Tuesday, December 27, 2016

WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!

WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!

                                               ((Saphaloo Kadiir irraa)


Itti citan citaan biddeena buusan!" Jedha Oromoon gaafa murannoofi kutannoo waan tokko hojjachuuf qaban maakmaaksaan himan. Yoo hidhii ciniinnatanii ittuma cichan waan mara hojjachuun ni danda'ama, fiinxa baasuuniis numa hin oolle jechuu isaaniiti. Dhugaa dha! Namni imala tokko eega jalqabe daandii isaarratti gufuuf gufaanni mudatuus, beelaaf dheebuun halawwatuus, qeeyraafi tabbi itti baayy'atuus mudhii jabeeffateetuma amna isaa goolaba malee of duuba hin deebi'u. Keessattuu Oromoon uumama namaa keessaa kutannoon isaanii adda. Eega imalaaf miila manaa baasan balaan kamuu yoo isaan mudatellee sodaafi bir'uun of duubatti hin deebi'an. Maakmaaksichi kuniis ejjannuma keessa isaanii kana bifa haqaarameen ol baasee arraata jechaatiin guduunfee sagaleen ibsa. Itti citan malee ciisanii hin nyaatan. Caphanii baqan malee, dhiiga facaasan malee, diinaggee itti dhaban malee bilisummaan bilisaa hin jiru jedhan warri qabsaa'ootaas yoo adeemsa qabsoo ibsan. Humna, qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu itti wareeganii itti citanii, itti cichan malee qabsoo fiinxa baasuun hin danda'amu jechuudha.
Eeyyee! Kun maakmaaksa dhugaa kan gannaaf gadaa naanna'uu dha. Jechi gabaabaan kun murannoo dubartoonni qaban ibsuuf kan jedhamu fakkaatullee garuu yeroo ammaa kana haala warraaqsa qabsoo waliin yoon walitti akeeknu kan miira keessoo keenya nuuf ibsuu dha. Keessattuu anaaf hedduu gara na ga'ee na qabbaneessa. Namoota keessoon isaanii kiyyatti dhiyaataniis akkasumatti ibsaaf jedheen yaada. Gariin immoo mamuun "akkamitti?" gaaffiin jettu keessoo isaaniitti dhandhaaramtuus wahii dhabamaaree? Dubbiin maakmaaksichi ibsu akkumaan jedhe taligaa dubartootaan kan wal qabatu tahuus haadhooliin ykn niitiiwwan keenya roobuus caamuus guyyaa tokko bobeessaa dhabne jedhanii maatii agabuu akka hin oolchine kan mirkanneessuudha. Qoraan gahaa dhabaniis citaa hobob je'ee dhaamuun laaqana maatii hojjachuun isaanii murannoo guddaa qabaachuu isaanii mirkaneessa. Hubadhaa! Dhihana hojjatanii maatii isaanii quubsanii bobbaasuun qabsoo yoo tahu, bobeessaa faalkaa hin qabne citaan biddeena buusanii maatii guutuu quubsuu danda'uun isaanii immoo adeemsa qabsoo keenyaa kan hidhannoo dhabee murannoon gaggeeffamaa jiru kana tahuu isaati. Imala qabsoo kanaas erga jalqabnee walakkaa daandii biraan dabarree goolabuu geenyee lafatti hin gannu, ammallee daran cininnannee itti fufna malee if bir'annee, dadhabnee, hifannee karatti hin dhaabnu waan jedhu naaf ibsa fakkaata. Oromiyaa keessattiis immoo "Itti cinnee citaan biddeena bilisummaa buufna!" dhaadannoo jedhuun qeerroonwarraaqsa marsaa biraa kaasuuf kan qophaa'an tahuufi mallattoon warraaqsaa iddoo garitti mul'achaa jira odeeffanni jedhuus gama mirgaatii as balali'uun ni mul'ata.
