Saturday, February 18, 2017

Gummii Hooggansa Oromoo Lammaffaa; Ilaalchafi Dhaamsa Mataa Kootii

Gummii Hooggansa Oromoo Lammaffaa; Ilaalchafi  dhaamsa mataa kootii

                                                          (Hiwi - Elona irraa)

Gumiin Hooggansa Oromoo marsaa tokkoffaa jalqabaafi dhumni isaas uummata keenya biratti /bukkeetti miira garagaraatiin goolabame. Qeeqa Aktiivistoonni Oromoo garagaraa kaasaniin qalbiin uummata keenyaa yeroofis ta’u gaaga’amus walgahichi gaggeeffameera. Gumiin cufaadhaan guyyoota sadihiif gaggeeffamee dhumarratti uummataaf banaa ta’e akkaataan goolaba isaa kan nama hunda gammachise jennee yaadnee turre. Haa ta’u malee akkuma gumiin goolabameen gareen gumicha akka malee qeequfi gatii dhabsiisuf yaalii guddaa godhe tokko as baye. Kunis uummata biratti miira biraa uume. Walumaagalatti gumiin marsaa tokkoffaa Uummata Oromoo Diyaaspooraa jiru kan kallattii garagaraatiin haala faffaca’een qabsoo gaggeessaa ture walitti fiduu danda’us guutumaan guututti uummata keenya biratti hubannoo gahaafii miira walfakkaataadhaan kan xumurameedha jechuun waan danda’amu natti hin fakkaatu.
Kanumarraan kan ka’e qindeessitoonni gumichaa dhimmoota gaafii kaasisan tokko tokko irratti deebii laatanii turan. Deebii yeroo sana laataman keessaa inni tokko Gumiin inni jalqabaa Uummata Oromoof carraa walitti dhufuutiif kan karra saaqe malee riqicha qabsoofi qabsaawota Oromoo jidduu jiru guutumaan guututti ijaaranii xumuruuf kan itti karoorfame akka hin taane ibsanii turan. Sababa kanaafis Gumiin Marsaa lammaffaa akka gaggeeffamu waadaan galamee ture. Akkuma qindeessitoonni sagantichaa waadaa galan, Gumiin Hoggansa Oromoo marsaan Lammaffaa Bitootessa 10 - 12 ( March 10 - 12th) Biyya Ameerikaa Magaalaa teessoo mootummaa Ameerikaa kan taate Waashingtan DCtti akka gaggeefamu ibsameera. Gumii kanarratti namoonni hirmaannaa akka godhaniifis xalayaan affeerraa bittinnaaweera. Namoonni dhuunfaadhaan hirmaachuu barbaadanifis balballi saaqameera. Walumaagalatti, yoo jidduu kana wanti biraa hin uuumamin gumiin hoggansa Oromoo marsaa lammaffaa akkaataa karoorfameen kan gaggeeffamu ta’a jechuudha.

Anis akka dhuunfaa kootti akkuma gumii marsaa tokkoffaa irratti yaada koo ibsachuuf yaale ammas uummata koof, hoggantoota dhaabbilee siivikiifi hawaasummaa garagaraaf, dhaabbilee siyaasaa Oromootiifi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf dhaamsafi ilaalcha mataa kootii dabarsuun barbaada. Kaayyon barreeffama kanaatis Lammiin Oromoo itti gaafatamummaan ( Responsibility) itti dhaga’amu kamiyyuu gumii kanarratti akka hirmaatufi tokkummaa Oromootiif tumsa barbaachisu godhuudhaan irreen saba keenyaa akka cimuuf dhaammachuudha.

