Monday, January 2, 2017

Rakkinoota Naannoo Kaayiroo fi Yaada Furmaataa

Rakkinoota Naannoo Kaayiroo fi Yaada Furmaataa.

                                                    (Geresu Tufa irraa)

Duraan dursee obbollewwaan hundaan amma illee irra deebiyeen baga wagga harayaa nagaan geessan isiniin jedha. 
 Hawwii koo wagga harayaatti aansee haala gidduu kana midiyaa hawasaa(social Media) irratti deddeemaa jiru irratti yaada tokko tokko kennatuun fedha. Kunis dubbii kara Kaayiroo(Cairo) irraa deemaa jiru ilaalchise jechuu dha.

Akkuma beekamu waggoota 5 darban kanarrraa eegalee baqatooti Oromoo naannoo Kaayirootti (Masiritti) kolouu-galtummaa gafatan hedduu dha. Kanuma waliin rakkoon adda addaa naannoo sanatti uumamaa jirus yeroo irraa yerootti guddataa dhufee jira. Rakkoo naannoo sanatti uumamaa turee fi jiru irratti odefannoo gahaa otoo hin argatiin yaada kennuun waan akka malee nama rakkisuu fi dogogora biraa fidu dha. Haa ta'uu garuu waan ifatti mul'ataa irratti yaadu tokko tokko kaasuun dirqama yaada jedhuun qaba.
Akkuma hundi keenya yaadannoo yeroo wagga tokko hin guutne keessatti rakkinooti jeequmsaa uummata keessatti uumaniif amma illee sababiin isaaniii faatti hin hubatamiiniii fi hundeetti hin furamiin sadiitu jiru.
  • 1.Midhaa Birraa Gammadii 2. Waranamuu Yaazoo Kabbadaa 3. Samamuu Wajjira OMN dha.

