Tuesday, January 3, 2017

SHIRRI BAQATTOOTA OROMOO MASRI KEESSATTI WALITTI BUUSAA JIRU KEENIYAA KEESSATTIIS JALQABAA JIRA.

SHIRRI BAQATTOOTA OROMOO MASRI KEESSATTI WALITTI BUUSAA JIRU KEENIYAA KEESSATTIIS JALQABAA JIRA.

                                                               (Saphaloo Kadiir irraa)



Adeemsaafi tooftaan baqattoota Oromoo sababa hin taaneen walitti buusuu, gargar qooduu, wal shakkisiisuu, maqaa balleessuu fi wal ficcisiisuu biyya Masrii magaalaa Kaayiroo keessatti deemaa jiru biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessatti adeemsifamuuf mallattoon jalqabbii mul'achaa jira. Eenyuun? Kan jedhu immoo fira qabsoo Oromoo fakkaachaa warra gochaan diinoomaniin ykn diina mataa isaatiin tahuus mala ykn immoo qaamoota biraatiiniis haa tahuu yeroof wantiin ibsu jiraachuu baatuus garuu mataan diraamichi jalqabuu deemamuu ibsu mul'achaa jira. Maaliif? Yoom? akkamitti? Kan jedhu immoo ammaaf ibsuu hin barbaadu maaliif jennaan yerootu dhufataan waan taheef.

Haatahuu malee shirri kun eenyurratti xiyyeeffata kan jedhu yoon tuqu immoo namoota hawaasa keessatti dhageettiifi fudhatama qaban olola dharaatiin irratti duuluun maqaa balleessuufi seenaa isaan hin qabneen xureessuu irraa jalqaba. Itti aansuun immoo baqattoota Oromoo keessaa namoota qabsoo Oromoof quuqamaafi laalaa qaban jiddutti ilaalcha naannummaafi gosummaa jiddutti unkuruun akkasumaas sababoota biraa tokko tokko uumanii baqattoota keessattuu baqattoota siyaasaa walitti buusutti deemamaa jira. Namoota hariiroo hawaasummaatiin adda duree tahaniifi tapha siyaasaa tooftaan taphachuu beekan kan Oromoo biratti fudhatama qaban keessattuu warroota qabsoofi warraaqsa bara 2016 biyya keessatti gaggeeffamaa ture irratti ilaalcha sirrii qabaniifi yaadaan deeggaran irratti xiyyeeffannaan qaamoota kanaa hedduu cimaa akka tahees mallattooleen mul'achaa jiran kun ni mirkaneessa.

Akkuma beekkamu haalli amma biyyoota hedduu keessatti baqattoota Oromoo waliin fixaa jiru kun kan biyya Masrii hedduu guddatee haa mul'atu malee garuu sochiin akkanaa biyyoota baqattoonni Oromoo jiran maratti jalqabee akka jiru hubachuun dirqama. Fakkeenyaaf biyyoota baqattoota Oromoo walitti buuusuun itti jalqabee jiru keessaa muraasni biyyoota Arabaa kan akka Sa'udi Arabiyaa, Jibuutiifi Soomaliyaa dabalatee kan biroo keessattiis jalqabee jiraachuu haalaafi akkaataa tokko tokko kan agarruufi dhageenyu irraa ni hubanna. Kan Masrii kun guddatee mul'achuun isaa sababni tokko irra baayyeen baqattoota Oromoo biyya Masrii jiraatan haareya waan tahaniifi kanneen dhiheenyatti garas baqatan waan tahaniif saffisaan mul'achuu jalqabe. Akka biyyoota garagaraatti duraan irraa baqachaa turan san osoo hin tahin Oromoon harki baayyeen gara Masrii kan dhaquu jalqabde waggoota muraasa dura. Fakkeenyaaf waggoota 8 fi 9 dabran dura Oromoon gara biyya Masrii baqatan kan lakkoofsa qubaan beekkamaan turan.

Gama kaniin jeequmsi Oromoo waliin fixaa jiru kun kan Masrii finiinee haa mul'atu malee biyyoota akka Afrikkaa Kibbaa fi Suudaan dabalatee biyyoota addunyaa kan Oromoon keessa jiraatan maratti akka jalqabuuf diriirfame sammuu qaroon ni agarti. Karoorri Oromoo walitti buusuu kun sababa of danda'eefi kaayyoo cimaa qabaatuus irra caalatti immoo yeroo qabsoon Oromoo finiintu mara kan ka'u tahuu namoonni deemsa warraaqsaafi seenaa qabsoo Oromoo beekan ni hubatan. Kanaaf kaayyoo guddaan Oromoo walitti buusaniif qabsoo Oromoo laamsheessuufi karatti hambisuuf kan kiyyeeffame tahuu hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf biyya Keeniyaa keessatti waggoota kurnan dabre dura walitti bu'iinsa sababoota qoodamiinsa jaarmayaalee siyaasaa Oromoofi shira qaamoonni siyaasaa adda addaa xaxan irraa kan ka'e akkasumaas kiyyoo hamaa diinaan diriirfamaa tureen baqattoota Oromoo jiddutti wal duguugiinsi cimaan kutaa, amantaafi ilaalcha siyaasaan walitti buusuufi waliin fixuun hangam akka ilmaan Oromoo miidheefi qabsoo Oromoo qancarse namoonni bara 2006 irraa hanga 2012 Keeniyaa keessa jiraate ni beeka. Sababoota garagaraatiin wal afaan deebi'uufi walitti bu'uun ilmaan Oromoo kun hanga mooraa baqataa Kaakumaatti Oromoo walitti summeessaa akka ture baqataan Oromoo Keeniyaa ture marti kan wallaaluu miti.

Kanaafuu wantiin jechuu barbaadu yoo jiraate baqattoonni Oromoo Keeniyaas tahee biyyoota garagaraa keessa jiraatan marti qophaa'ummaan qaamootaas tahee namoota dhunfaa kan nu shoorarkeessuufi maqaa amantaa, siyaasaa, naannummaa, gosummaa, kutaa, hawaasummaa fi kkf maraan baqattoota Oromoo walitti buusuuf sochoo'an mara xiyyeeffannaa isaanii jalaa fashaleessuun dirqama taha. Keessattuu baqattoonni Oromoo biyya Keeniyaa Naayroobi fi kaampii baqattootaa kan akka Dhaadhaabiifi Kaakumaa keessa jiraattan qaama Oromoo walitti buusuuf sochoo'u kamuu bayyanootaan hordofuun jalaa fashaleessuun dirqama taha jedheen isiniif dhaamuu barbaada. Warreen sababoota garagaraan ilmaan Oromoo tokko dhaadheessee tokko maqaa balleessu, namoota ilmaan Oromoo kan hawaasa keessatti dhageettii qabu maqaa xureessuufi diinoomsuu barbaadu mara afaanitti dha'uun dirqama keessan taha. Nama fedhe haa tahu kan Miidiyaa OMN akka TV ergama diinaa dabarsuutti haasa'uu barbaaduufi hadheeysee balaaleeffatu mara jalaa fashaleessuun dirqama. Qaama fira qabsoo Oromoo fakkaatee ololaan qabsoo Oromoo diiguus haa tahu kan ergama diina ba'atee deemu mara ilmaan Oromoo tokkummaafi bayyanootaan fashaleessuu qaba.
"Dhaloonni qubee ololaafi shira eenyuutiin illee kan diigamuu miti!"

Amajjii, 2017                                

No comments:

Post a Comment