Akkuma hundi keenya beeknutti Qabsoon Uummata Oromoo har’a hin eegalamne, har’as hin xumuramu. Qabsoon waggoota shantamaan dura bifa qindaawaadhaan eegalame akka fiigicha gareenii ( Relay Run) dhalootni tokko dhaloota biroo irraa fuudhee gahee dhuunfaa isaa bahatee isa itti aanutti kan dabarsuudha. Akkuma dhalootni tokko waan isarraa eegamu hunda qabsoodhaaf gumaachee dabreen dhalootni biroos harkaa fuudhee kan itti aanutti dabarsa. Jalleen qaqqaalin keenya qabsoo bilisummaa eegalan haala eenyummaa isaanii ifatti baasanii dubbachuuf itti qaanfatan, haala afaan ofiitiin dubbachuudhaaf sodaatan, aadaa ofii ibsachuudhaaf itti dhoorkamanii ukkkaamaman keessatti ture. Sirni bulchiinsaa keessatti qabsoo eegalanis sirna dhiiga ilmoo namaa akka silmii dhuguuf ija babaasee saa’aa 24 too’annaa cimaa gaggeessaa ture keessatti. Sana biras dabree qabsoon isaan gaggeessaa turan gammoojii hamaa beelaafi dheebun isaan hiraarsee, hedduu isaanii karaatti nyaatee hambise keessatti ture.
Eeyyen dhaloonni kaleessaa sun gufuu hammana hin jedhamne keessa dabreet haala amma irra jirru kanarraan nu gahe. Har’a hundi keenya sadarkaa kamirra akka jiru ni beekna. Har’i yeroo waa’ee afaan, aadaa, eenyummaa keenyaa akka kaleessaa itti cinqamnu keessa hin jirru. Amma yeroon kan hiree ofii mataa ofiin murteeffachuuti; mirga dhimma ofii irratti murteeffachuudhaaf aangoo qabaachuti.

Mootummaan ADWUI/ ABUT ( EPRDF/TPLF) waggoota 25nan dabraniif uummanni Oromoo waadaa sobaatiin sobamee, shira hamaadhaan qabsoon isaa laaffatee guutumaan guututti harka isaa maratee sirnicha jalatti akka gabraatti akka buluuf wanti hin godhamin hin turre. Jaarsi tuffatamee, beekaan hidhamee, tumamee, ajjeefamee eddoo hin beekamnetti awwaalamee, jaartin sarbamtee, shamarri gudeedamtee gidiraan hammana hin jedhamne irra gahaa ture. Qabeenyi isaa haala tarsiimawaa ( strategic) ta’een saamamee, gurguramee, qotee bulaan keenya osoo ijji isaa imimmaan dhangalaasu lafa isaa irraa dhiitamee, manni isaa doozaraan diigamee jireenya gadadoo keessa akka jiraatu itti murtaa’e. Haata’u malee hamileefi kutannoon uummata keenyaa akka sirnichi yaade cabee hin hafne, qabsoon isaas hin fashaloofne.

Dhalootni Oromoo har’aa ( dhalootni qubee) yeroo qabsoon waan qabbanoofte fakkaattee turte bifa haarawaan waggoota muraasa dabran keessatti eegalamte, tasumaa Mootummaa wayyaaneetiif waan yaadame hin turre. Yeroo qabsoon eegalus waan hammas hunda bal’atee eddoo hunda waliin ga’u itti hin fakkaanne. Haa ta’u malee yeroo gabaabaa keessatti qabsoon Uummata Oromoo waan qabataniifi gadi lakkisan isaan wallalchise. Ofitti amanamummaan qawweefi dinagdee harkaa qabanis isaan hin fayyadane. Osoo ijji isaanii argitu, qeerroon dheebun bilisummaa keessoo isaa balballeessee Invastmantii dharaa lafa Oromoo irratti ijaarame daaraa godhan, Maastar Pilaanii dharaa Uummata Oromoo handhuura isaa irraa buqqisuuf xaxame onnee guutun dura dhaabbatee eddoodhuma ka’etti hambise, Oftuultummaafi nu malee kan biraa hin jirtuu isaanii duwwaatti hambise. Kuni seenaa qabsoo biyyattii keessattis waggoota shantamaa ol keessatti taatoo addaa ( Unique Struggle for Freedom) ta’uudhaan galmeeffame. Yeroo Adduunyaan guutuun gurraafi qalbiidhaan sagantaa Olompiikii guddaa daawwataa turtettis yaadannoon addaa Sagantaa Olompiikii sanarraa qabatanii galanis Qabsoo Oromoo ture. Torbee tokko keessattis yoo xinnaate Miidiyaalen lakkaawamanii fixuun hin danda’amne waa’ee Uummata Oromoofi qabsoo bilisummaaf gaggeessaa jiruu hubachuu danda’an. Kuni taatoo waggoota muraasaa, yaadannoo barabaraa qeerron Oromoo diina isaa irratti galmeessiseedha.

