Monday, November 21, 2016

OROMOON KAN ODUU MINNAAGU OSOO HIN TAANE KAN DIINA WAREEGU BARBAADA.

OROMOON KAN ODUU MINNAAGU OSOO HIN TAANE KAN DIINA WAREEGU BARBAADA. 

                                              (Saphaloo Kadiir irraa)

Ji’a darbe keessa korri jaarmayaalee qabsoo Oromoo Londonitti yoo gaggeeffamu mootummaan wayyaanee, warri Amhaaraafi leelliftoonni tokkummaa Itoophiyummaa “Oromoon Itoophiyaa ni diigna jedhan” jechuun iyyeensa quba gurra kaayyatanii dachii garagalchaa turan. Oromoofi jaarmayaalee qabsoo Oromootiis balaalleeffatanii, qabsoo wareegama meeqa keessa dabartee as geessees abaaraa turan. Yeroo san kanuma irraa ka’uun warri ol’aantummaafi caalmaya saba tokkoo qofa leellisuu barbaadan kun kora Hoggantoota Oromoo kan Atilaantatti gaggeeffamuuf karoorfame irrattillee shakkii guddaa qabaachuu isaaniis ibsaa turan. Osuma isaan maraataniifi carqa darbaniiti yeroon koraa geessee korri gaggeeffame. Eega korri xumurame booda immoo dubbiin faallaa taatee warri biraa yoo callisu Oromumaatu walitti bobba’uu jalqabe. Akkuma argaa jirru wayta ammaa marsariitiilee interneetaa kana gubba keessattuu miidiyaalee hawaasaa irratti waanuma ajaa’ibaa argaafi dhagayaa jirra. Gariin dhugaa dubbata, gariin immoo waanuma hin beekneef of shukkuuma, gariin immoo waanuma deeggaruufi dhiisullee osoo hin beekne dhawwaaqa. Warri dubbii afaan wallaalee harka maratee dhaabbatee ilaaluus hedduudha. Gareen gama lamatti baatee wal dhooytu tun lachuu Oromoo dha. Lachuu Oromoo tahanii ykn Oromoo fakkaatanii, akka waan Oromoof quuqamaniitti yoo minnaagan, wal arrabsan, tokko faarsaa tokko xureessan agarra. Hangi kora kana hadheeyfatee mormu garuu harki caalaan hoggantootaafi miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Shanee) yoo tahan sababni balaalleeffannaa isaanii guddaan immoo kora san irratti nu arrabsan, warreen qabsoo Oromoo irratti abbaa tahuu barbaaduutu achitti walitti qabame, waltajjii san kan qophoosseefi hirmaatee diina, teessumni san ABO diiguuf koroorfatamteefi kkf kan jedhu yoo tahu wantoota biraas baayyee dhageenya. Kanneen biraa immoo korri Atilaantaa san sirrii tahuu deeggaruun warra waltajjii san mormuufi faalleessu kana kan balaalleeffatanii dha. Warri gariin gaafuma waltajjiin kora hoggantoota Oromoo jedhamu kun akka gaggeeffamuuf deemtu karoorfamte mormii jalqabe. Eega korri gaggeeffame booda immoo mormiin duraan turte san oowwiteeti osoo deemtuu amma sadarkaa wal dhahiinsaatti, saniifuu wal rukuttaa hamaatti dhufte. Wanti hedduu nama ajaa’ibsiisuu garuu kan wal dhooysisuufi wal dha’uus, kan wal arrabsuufi wal abaaruus keenyuma, Oromoo jechuu kiyya. Gariin immoo dubbii gara gosummaafi naannummaatti harkisee ummata Oromoo waliin dhahuu barbaada. Kan agarruufi dhageenyu marti kanuma gar tokko goree ibidda qabate irratti boba’aa firfirsu malee, kanuma arraabaafi abaarsa qoloo guuttatee xiichu malee kan yaada falaafi furmaata tahu lafa kaa’u, kan araara buusuufi dubbii qabbanneessu hin agarre. Garuu maaliif? Jedhee yoon of gaafadhu wantoota baayyeetu sammutti na dhufe.
