabeenya paartii ( EFFORT) akkasumas daldaltoota dhuunfaatiin too'achiisanii jiran. San qofaa miti. Bu'uraalee misoomaa Oromiyaa keessatti jaaraman kontiraanni kubbaaniyyaalee Tigreetiif akka kennamu gochuuni. Karaan lammataa ammoo akkuma armaan olitti tuqame kan mootummaa federaalaa dahachuudhaan maddeen galii ( warshaalee, oyyruu qonnaa, albuudaa kkf) Oromiyaa keessa jiran kallattiidhaan too'achuun galii sassaabbatani. kana jechuun mootummaan federaalaa maddeen galii gurguddoo Oromiyaa keessaa too'chuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa hagabsee fudhata.

Bara 1995 yeroo caasaan federaalaa dhaabbatu warashaaleen gurguddaan (kan akka warshaalee sukkaraa, simintoo, huccuu, dhugaatii), qonni midhaanifi bunaa babal'oon, lafti albuudaa, hoteelonni kkf 'qabeenya ummanni Itoophiyaa waliin hore waan ta'eef naannoo tokkoof kennamuu hin qabu jechuun federaala jala galche. Hubadhaa qabeenyi mootummaa (state owned enterprises) kan federalaaf kennaman dhibbentaan 80% Oromiyaa keessaa, muraasni Kibbaa, xiqqoon wayii naannoo Amaaraati. Galii Oromiyaa irraa waggatti galu keessaa enterprise mootummaa federaalaa jala galan kun harka 40% akka tahe ni tilmaamama.

Mootummaa federaalaan kan too'atummaa kubbaaliyyaalee mootummaa qofaa miti. Kubbaniyyaalee dhuunfaa ( private limited Companies LLC, Kobbaaniyyaalee waloo ( share companies) akkasumas kubbaaniyyaalee biyya alaa ( foriegn companies) cufa kan gibira galii irraa guuruu mootummaa federaalaati. Labsii heera mootummaa cabsu baasuun kubbaaniyyaaleen biyya keessaafi alaa mootummaa federaalaa jalatti akka galmaayan gochuudhaan aangoo heeraan mootummaan naannoo Oromiyaatif kenname hoongessanii ofiif too'tan. Bifa kanaan gibirri Oromiyaan guurtu kan qonnaan bulaafi enterpirsii xixiqqaa qofatti daangeffame. Galiin Oromiyaan gibira kanarraa argattu dargaggootaaf hojii uumuu dhiisi mindaa hojjattoota mootummaatuu kaffaluu hin danda’u.

Kubbaaniyyaalee mootummaa fi dhuunfaa kanarraa Oromiyaan gibirumallee waa takka hin argattu. Akkuma namuu beeku kan biraa dhiifnee hojjataanuu naannoo biraatirraa fidama. Afaan hojii isaanii afaan Oromoo miti. Hubadhaa kubbaaaniyyalee kana dhuunfachuudhaaf mootummaan federaalaa bu'ura seeraa tokkollee hin qabu. Sirna federaalizimii keessatti fi akka heera mootummaa Itoophiyaatti mootummaan federaalaa goojjoo naannoleen walitti baasanii jaarratani. Buusii naannoleetin ijiraama.

Wantoota gurguddoo bu'ura seeraatin kannamaniif kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, maallaqa biyyolessaa (national currency) maxxansuu, dantaa alaa qajeelchuu akkasumas daladala alaa too'achuun alatti qabeenya naannoolee dhuunfachuuf bu'urri seeraa aangoo kennuuf hin jiru. Akkuma beekamu kubbaaniyyaalee kana erga dhuunfatee boodaa mootummaan federaalaa maqaa piraayvetaazashiiniitin gurgurataa jira. Kana gochuuf garuu aangoo heeraa tokko hin qabu. Qabeenyi mootummaa Oromiyaa keessa jiru, kan mootummaa naannoo Oromiyaati. Kanaaf qabeenya akkasii gurguruu, kireessuu, girbira guuruuf aangoo kan qabu Oromiyaadha.

Bara 1995 as mootummaan federaalaa seerota qabeenya Oromiyaa suduudaan saamuudhaaf dandeessisu hedduu baafate. Kana keessaa labsiileen gibiraat, kan liiziifi invastimantii warra hangafaati. Bifa heera mootummaa cabsuun kubbaaniyyaaleen dhuunfaa galiin isaanii guddaa ta'e gibirri isaanii mootummaa federaalaatiif akka galu labsiin bahe bu'ura federaalizimiifi heera mootummaa federaalaa kan diiguudha. Akka seera federaalizimitti kubbaaniyyaan tokko galii hamma fedheetuu yoo qabaate gibira galii mootummaa naannoo saniitiif kenna malee mootummaa federaalaafi miti. Seerri liizii kan mootummaan federaalaa lafa naannolee 'moogiziitiidhaan' akka bulchu kennus shira bu'ura heeraa hin qabneedha. Akka seeraatti lafti kan ummataati, mootummaan ummata bakka bu'ee bulcha. "Mootummaan" sun garuu mootummaa naannoti malee kan federaalaatii miti. Mootummaan federaalaa seeraan lafa taakkuu takkas hin qabu. Sababni seeera liizii kanaaf dhihaachaa ture "naannoleen invastaroota hawwatanii keessummeessuuf gahuumsaafi qindoomina hin qaban" kan jedhuudha. Dadhabinni akkasii osoo jiraateyyuu humna naannolee ol guddisuudha malee aangoofi mirga heeraan laatameef mulquun gonkumaa sirrii ta’uu hin danda’u. Sababni dhugaa garuu lafa Oromiyaa akka fedhanitti gurguratanii galii ofii guddifachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa laafiisuuf yaadameeti.

