Saturday, December 10, 2016

QABSOO HAQAA, DHUGAA QOFAAN GALMAAN GEENYA!

QABSOO HAQAA, DHUGAA QOFAAN GALMAAN GEENYA!

                                                         (Saphaloo Kadiir'iin)
Qabsoo Oromoo bara dheeraa fadhiidooytee daaraa keessaa ka'uu dadhabde turte barana ilmaan Oromoo sunsuma jidduu ol kaasanii wareegama meeqaan akka miilaan tarkaanfattu godhan. Akkuma miilaan oofuu jalqabsiisan kana saffisa tarkaanfannaa isii dabaluun galma sabni barbaadu saniin gahuuf immoo furtuu gurguddaa dhugaa fi haqa jedhamu qabaachuufi itti fayyadamuu nu barbaachisa. Dhugaa irra dhaabbannee haqa walitti himuun daandii suduudaa irra adeemsa sirnaawaa akka imallu, galmaaf galmee barbaada yaanu akka qajeelatti milkoofnuus nu taasisa. Namni haqa isaa kan dhabe qabsoo dhugaatiin barbaadu sobaafi dhara irraa fagaachuu isa barbaachisa. Waa'ee dhugaafi haqaa kana waliin wal qabatee gaaroomminaafi ulfina isaan Oromoo biratti qaban irratti yoo makmaaksaan ibsan.
- "Karaan sobaan dabran deebii nama dhiba!"
- "Dhugaa dubbatanii bakka itti namatti dhiite bulan!"
- "Dhugaa dubbatan firummaan hin baddu!"
- "Dhugaa irraa rabbiin karra bane!"
- "Dhugaafi dullumti galgala galti!
- "Sobni takka malee lama nama hin bulchu!"
- "Haqni afaan qaban funyaaniin dubbata!"
- "Haqni ni qal'ata malee hin citu!"
- "Namni dhugaa hin quufne dhuguullee hin quufu!"
- ".............................." jechama hedduutu dhimma kana ibsuuf jedhama.

Maakmaaksaaf jechamni haqaaf dhugaa irratti dubbatamu danuudha waan taheef silaa ammallee oofne itti fufa. Maakmaaksoonni kun marti barbaachisummaa haqaafi dhugaa dagalchuuf qofa osoo hin tahin Oromoof haqaaf dhugaafiis hangam gatii akka qabu namattiis mul'isa. Gama biraatiin Oromoon waardiyaa dhugaafi haqaa akka tahan akkasumaas hariiroon qaban cimaa tahuus mirkaneessee, raggaasisa. Dhugaa dhiisanii dhara xibaaruun, haqa gatanii shiraan wal abaaruun safuu dha. Dhugaa dubbachuun wanti barbaachisuuf saalfiif safuu eeggachuuf qofa osoo hin tahin boqonnaa surriitiis argachuuf barbaachisa. Sammuun boqonnaa gaariin guutamte immoo gara guuttannaa arraa qofaaf osoo hin tahin hegeree fuul-duraatiif tilmaama gaarii dhooyti. Dhugaa kana bu'ura irraa waan beekuuf Oroomoon sobaafi cubbuu hin jaalatu.

Gama tokkoon yoon taajjabu qabsoo Oromoo keessatti yeroo baayyee dharaafi cubbuu gurguddoo walakkaa wiirtuu qabsoo Oromootti biqilchuun warraaqsa keenya kan nurraa qancarsuuf wixxifachaa jiran namoonni gariin ni mul'atu. Shirri amma handhura qabsootti dagaaguuf meermeeraa jiru kun duriis biqila qabsoo meeqa maxachaa, meeqa gogsaati ture. Kana yoo ilaallu sochiif adeemsa qabsoo keenyaa wanti yeroo hedduu gaadi'ee qabe cubbuuf dhara jechuu ni dandeenya. Namni gariin immoo yoo dhugaan baafamee dubbatamu waan Oromoo diiguufi qabsoo Oromoo danqu dubbachuun yeroo ammaa hin barbaachisu jedhee yaada. Waan dhugaa dubbachuun diigamiinsa Oromoof akka sababa tahetti warri yaadaniis ni jiru. Garuu eenyulleen wanti beekuu qabu yoo jiraate qabsoo keenya kan haqaaf godhaa jirru kana dhugaa qofa qabannee malee dharaaf cubbuun galmaan gahuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Dhugaa walitti himuu dhiifnee sobaan qabsoo gaggeessuuf yaaluun boolla irra citaa afnee akka gubbaa tarkaanfachuuti waan taheef gaaga'ama hamaa fida. Kanaaf qabsoo keessatti dhugaa walitti himaa deemuun dirqama. Kan balleesse balleessite, kan tolcheen immoo tolchite jechaa waliin deemuun dirqama Oromoo maraati.

Warri gariin qabsoo sabaa gaggeessina jechaati "Ani maleeykaadha! Hir'inaas hin qabu, ani tasuma hin dogoggoru waan taheef nan tuqinaa" jechaa qabsoo Oromoo gaggeessuu kajeelan. Namni isaan irratti yaada, qeeqaafi komii kaasu kamuu farra qabsooti. Osoo ati itti hin dhihaanne akka qoree doobbiitti haalalatti nama gubu. Kan dhugaa itti hime mara immoo gaalaatu ka'an. "Nan tuqinaa! Isin hin tuquu" dhaadannoo jedhu waan qaban fakkaatu. Oromoo bilisoomsuuf akka waan waaqni isaan qofa ergeetti of ilaalu. Warreen kun afaaniin "Oromoof qabsoofna" jechaati gochaan akka warra nafxanyoota kaleessa "Nuti qulqulluu sanyii waaqni file kan namni muduus yakkuus hin dandeenyeedha" jechuun Oromoofi Oromiyaa miidhaa turan san fakkaatu. Namni hir'ina isaanii tuqe immoo namuma nabiyyii tuqe. Warreen akkanaa kun ololaafi dharri isaan qabsaa'oota Oromoo irratti afuufaan waan addaati. Ni qabsoofna jechaa Oromoo diiguu barbaadan. Hayyootaafi beektoota Oromoo, dhaabbataafi miidiyaa sabaaf gaarii yaaduufi hojjatu mara cubbuun maqaa xureessuufi shiraan gaadi'uuf qofa yaadan. Kanaaf nuti yeroo ammaa olola sobaa wal irratti oofuu dhiifnee warreen akkanaattiis dhugaa himaa deemuu qabna jedheen yaada koo goolaba.
#Saphaloo / Abdulbasit Kedir
Mudde, 2016

No comments:

Post a Comment