“Teenya tun miicaniis hin addaattu, addaattuus tan ormaa hin fakkaattu” jedhe hiriyaan kiyya tokko. Yoo walitti dhufnees rakkoodha. Yoo walirraa fagaannees rakkoodha. Akka ilaalcha kiyyaatti taa’uu irra siquu wayya akkuma jedhamu san gargar faca’uu irra immoo walumatti dhufuutu irra gaariidha jedheen amana. Walitti dhufuun, waliin haasa’uun yaada keessoo keenyaa baafnee akka wal dabarfannu taasisa, namni waan keessa isaa jiru baasee walitti himate immoo wal hubachaa, wal baraafi waliif galaa dhufa. Yaadoota irratti waliif hin gallees bulfachaa, kan irratti waliif galan waliin hojjachaa deemuun baayyee gaariidha. Kan walitti dhufuu hin barbaannees diduufi hafuu mirga qaba. Garuu immoo moggaa ta’ee namoota walitti dhufuun nu fayyada jedhanii amanuun walitti qabamanitti dhagaa haruu hin qabu. Warri walitti dhufuus kan hafe san walitti dhufiinsa hin barbaadu taanaan hafuuf mirga qabaachuu isaa amanuu qaba. Sammuu qaroomteefi qalbii tasgabbooyteen waa hubachuu danda’uu qabna. Waa hundaafuu kora hoggantoota Oromoo Atilaantatti gaggeeffame irraa hanga ammaatti haala deemaa jiru kana waliin wal qabsiiseen yaada koo cunfee waa dubbachuu barbaada. Ani miseensa dhaaba siyaasaa tokkoollee miti. Dhaaba siyaasaa kan Oromoofi Oromiyaaf qabsaa’an kamiifuu jibba qabaachuu baadhullee keessa kootti akeekaafi kaayyoo ABO kan ganamaa saniin deeggara. Osoo hojiirra oolee qabatamaan lafa qabatee kan hedduu na gammachiisuus isuma. Tahullee garuu hunda caalaa fedhiifi hawwii ummata Oromoon hordofa. Dhahannaa Onnee ummata Oromoo dhageeffadhee adeemsa warraaqsa qabsoo isaan itti jiran faana bu’uun filannoo koo guddaadha. Kana ibsuun kiyya dhimma qabsoo Oromoo kamuu ija Oromummaatiin malee ija dhaaba siyaasaa kamiinuu akkaan hin ilaallee akka naaf hubattaniifi. Ani akka Oromoo tokkootti walitti dhufeenyaafi marii Oromoo mara niin deeggara waan taheef kora hoggantoota Oromoo Atilaalantatti gaggeeffamees baayyeen deeggara. Eega korri kun gaggeeffamuuf karoorfame irraa hawwiifi hamileen sardamaan eeggadhe. Qaamaan irratti hirmaachuuf carraa milkaa’u baadhuus akkuma Oromoota danuu qalbiin faanaan ture. Waan korri irra ture hanga gama interneetiin ol bahee mara dhageeffadheen jira. Gama kaaniin immoo namoota garagaraa waliin dhimma kora kanaa ilaalchisee waliin dubbadhee, akkamitti akka ilaalaniifi hubatan gaafadheen jira. Namuu akkuma ilaalcha isaatti waanuma itti dhaga’ame ibsa. Yaadoota nama kan gama ‘Facebook’ ibsataniis hedduu laaleen jira. Gariin ni komata, gariin immoo ni faarfata. Yoo tokko faarfatu tokko maaliif faarfatta? Jedha. Kan shoorarkaa hangana geessu uumees dhimmuma kana. Ani immoo duuddutti faarsuus tahee komachuu hin barbaadu. "Ganna dabreef mana hin ijaaran" jedha Oromoon. Yeroo baayyee namoonni gariin waan dabre irraa barachuu caalaa komachuu jaalatan. Akka dhunfaa kootti kora waliin wal qabatee haala ture irraa ka’uun waaniin hubadhe akka armaan gadiittiin ibsa.
