Wednesday, December 28, 2016

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira.

                                                 (Jawar Mohamma irraa)

Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN 'Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.' Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
- Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta'uu ammoo ummanni Arabaa kun waa'ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa'ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
- Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan...baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa'ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa'imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
- Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal'isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
- Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda'u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
- Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka'ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari'achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo'amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fi Hollywood ta'uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma. 
Tasgabbiin mar'idhaa. 
Marii keessatti wal eeggadhaa. 
Wal hin madeessinaa. 
Yaada waliif ulfeeffadhaa. 
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.

No comments:

Post a Comment