Tuesday, November 29, 2016

SEENAA GOOTAA AWWAALUUN BADIIDHA.

SEENAA GOOTAA AWWAALUUN BADIIDHA

                                                (Kamal Aloo Irraa)


Hardha ammoo xiqqoo ilaalchaafi ulfina gootota keenya qabsoo yeroo dhihoo kanaa keessatti woreegamanii fi gootota qabsicha keessatti osoo lubbuu ufii hin qusanne diina raasanii rabbi lubbuu hanbisnaan lubbuudhaan nu wojji jiraniif kennamaa jiruufi kennamuu male irraa waan natti muldhatuun dubbadha. 
Kanas barreessuudhaaf waan na kakaasetu jira. Maali? Yoo jettanis :-
Guyyaa lamaan dura fuula "FB"Nomolos_ungushee jalatti barreeffama tokko dubbisee ture. 
Barreeffamicha san keessatti jecha hedduu nama dallansiisu tokko arge. 


Jechichis, Gooticha oromoodhaa Fiqaaduu shumataa kan goota isa godhe nama suuraa /Fotoo san kaaseedha jedhee namni natti barreesse jecha jedhu.!
Jechi kun hedduu na dallansiise. 
Jecha san dhugumatti namni seenaa qabsoo ummata keenyaa keessumattuu kan bara dabree kana quba qabu jecha barreessu natti fakkaachuu dide. 
Eenyumayyuu taanaan namni jecha kana dubbate dubbii fokkattuufi dubbatamuu hin malle akka dubbate beekuu qaba. 
Nomolos ungushee dubbii kana ufiif barreesse taanaan dogongora jedhaan amana. 
▶Mee namni dubbii kana barreesse badii akkamii akka uumes haa ilaalluu :

  • 1]Dubbii kana dubbachuun seenaa dhugaa awwaaluudha. 
  • 2]Hamilee goota sabaaf uf kenne tokkoo cabsuudha. 
  • 3]Gootota fakkaataa isaa hedduu irrayis kabaja gootaan male mulquudha. 
  • 4]Qabsaawota gootota ilmaan oromoodhaa akka fiqaaduu shumataa faa wojjiin osoo diinaan falmatan qaamaa hirdhatanii jiruun isaanii siree gubbaa taate hundarraallee kabaja fuudhuufi galata dhabsiisuudha. 
  • 5]Woreegamtoota gootota kanneen biraa woreegamaniifis kabaja dhabuufi seenaa isaaniillee barbadeessuudha. 
  • 6]Gootota ilmaan sabaa kanneen diinaan morkatanii harka duwwaa diinarraa qawwee hiikkatanii gaaraafi hallaya keessatti aduuf roobni itti wol jijjiiraa jiru hamilee kutachiisuudha. 


Dhugaan jirtu ammoo :


Fiqaaduu shumataa kan gootummaa kenneef nama suuraa kaasee miti. 
Fakkaattota isaa ilmaan oromoodhaa yeroo diinaan falman suuraaleedhaan miidiyaa hawaasaafi miidiyaalee garagaraa irratti arguu turre hundaa namni suuraa kaasu sun gootummaa isaaniifi waan hojjatame nutti garsiise malee gootummaa hin kennineef. 
Kennuufiis hin danda'u. 
Suuraa gubbaatti arguu kan turres gootota qofaa miti. 
Luynas, gantuus, basaastuus, diinaa fi wontoota biroos suuraa namni kaasee erguun argaatuma turre. 
Jara kanaas faallaa qabsaayotaafi gootaa kan isin godhe nama suuraa kaaseedha jennaaniiree? 
Lakki hojii fi muldhata jaraati malee. 
Fiqaaduu shumataa kan harka diinni saba oromoodhaa ni kennisiifna jedhee miidiyaa isaatiin nutti dhaadachaa ture san didee falmachuudhaan harka kaasee irree fi murannoo oromoon haqa isaa irratti qabu garsiise iddoo bashannanaattii miti. 
Dirree falmii haqaatiif sabni roorrifame oromoon irratti tokkummaadhaan wolitti dhufee osoo gubbaafi jalaan rasaasni itti roobee reeffi dirree tuulamee arguu diina onnee fi tokkummaaf murannoo garsiisaa ture gubbaatti. 
Irree harka mirgaa fiqaaduu shumataa guyyaa san kaase irraa waan hedduutu muldhata. 
Mallattoolee hedduutu irree fiqaaduun kaaseefi fuula isaa irratti fe'amee jira malee akkuma laaftutti harka duwwaa kaase waan jedhamuu miti. 


HUBADHAA :


Irree diddaadhaa kaafamte san irra waan hedduutu jira. 