Oromoon walitti dhufee dhimma isaa irratti haala saniin mari’achuun hundaa ol kan na gammachiiseefi quuqaa narraa buqqise ture. Yeroo baayyee ummanni Oromoo biyya keessaa qabsotti jiru geengoo diinaa walakkaa waan jiraniif walitti dhufanii adeemsa warraaqsa isaanii irratti mari’achuun waan ulfaatuuf oromoon geengoo diinaatii ala jiran walitti dhufanii mari’achuu akka qaban yeroo baayyee irra deddeebi’ee barreesseen ture. Kanaaf Oromoon haala saniin walitti dhufanii waliin dubbachuun ana qofa osoo hin taane ummata Oromoo mara tahuu baatuus harka caalu kan gammachiisee akka tahe niin amana. Fedhiifi hubannaan namaa garagara waan taheef harka dhibba ni gammachiisa jechuun immoo hin danda’amu. Haalliin kana itti hubachuu danda’e ummata Oromoo guututti gaafadhee osoo hin taane ykn tilmaamaan osoo hin tahin tooftaa saayinsaawattiin fayyadame. Nama 30 biyya keessaafi biyya alaa irraa dhimma koraa kana ilaalchiseen gaafadhe. Namonni soddamman kana hanga danda’amutti manguddoota, dhaloota qubee, miseensootaafi abbootti amanta irraa keessatti hirmaachisuuf yaaleera. Namoota 30’man keessaa giddugalaan namoonni 25 kan deeggaran 5 immoo kan morman ture. Namoonni shanan morman kuniis walitti dhufuu isaanii osoo hin taane, hanqinoota xixiqqaa kora irratti mul’ate irraa ka’uun akka morman dubbatu. Waanuma fedhellee tahu Oromoo harki caalu ni deeggaran jechuudha. Ani mirkaneeffachuuf malee sadarkaa tilmaamaattuu wayta kana Oromoon iddoo fedhetti walitti dhufee mari’achuu isaanii kan Oromoo taheefi qabsoo sabaaf yaadu kamuu ni morma jechuun hin danda’amu. Tahuus garuu wanti tokko yoo hojjatamu akkuma cimina qabu hanqinaas qabaachuun isaa beekkamaadha. Nama deemuutu gufata malee namni taa’u yoo ta’aan (hudduun) dadhabde malee hin gufatu. Gufaatii sodaaf immoo imala irraa hafuun waan jiru nattin fakkaatu. Daa’imni niin kufa jedhee sodaatu osoo miilaan ol hin kaane waggaa dheeraaf sorraqaa tura. Kan dhaabbilee siyaasaa Oromoo hanga ammaa akka isaan sorroqaan taasisees kanuma ture. Haaluma kanarraa kaanee yoo ilaalle waltajjiin kora kanaatiis hanqina qabaachuun isii beekkamaadha. Tahullee garuu hanqina waltajjii tanaa xixiqqaa mul’ate fuudhanii hojii godhatanii minnaaguun gaarii miti. Hanqinoonni uumamu kamilleen irraa baratamaa, fuul duratti fooyyeeffamaa kan deemamu taha.