Kanaafuu Obbo Lammaafaan yoo dhuguma hidda rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggoo Oromoo hir’isuudhaaf fedhii qabaatan, tarkaanfiin dura fudhachuu qaban qabeenya Oromiyaa keessa jiru harka mootummaa naannootti galchuudha. Kubbaaniyyaalee kanniin harkatti galfachuun hojii uumuu keessatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan lama fayyadama. Gara tokkoon gurgurtaafi gibira kubbaaniyyaa kanneenirraa galii naannoo ol guddisuun bajata hojii uumuuf isaan dandeessisu argatu. Har'a birri biliyoona 6 qofaan hojii miliyoona tokko uumna jedhanii wixxifatan. Kubbaaniyyaalee kana osoo dhuunfatanii garuu maallaqa eerame kana dacha dachaan waggatti irraa galfatan.

Faaydaan lammaffaa kubbaaniyyaalee kanniin too'achuun kan gargaaru, kubbaaniyyaaleen sun lammilee Oromiyaa keessa jiran sadarkaa jalaa hamma gubbaatti akka mindeessan gochuun dargaggootaaf hojii haaraa uumuu danda'u. Akkasumas invastaroonni biyya keessaafi alaa mootummaa Oromiyaa jalatti akka hojjatan gochuun galiin Oromiyaaf akka galu gochuu qofaaf osoo hin taane tarsiimoon isaanis dantaa ummataatin akka wal simatu dirqisiisuuf fayyada. Haaluma kanaan lafa Oromiyaa keessaa guututti yoo too'atan miidhaa qonnaan bulaarra gahu hirdhisuuf, dargaggootaaf lafa kennuuf akkasumas invastaroonni bifa ummata naannoo fayyaduu danda'uun akka hojjatan gochuuf isin dandeessisa.

Walumaagalatti rakkoo hoji-dhabdummaa Oromiyaa keessatti muldhatu sababni guddaan tokko qabeenyi naannichaa alagaadhaan dhuunfatamuu isaati. Akka afaanii (afaaniin dubbatan) kana onnee yoo qabaatan heerumaafi seera amma lafa jirutti fayyadamuun qabeenya Oromiyaa dhuunfaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala akka galu falmachuu danda'u. Caffeen Oromiyaa labsiilee mirga ofiin of bulchuu (autonomy) heera mootummaa federaalaatiin kaayame diigan hunda labsii mataa isaatiin haquu danda'a. Kun aangoo Caffeeti. Murtii Caffee kana miseensonni Oromiyaa bakka bu’anii mana marii bakka bu’uutaafi federeeshinii keessa jiran sadarkaa federaalaa geessuun falmachuu danda’u. Pirazidatichiifi kaabineen naannoo qajeelfama baasuudhaan kubbaaniyyaaleen Oromiyaa keessa jiran suduudaan biiroolee naannichaatiin akka too'ataman gochuu danda'an. Akkuma Lammaan jedhe aangoon guyyaa muraasaafis taatu harka nama gallaan jijjirama hamma tokkoo fiduun ni danda'ama.

Kun garuu daadhannoon qofa osoo hin taane murannoo gochaan muldhatuun agarsiifamuu qaba. Afaaniin qofa osoo hin taane tarkaanfii qabatamaatiin asitti mirkanaa’uu qaba. Tarkaanfilee armaan olii kana fudhachuun akka dhuunfaafi dhaabaatti gaaga’ama (risk) akka qabu shakkiin hin jiru. Qabatamaan hojjachuuf yoo murannoon jiraate aarsaaf of qopheessunis jiraachuu qaba. Lammaafi OPDOn aarsaa kana fudhatanii dhaadannoo afaanii kana hojiitti ni jijjiiranii laata? Ana natti hin fakkaatu; garuu haatee bareeddii jennaan….akkuma jedhan ittuu dhufnaa ni agarra.

Hammasiifuu wanni irra deddeebinee ummata keenya yaadachiifnu wabiin mirga siyaasaafi diinaggee isaa, qabsoo isaa qofaa ta’uudha.

No comments:

Post a Comment