Dhimmoota kanarratti yaada adda addaatu ka'ee uummata gidduutti jeequmsa uuma ture. Midhamuun Birra Gammadi qamaan sirritti mul'ataa waan tureef midhamuun isaa shakkii hin kaase hin jiru. Sababii isaa fi hunde rakkoo sana haga amma sirritti uummata bal'aan hubatamuu isaa garuu haga amma qabu hin qabu.
Dhimmi Yaazoo, ilaalchisee yaada adda addaa wal-falleesitutu ture. Gareen adda addaa yaadaa fi ilaalcha adda addaa uummata keessa facaasaa ture jedha. Gariin waraanamuu dhugaa mitii jedha. Gariin waraanamuu dhugaa dha kan ragaa hakimaa fi jijjirra qaama qabu jedha. Gariin Garee waraane ykn warra waraane waliin quba jedhutti quba qaba. Warri quba itti qabamees haga amma ifaatti ibsaa hin kenninee. Ummati bal'aan dubbii kanarra fagoo jiru ammoo akkuma shakkii keessa isaa keessatti uumameetti hafee. Namni hundinuu waanuma gareen inni deeggaruu jedhu dhugaa godhee fudhatee, warra ammoo garee keessatti hin jirre waanuma jedhu dhabee afaan qabatee. Gidduutti diinnis uummata gidduutti shakkii jajjabessuuf karaa argate.
Samamuu wajjjira OMN Kaayiro(Cairo) ilaalchisees waanuma walfakkatatu deemaa jiru. Waan Midiyaa Hawasaatti(Social Media) irratti deeman hedduun isaa yoon ilaalu waa lama of keessa qaba. Tokkoffaa gochaan kuni kan godhameen akka diinaa hin ta'iniif gartuun wayii kanuma kamp Oromo keessa akka duuba jiru. Kan lammataa xiqiin keessa jira. Harka diinaa keessa jiraatu malaa yaada jedhu hin argine. Haala akkasii keessatti namnni hundinuu, namuma fi gartuu ofii shakkuutti quba qaba.
Rakkoo tokko sirritti qorannee adda baasnee abbaa itti goone, uummata gidduutti tasgabbii fi nageenya yoo hin uumiin rakkoon biraa dhufee itti dabalama. Amalaa midiyaa hawasaa(social media character) ta'ee rakkoo duraan uumamee sana daganneetuma kanuma harayaa kanarratti hasofnaa. Boruu ammoo rakkoon kanarra hammatuu fi lubbuu namoota hedduu gaggaga'uu yooo uumamee kanuma jiru kana dagannee sanatti ceena. Rakkinooti uumaman kuni akka nuti irratti hasawaa jirru bifa, yabudummaa(neutruality) ta'ee tokkoon otoo ta'an bifa garee qabatee fi seeteedhanii dha.
Yeroo waa tokko uumamu namuu otoo dubbii sirritti adda hin bafanne diinuma(garee/nam-tokkee) duraan mataa isaaa keessa qabuutti kallattiin ykn bifa biraan quba qaba. Gareen wal ijaareetuma walirratti duuluun rakkoo dura uumamte hiikuu otoo hin taane, qilleensa borayaa (spoiled envionment) rakkoo harayaa uumuu itti dabalaa. Waan jedhamuu hundi waan garee irratti xiyyeffatee fi xiiqiin guutamee qofa dha. Waan akkana kuni deeme deemee rakkoo guddaa uuma yaada jedhuun qaba. Rakkinooti uumamanii otoo hundeen isaanii hin qoratamiin akkasumatti hafan kuni deemanii deemanii, wal-amantaa uummata keessa jiru diiganii rakkina guddaa keessa nu galchuu. Kuni ammoo akka nuti diina uummata keenya fixaa jiru dhiisnee walirratti xiyyeffannuu fi wal-diignuu nu godha. Walitti dhufeenya uummata keenya gidduu jirus yeroo irraa kara yerootti laffataaf diigamaa deema.
Bifa kanaan yoo deemne boruu ammoo rakkoo kana olii fi hiikuuf nu dhibu kessa seenuu dhabuu keenyaaf homaa ragaa hin qabnuu. Rakkoo tokkorra kara rakkoo biraatti utaaluu fi garee nu fakkata jennu deggaruun kan biraa irratti duuluun kuni dhumti isaa jeequmsaa fi digoomsa akka ta'ee shakkii tokko illee hin qabu.Kanaaf maaltu wayya?
Rakkinoota uumamaa jiran kana sirritti hubatuu, furuuf akkasuma fulduraas rakkinooti akkasii akka hin uumanee uummata keenya keesatti nageenyaa fi tasgabbii uumuuf waan kanaa gad godhuun barbaachisaa dha jedheen yaada.
  • 1. Namni hundinuu midhaa qaamaa aggammii lubbuu fi qabeenya gahee kana eenyunuu yaa gahuu sagalee tokkoon balaalleffatuu qaba,
  • 2. Qaama yabadummaa( neutralty) qabuu ijaaruun gargaarsa barbaachisu godhuun rakkinoota haga amma uumaman kanaaf, hundee rakkinoota achi jiran kana qoratuun uummataaf gabasaa odeffannoo qabatamaa irratti hundayee dhiyeessuun qalbii uummata tasgebessuuf fi nageenya uummata gidduutti buusuun barbaachisaa dha. Kan shakkiin wal-himataa jiru kanas kan adda baasuu danda'auu dhugaa(fact) qofa dha.
  • 3. Gartuulees ta'ee nam-tokkeen rakkinoota dhunfaa walirraa qaban, yeroo rakkoon uumamee hunda quba walitti qabuu fi carraa uumamee hundaan walirratti duuluu irraa of-qusatuu qaban.
  • 4. Uummati bal'aas rakkoon tokko yoo uumamee suuta jedhe hunde rakkoo qoratuu fi hunde dubbii baruuf tattafatuu irraa, diinuma duraan mataa qabanitti dafanii quba qabuun kuni fagoo waan nu gessu natti hin fakkaatu. Guyyaa guyyaan diigoomsa, shakkii fi wal-amantaa dhabuutti nu geessa. Dubbii oo'iituu yoo uumamtee sanuma qabatanii diinaa eenyumaan isaa(unidentified enemy) irratti quba qabuu irraa yeroo hundaa yoo rakkoon uumamee qorannoon akka rakkoon suni furamuu godhuun irraa rakkoo nurraa hambisaa.
  • 5. Aktiisistooti fi qamooti ijaraman Oromoo daddafanii garee qabatuuf xiiqidhaan deemanii rakkoo biraa dabaluu irraa qaama furmaata ta'uuf tattafachuun irraa bu'aa qabaata yaada jedhuun qaba.

Akkas yoo goone hunde rakkoo ni barra, waan kuni diinaa ta'aa jira moo nama keenyaan ta'aa jirra? , yoo nama keenya ta'aa jiraate eenyutu kana godhaa jira ? maaliif godhaa jira? nam-tokkoo dha moo gartuu dha?, bifa akkammiin rakkoo kana hundeetti furra ? yaada jedhu sana ni mirkanessinaa. Yoo akkas hin taane waan amma godhamaa jirru kuni furmaati inni fiduu hin jiru qofa otoo hin taane, yeroo gababa keessatti rakkoo guddaa keessa nu galchuu akka dandeenyu shakkii tokko illee hin qabu. Haalli qabatamaan lafarra jirus kanuma agarsiisa. Waanti nuti asitti goonus uummata biyya jiru akka malee qalbii akka cabsaa akka jiru beekuun byaadatuun barbaachisaa dha. Kanaaf rakkoo dabaluuf otoo hin taane rakkoo uumamee hubannoon furuuf yaa tattafannuun jedha.

No comments:

Post a Comment