Namoonni muraasni hanqina waltajjii kora Atilaantaa jechuun kan kaasan dhimma walaloo guyyaa duraa waltajjii irratti Bulii Badhaanee dubbisee dha. Ani akka kiyyatti walaloon san sirri moo sirrii miti kan jedhu osoo hin taane hanqinni akkamitti uumame kan jedhuu irrattiin xiyyeeffachuu barbaada. Walaloon hanqina qabaachuu dandeessi garuu nuti hanqina qabaachuu walaloo osoo hin taane hanqinichi waltajjii uumamuun isaa akka yaada kiyyaatti sababoota lama irraa jedheen yaada. Tokkoffaa waltajjii akkanaatiif koreeleen haarawa waan tahaniif, yeroo hedduu waltajjii akkanaa qopheessuufi irratti hirmaachuuf haarawa tahuu irraa kan uumamuu malu yoo tahu kan biraa immoo koreen waan darbuu qabuufi hafuu qabu addaan gulaaluufi calaluu dhabuu irraa kan uumame tahuu danda’a. Hanqina walaloo qofa irratti uumame kanaan immoo kora guutuu diinoomsuun, balfuufi balaalleeffachuun immoo ofiifuu diinummaadha. Warreen hanqina kanaafi kan biraallee qabatanii hafarsaa jiran akka dhunfaattiis tahee akka jaarmaya siyaasaatti ni jiran. Garuu hanqinni uumame kun kan kana mara nama dhiphiisuufi nama oowwisu osoo hin taane kan dogoggoroota xixiqqaa fuul dura nu mudachuu malan irraa baratanii bira dabranii dha. Eenyuutu hanqina waltajjii kana fuudhee guddisee ol qabee hafarsaa jira yoo jenne namuu amma ni hubata. Kan nama gaddisiisu garuu waltajji kora Atilaantaa kana dhoqee dibuuf kan wixifatu diina caalaa keenyuma tahuu isaati. Saniifuu hoggantootaafi miseensoonni ABO Shanee kan Daawid Ibsaan hogganamu hanqina waltajjii san irratti mul’ateefi kan ofiif uuman fayyadamanii ummata Oromoo kutaan, amantaafi ilaalcha dhaaba siyaasaan walitti buusuufi gargar facaasuuf yaaluu daran qabsoo oromoo laamsheessuuf wanti isaan hin godhin hin jiru. Yeroo ammaa wayta wayyaaneefi warri habashaatu qabsoon oromoo sadarkaa olola akkanaatiin caphuufi ummanni oromoos ilaalchoota yaraafi dadhabaa kanaan walitti bu’uu bira dabruu baranii bakka cal’isanitti hoggantoonni dhaaba Oromoon qabsoof abdachaafi jaalachaa turtee waan akkanaa godhuun kun namoota garii gaaffii biraa sammuu keessatti kalaquun isaa beekkamaadha. Wanti isaan itti jiran kun garuu anaaf gaaffii yeroo dheeraaf deebii dhabde sammuu kiyya keessaa wacaa turte baayyeef akkaan deebisaa argadhu na taasise. Kaayyoon ABO kan ganamaa Oromoo bilisoomsuufi Oromiyaa walaboomsuu tahullee hoggantoonni ABO Shanee immoo kaayyoo kana cabsanii qabsoo godhamaa jiru sakaaluufi dhoqqee dibuu qofaaf maraachuun isaanii kan ammaa kun yeroo jalqabaa miti.
Dhugaa dubbachuuf warraaqsa ummata Oromoo bal’aan gaggeeffamaa jiru kana hoggantoonni Shanee kun yeroo garagaraa yoo morman argeen jira. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti nama tokko yoon kaase Odaa Xasee hoggana ol aanaa Shaneeti. Odaa Xasee akka dhunfaattiis akka dhaabaatiis yeroo garagaraa warraaqsa Oromoo bara 2016 kana keessa gaggeeffamaa ture yoo mormuufi balaalleeffatu fuula FB isaa irrattiis, miidiyaa irrattiis argee dhaga’een jira. Warraaqsa bara kanaa keessatti gaggeeffame keessaa guyyoota seena qabeessa, injifannoo gurguddaa galmeessaniifi hangafoota tahan kan akka hiriira guddicha Oromiyaa Hagayya 6 fi gaafa duulli lagannaa gabaa ji’a Fuulbana 2016 keessa wayta akka gaggeeffamu labsame Odaa Xasee nama hadheeyfatee mormeedha. Hoggantoonni akkanaa kora hogganoota Oromoo maaliif morman yoo jenne argaa irra dhageettii barbaaduu taha. Korri hoggantoota Oromoo Atilaantatti gaggeeffame kun bu’aa warraaqsa bara 2016ti. Warri warraaqsa kana mormaa ture waltajjii bu’aa warraaqsa kanaa taate irratti hirmaachuuf ofitti amantummaafi hirees hin qaban. Abbaan barbaade waan itti amane deeggaruu, waan hin barbaanne immoo mormuu mirga guutuu qaba. Maaliif morman, maaliif jibban jechuu kiyya osoo hin taane sababoonni mormaniif qabatamaafi mul’ataa tahuu qaba jedheen yaada. Haalli isaan itti jiran kun sababoota baayyee irraa kan maddu akka taheen hubadha. Yoo gama isaaniitiin hin taane qabsoon Oromoo taakkuu takka akka hin deemne barbaaduu, dhiigaafi lafee faca’aa jirtuufi lubbuu obboleeyyanii kan qisaasamaa jiru kanaaf leeccalloofi hadooddii dhabuu, qabsoo eenyulleen gaggeessu maqaa itti moggaafachuuf hamiluu, adeemsaafi tartiibni qabsoo itti gaggeessan nama harkaa baduu, kaayyoofi akeeka dhaabni qabu moggatti dhiisanii fedhii ofii jala tarkaanfachuu, amala abbaa irrummaafi ana qofaatu beekaatiin guutamuu, ergama diinaa ba’atanii deemuu, quuqamaafi laalaan sabaa namatti dhaga’amuu dhiisuu, fedhiifi hawwii ummataa beekuu dhabuu, dhahannaa onnee ummataa dhageeffachuu dhabuu, sadarkaa qabsoon irra jirtu hubachuu dhabuufi kkf baayyee irraa kan maddu akka taheen hubadha.