Dhimma adeemsa qabsoo yeroo ammaa akka duumeessa gannaatti wal maree roobuuf qaqawwisuutti adeemsa qabsoo jalqabuuf miilarra if ta'aa jiraachuun ummata Oromoo mallattoon mul'isu danuu tahuus garuu qabsoo gosa kam akka gaggeessuuf deeman irratti immoo yaadoota sadarkaa ilaalchaan wal miliqan akka jiranillee odeeffanni kun irra diba. Gari gariin namaa akka waan qabsoon tun galma dhabdee, akka waan bu'aa malee qancarteetti kan fudhatan fakkaatu. Kaan immoo akka waan Oromoon waa jalqabuu malee xumuruu hin beekneetti yaadan. Tokko tokko immoo waan abdii kutuu bira gahaniis ni fakkaatu. Hangi tokko keessattuu warreen tooftaa adeemsa qabsoo hubataniifi sammuu si'ooytuu qaban immoo imalli qabsoo akkuma deemsa itti fufetti jirachuu hubatanii garuu ibidda daaraa keessatti dibameen wal fakkeessan. Murni gariin immoo shakkii dur warraaqsi sirgigaatee itti kufeefi dogoggora kaleessaa kan godaannisa sammuu tahee keessatti hafe san qaxaph je'ee tan dabarte tan arraatiin wal bira fidee "Arraas laata karaan keenya sanuma tahinnaa?" je'ee girrisa shakkiitiin xaxamuus ni mul'ata.
Haa tahuu garuu dhugaan akka biiftuutti calaqqiftee mul'attu kan ija namoota gariif akka biiftuu duumeessi furdaan haguugeetti itti gaaddiddaa'u jiraachuun numa beekkama. Kun immoo namni marti waan tokko wal qixa hin hubatu, bifa wal fakkaataaniis hin ibsatu waan taheef heera uumamaa keessa kan yakkatee miti. Gariin dafee hubatee dafee hojiirra oolchuuf jarjarfata. Wayta sardamni isaa dafee hojiirra ooluuf dhabe immoo deebi'ee aaraafi dallansuun oodee ta'a. Akkuma saffisaan hubatan waan fudhatan san saffisaan hojiirra oolchuuf warri barbaadan kun amala dafanii hifachuufi waan godhuuf ka'an san gaafa namni isaan waliin gochoomsu dhibaa'e ammaas tasa deebi'anii balfuu warra filatuudha. Isaan kun dilas hin baayy'atan. Garuu yaadaafi tarkaanfiin isaanii humna waan qabduuf akka buuloo xiqqoo bishaan guddaa balanceeysituutti sagaleen isaaniilleen hanguma xiqqatti yaada sammuu namootaa shoorarkeessuu qabdi. Kanneen dafanii waan tokko hubachuu irratti saffisa jiddugala qaban baayyeen jiraataniis garuu yaada warreen dafanii waa hubatanii kanaan waan haguugagamaniif sagaleen isaanii ol ka'ee hin dhaga'amu. Waca warreen saffisa guddaan waan hubatanii kanaan liqimfamee hafa jechuudha.