Injifannoon kuni hundi garuu ammas taanan hin goolabamne, daandin bilisummaaf irra adeemaa jirru galma isaa hin geenye. Qabsoon kun har’as Irreef gurmuu isa deeggaru, qaama kunoo anatu siin deema jedhee qabatamaan, hojii ifatti mul’atuun isa sochoosu eeggachaa jira. Kanaaf immoo akkuma kaleessa qalbii guutudhaan eeggachaa ture, hayyuun, luubni, sheekni, abbaan gadaafi dhaabbileen siyaasaa Oromoo maalumatti nuuf jiru yaadni jedhu qalbii tokkoon tokkoo Oromoo keessa faffaca’aa jira. Ilkee wayyaanee garmalee socho’ee kaballaa takka qofa eeggatuuf qaamni kuni baay’ee murteessadha. Har’as Uummatni Oromootifi Qeerron Oromoo isaan eeggachaa jira.

Kaayyofi Galmi sabaa eenyuyyuu oli. Eenyumtuu dhimma dhuunfaa, garee, gandaafi siyaasaa qabaatus qabaatuu baatus, tokkummaa Oromoo milkeessudhaan irreen Oromoo akka cimu godhuudhaaf dirqama qaba. Hundi keenyaa biyya keenyaaf tumsuu malee dhimma dhuunfaa keenyaa yookin ilaalcha siyaasaa keenyaa qofarratti rincicnee hafuun dogongora guddaadha. Tarsiimofi ilaalchi siyaasaa ittiin masakamtan hanguma fedhes addaan fagaatus mul’atni sabaa garuu tasumayyuu sababa kanaan gufachuu hin qabu. Qabsaa’an sabaaf malee ofiif hin qabsaa’u. Jiraadheet qabsoo sana irraa akka dhuunfaatti wanta kana argadhaa osoo hin ta’in anis du’u Biyyikoo galma sana ni dhugoomsiti moo hin dhugoomsitu yaada jedhutu nu yaaddessuu qaba. Kanammoo Uumanni Oromoo eddoo jiru hundaa isinitti lallabaa akka jiru ni wallaaltu jedhee hin yaadu.

Walumaagalatti qaamni dhimmi ilaallatu. kan haalli mijateef kamiyyuu gumii kanarratti akka argamuuf amaanaa guddaa dabarsuun barbaada. Eenyumtuu maandhee keessatti gaadi’ame keessaa ba’ee, tumsa tokkummaa keessatti dheeratee akka mul’atuuf dhaamsa keenya dabarsina. Akka Doonaald Waltersin jedhe ‘ Leadership is an Opportunity to serve. It is not an Opportunity to trumpet call to self importance.’ - Hoggansi carraa Uummata Ofii tajaajiluuf fayyadu malee kan caluma jedhanii maqaa hoggansaa ittiin argatan qofaa miti. Kanumaafuu, hundumti keenyaa dhimma sammuu keenya xaxee, qabsoo sabaa duubatti harkisu keessaa baanee, qaamafi qalbii abjuu bilisummaa arguuf onnatee ka’en gumii kana mirkaneessinee tokkummaa qabsoo abaa haa dhugoomsinuun dhaamsa kooti. Gumiin kunis gumii milkii, kan gammachuu, kan waligalteef jaalalaa akka nuuf ta’u hawwii kooti.
Kabaja Waliin
Hiwi Elona

No comments:

Post a Comment