  • 1}Jecha abbaay_xahayyee (LIK INNAS GABBAACHUWALEN) Jedheef deebii haqaafi mirga keenyaaf falmachuu keessatti harka hin kenninu jedhutu irraa muldhata. 
  • 2}Jecha Diinni (WODEDACHUM, XALLACHUM MASTER PILAANU SIRAA LAY YIWULAAL) Jedheefis deebii diddaadhaa irree tokkummaatiin ni falmanna. Jedhutu jira. 
  • 3}Gootummaatu suuricharraa muldhata. 
  • 4}Dallansuun irree humna guutuudhaan olkaafamteefi fuula fiqaaduufi hiriyoota isaa hunda irraa muldhattus roorrifama sabaafi roorroo diinaatiif finiinanii lubbuu gumaachuun isaanii dhuguma gootonni kunniin ilmaan gudeedaa sabni kun dhaleefi dhalche ta'uu isaanii nama garsiisa. 
Nama ija kabaja sabaa qabuuf waan hedduutu suuraa san irraa muldhachuu danda'a. 
FKNF :-
Gootichi oromoodhaa fincila kanaaf hooggansaafi falmataa guddaa ture 
Jawar_Muhaammad guyyaa suuraa san maxxanse jecha diina hedduu abdii kutachiiseefi saba abdachiise dubbatee ture. 
Dalansuufi murannoo ummata oromoodhaa kan suuraaleefi video gubbaa muldhatu kun hundi eessaa dhufuu danda'ee? 
Gaaffii jettuuf, 
Jawar_Muhaammad "akkuma dhiigni jiguun dhiigni danfaa deema"deebii jettuudha kan kenne. 
Gootonni ilmaan oromoodhaa yeroo sanitti Fiqaaduu fi kanneen biroo wojjiin diina dura dhaabbatanii falmachaa turan hedduun woreegamanii saba kanaaf jecha garaa dachee jiru. 
Gariin mana hidhaatti hiraaramaa jiru. 
Gariin ammoo qaamaa hirdhatanii sireerratti hafaniiru. 


Fiqaaduufi fakkaattonni isaa amma lubbuudhaan diina baqatanii biyya namaafi biyya keessa jiran hundi haftoo ykn hambaa woreegamtoota sanii akka ta'anillee beekuun barbaachisaadha. 
Hambaa woreegamtootaatiif kabajaafi jaalala kennuun woreegamtootaaf kabajaafi jaalala kennuudha. 
Hambaa isaaniitiif kabajaafi jaalala dhabuun ammoo woreegamtoota saniifi kanneen mana hidhaa, siree gubbaafi kkf jiran hundaaf jaalalaaf kabaja dhabuudha. 
Dhiheenya kana ammoo harka diinaa jalaa bahuu gooticha oromoodhaa Gammadaa waariyootiin wol qabsiifamee haasaan tokko yeroo bukaayu argina. Yeroo sabni ijjannoo Gootichi kun guyyaa irreechaa diinarratti fudhateen boone oromoon maaltu mudannaan hafuurri isaa dilana dhabame laata jedhee yaada seenetti Gammadaan kaayroo seenuu dhageenye. 
odeeffannoo kanaan hedduu gammannus toora miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoon sobaallee hedduu waan muldhatuuf amanuu dadhabne. osoo hin turin suuraan isaa sabboontota Cairo wojjiin muldhatu social media gubbaatti gad baheetiin maxxanfame. 
Oromoota suuraan Gammadaa waariyoo wojjiin maxxanfame keessaa Fiqaaduu shumataan isa tokko ture. 
Suuraan Falmattoota sabaa kamiituu wojjiin muldhatanii maxxanfamuun silaa waan rakkoo qabu natti hin fakkaanne. 
Namoonni mataan isaanii shira Diiggamtoota jaarmayaalee oromoodhaa kutaadhaan wolitti dhaadachiisuudhaatiin guutame garuu qabsaayota kana lamaan akka woldorgomsiisuudhaa keessa galuun jaraa yaadaafi gocha fokkataadha. 
Adeemsa qabsoo keessatti seenaa falmattoonni ykn gootonni sabaa wol duraaf duubaan galmeessan wol dorgomsiisuun hin danda'amu. 
Maaliif? Jennaan :-
Qabsoon ba'aa ulfaataa iddoon baatanii geessan fagoo taate kan namni tokko baatee geessuu hin dandeenyeefi gootonni qabsaayonni sabaa ba'aa kana wolirraa fuudhaa baatanii iddoo ykn bakka gahuu qabduun kan gahan waan taateefi. 
Dhumarratti :-
Yaanni hubannoo dadhabaa qabu akkanaa yeroo saba keessa kaafamu hunda ilmaan sabaa dubbiin tun ifteef hundi dura dhaabbachuudhaan dhugaa bakka irraa buqqaatetti deebisnee dhaabuun amaanaa sabaa nuuf ta'uu qaba jechee barruu kana xumura. 
Dogongora muldhatuuf na hoffolchaa. 
QABSOON ITTI FUFA. 
OROMIYAAN NI BILISOOMTI. 
INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF.! 
▶Kamaal Aloo

No comments:

Post a Comment