Waanuma fedhee haa tahuu, abbaan fedhe waan barbaade haa hafarsuu nuti ummanni Oromoo wanti godhuu qabnu baayyeetu jira. Kan duraa rakkoolee akkanaa kana gad xiqqeessuufi tarsiimoo bu’aa qabsoo keenyaa guddisuufi galma keenyatti nu dhiheessuu dandeessu diriirfachuun dirqama taha. Nama dhunfaas tahee, dhaabni siyaasaa marti maaliin godhuu qaba jedhee of gaafachuu qaba. Yoo walii galuun hin danda’amne garaagarummaa isaanii akkuma jirutti dhiisanii kaayyoofi akeeka qaban san galmaan gahachuuf tarkaanfachuu qaban. Olola wal irratti banuun nun barbaachisu. Ololaafi dhagaa darbannu mara gara diinaa qofatti darbachuu qabna. Gama biraatiin Oromoon wal amanuu, wal irratti quufuu, waan gaarii hojjatame eenyuutu hojjatee osoo hin taane hojjatamuu isiitti deeggaruu, kan balleesse badii isaa itti himuu, kan waan gaarii hojjate jajjabeessuufi tooftaa biraa kan jaalalaafi qindoomina keenya cimsan, tarsiimoo mootummaa wayyaanee kan butute kana itti fonqolchinu hordofuun dirqama taha. Dhaabni siyaasaa tokko kan biraa waliin hirmaachuu dandeenyaan gamtoomee qabsoo isaa itti finiinsuu qaba. Dhaabni siyaasaa tokko yoo waan biraa godhuu dadhabe dhaaba siyaasaas tahee nama dhunfatti qabsoo Oromoo siqsuuf tattaafatu hamilee buusuufi cubbuun dhoqqee itti dibuu irraa of qusachuu qaba. Ummanni keenya nama ykn dhaaba qabsoo taa’ee minnaagu osoo hin taane kan diina isaa wareegu, kan walirratti ololu osoo hin taane kan tarsiimoo sirrii diina barbadeessuuf diriirsu barbaada. Oromoon wayta ammaa kana eenyuutu naaf hojjataafi eenyuutu narratti hojjataa jiraa sirritti addaan baasee beekee jira. Dhaaba siyaasaa kan yoo danda’e wal tahu yoo dadhabe immoo roguma jiruun qabsoo finiinsu malee kan Oromoo irratti as deebi’ee diigmayaafi shira xaxu hin jaalatu, hin barbaaduusi. Sadarkaa amma qabsoon Oromoo geesse kana irraa abbaan fedhe yoo waan qabsoo qancarsu tanuma barbaade jedheefi hojjatees taakkuu takka of duuba deebisuu akka hin dandeenye hubadhaa. “Kofa ofii ajooytuu abbaatu walitti qabata” jedha Oromoon. Kanaaf afaaniifi bobaa ofii ajaaytuu ofumaaf walitti qabachuu malee of babbanuufi walitti ajeessuu irraa of qusachuun abbumaaf tola jedheen barruu koo goolaba. Horaa bulaa.
Abbaan barbaade wixxifatuus qabsoon keenya galma geessi!
Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

No comments:

Post a Comment