Gariin immoo dhibaa'iinsa suuteen adeemsa dheeraa keessa kan hubatu yoo tahu jarri kuniis akkuma warra saffisoo san lakkoofsaan muraasa. Isaan kun eega ganni naanna'e booda, eega wanti karoorfamee hojjattamee bu'aan isaa argamee booda bu'aa argame kana ilaalanii hubatu. Isaan kun eega dubbiin cirotti dhumte booda kanneen akka nama amma dammaqeetti baaraganii dha. Warraaqsaaf qabsoon kamiyyuu makaa namoota kanneen maraatiin gaggeeffamti waan taheef ilaalchoonni wal habaabuufi yaadni saffisa wal fakkaataan deemuu dhabuun mul'achuun dirqama taha jechuu dha. Keessattuu yeroo ammaa qabatama qabsoo Oromoon gaggeessaa jirtu irraa yoo hubannu akka sabaatti Oromoon guutuun ilaalchoota walitti dhihaataafi olloomaa surrii horatanillee akka dhaaba qabsootti buburraa'uu mul'atu kanaatu qalbii namoota garii cabsee, hamilee isaan harkatti qancarsaa jira. Haalli kun immoo sadarkaa warraaqsi itti tarkaanfachuu qabu dhibeeysuun qaawa dinni harganuun waan uumeef jarri baraagan akka hawaasatti hafuura kutan haala mijjeesseef. Gama kaniin hawaasni gahee bahuu qabanii ol waan bahaniif, qabsoo sadarkaa guddatti ol siqsuun imaama isaanii bira dabranii kan dhaaboota qabsoollee waan walakkeessaniif jaarmaya qabsoo kan arraata wal butu malee kan diina laaffate kana hobbaasuuf sossoo'u dhabnaan hifanni itti dhufee, dallansuun keessatti ita'e.
Gaafa hawaasni yaada isaa haqaaree ibsatu, yoo fedhiifi hawwii isaa dhawwaaqu, wayta imaama keenyaa ol baanee mee isiniis keessan bahaa jedhu jaarmayooni siyaasaa keenyaa immoo akka ijoollee gaafa haati ergattu walitti deddeebiftuutti "Ana hin baantu si baantii" mormii jedhuun wal afaan deebi'uu malee wal tahanii diinarratti xiyyeeffachuun hafe. Wayta kana hawaasniis akkaataa mooraa qabsoo keessatti uumamee ture, kan carraa silaa milkaa'an deebisee harkaa futtaase san yaadachiisee sammuu wareersa. Gaafa akkaataan dur nu hoongeesseen wal fakkaatu san ammaas mul'atu yaadda'uufi dallanuun yoom hafaree? "Namni guyyaa bofa arke halkan......!"
Tan dur yaadatee carraan gurraachi akkasii deebi'ee akka hin mudanneef yaadda'uun ummatichaa sirrii tahuu hubatanii jaarmayni qabsoo kulkula san irraa malaasuu osoo qabanii daran madaa isaanii fottooysuun kun yoo hin hafne ammaas taanaan ummataa waliin araarama akka hin qabne beekuu qaban ture. Silaa isaan marti wanti godhuu qabaniifi ummanni irraa eeggatu roguma jiraniin, akeekaafi kaayyoo bu'ura dhaaba isaanii irra dhaabbachuun qeerroo bifa bittinnaa'een qabsaa'aa jiru, onnattoota dhagaan qawwetti duulanii arra sadarkaa tana gahan kana ijaaranii qabsoo humna diinaan wal gittu horatanii waraansa wal madaalutti seenanii gaariidha tan jettu qaban.
Kan tahaa jiruufi qabatamaan arginu garuu faallaadha. Keessattuu jaarmayoonni gara hidhannoon qabsoon gaggeessa jedhu marti xibaaraan wal afaanfaajjeessuu malee, kijibaafi cubbuun miseensoota isaanii walitti diinoomsuun ala afaan isaaniifi kan qawwees diina irratti deebisuuf waan hayyaman hin fakkaatan. Naatu si caalaa jecha malee gochi maddii hin mul'anneen ham walitti jechuu malee, naatu abbaa qabsootii ragaa qabatamaan tokko itti hin argamneen walitti guunguumuu malee kan irra wayyaa tahee yeroo murteessaan amma jedhee xumaashaa takka gara kallattii diinaa furgisu hin agarre. Kun kan mul'isu immoo isaan marti dadhaboofi saansakka dhablee tahuu daran lafeen daandii qabsoo kana irratti hanga ammaa dhaga tuulii tahaa turteefi dhiigni laga qabsoo guutee akka galaana gannaatti yuusaa ture maraaf naasuufi hadooddiillee waan hin qabnees isaan fakkeessuu hin oolle. Kana maraatu sammuu ummataa xaxee, yaada surri isaanii faxee, aaraan garaa xiilleeysee dallansuun bokoka xil godhee jira. Haalli shorroqiinsa dhaaba qabsoo Oromoo irratti shirri diinaa guyya guyyaan hammaachaa dhufe marti walitti dabalamanii yeroo ammaa ummata keenya kan biyya keessaa warraaqsatti turan yaada qasamaa fiinxi bade keessa galchee akka waan abdiin isaanii reeqqiftuu fakkeessuus garuu ammallee duraa hin dukkaneessine. Kan galgala xibaara warra jaarmayoota siyaasaafi minnaaga warra duruu sodaaf baqateetti aaree "Teenya tun...." jechaa bule ganama ka'ee yoo miidhaa diinaa argu garuu "lubbuun gaafa dhalatte duute" jedhee haala itti murtii galgalaa fashaleesse yaada isaa jijjiiruutu mul'ata. Kana jechuun Oromoon yaadaafi fedhii of duuba deebi'uu eenyulleen akka hin qabne mirkaneessa.
Hundaafuu walumagalatti qabsoon Oromoo amma didirrisaa jirtu kun akkuma iddoo garitti qacacuu jalqabe kun guutuu Oromiyaatti yoo dhoo'e jiraachuu mootummaa wayyaaneef carraa dhumaati jedhamee yaadama. Garuu haalli qabsoon itti deemamuu qabu kan duraanii irraa jijjiirama tooftaa guddaa horachuutu irra jiraata. Kanaafuu ilmaan oromoo marti akkuma kanaan duraa ejjannoo tokkoon hiriiree badii sanyii baalleeessi wayyaanee ofirraa xumuruu qaba jedheen yaada. Yeroo ammaa qabsoon adda durummaan barbaachiftu qabsoo hidhannoo tan dhaaboolii siyaasaa Oromoon godhamuu qabdu yoo tahu isaan hidhannoon Oromoof qabsoofna jedhan marti yeroo xumuraaf akka qabsoo hidhannoo uunkaafi bifa qabdu taasisuuf ka'an gaafanna. Carraan ammaa kun isaan dabarraan ilmaan Oromoo isaan mara tufuuf arraba irraan jiran matagalee ofirraa tufuun isaanii hin hafu. Kana yoo jennu immoo ummanni Oromoo akka hawaasaatti qabsoo irraa ni dhaabbatan jechuu miti. Haaluma jiruufi rakkoo mudatu irra dhaabbachuun tooftaafi mala qabsoo tarsiimoon qajeelfamu haarawaafi saffisaa uummachuun dirqama taha. Gama biraatiin immoo mala qabsoo miidhaa diinni nurratti raawwatu xiqqeessuu danda'u fayyadamuun dirqama taha. Kana immoo eenyullee eeggachuu osoo hin taane qeerroon Oromoo sadarkaa mara keessatti bifa kurfaaa’eefi qindoomina qabuun of ijaaree waanuma dhihoo isaatti argamuun naannoo isaanii bilisa taasisaa deemuuf of qopheessuun dirqama taha. Haaluma tahe maraan kana booda qabsoon Oromoo mamii tokko malee gara hidhannootti akka seenu godhuuf eenyulleen hojjachuu qaba. Yoo jaarmayoonni qabsoo yeroo gabaabatti gara hidhannoo qabatamaan seenuu baatan immoo dirqama qeerroon akka hidhatu taasisuun ummanii akka duubaan isaanitti hiriiru godhaa deemuun filannoo dhumaati. Humna qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu keenya mara itti wareegnee, itti cinnee qabsoo keenya fiinxa baasuun dirqama. Barruu koo goolabe. Horaa bulaa deebanaa!
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016

No comments:

Post a Comment