Saturday, November 26, 2016

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

                                       (Saphaloo Kadiir irraa)

Gootummaan maqaa moggaasa haadhaaf abbaa, kan hiriyaa ykn kan ofiif akkuma barbaadan moggaafatan osoo hin taane, onne qabeessummaa, onnattummaafi murannoo fi kutannoo qabaachuu irraa ka'uun hojii boonsaa hojmaata dhugaatiin dagaltee sabaaf hojjattu irraa kan siif moggaafamuu dha. Ani goota jechuuf namni gootummaa hin badhaafamu. Gootummaan tan kennaa bilisaa waliif laatan osoo hin taane hojii ati sabaaf hojjattuutu si gonfachiisa. Hojii dhunfaa keetii dacha dachaan hojjattee fiinxa ba'iinsa gonfachuu bira dabree maatiifi firoottan kee illee yoo hariira uwwifte gootummaan hin moggaafamtu. Goota jechuun dursa kan miidhaafi roorroo saba isaa faccisuuf lubbuu isaa takkittii irratti wareegama murteessuu dha. Lubbuu isaa irratti murteessuu qofaas osoo hin taane qabeenya diinagdee, beekumsaafi humna isaas biyyaafi saba isaaf yoo dabarsee laateedha. Gootni dhugaa jiruuf jireenya, sadoof qananii dhunfaa, faaydaafi fedhii isaa mara irra hin kaayyatu, haajaas itti hin qabu. Haalaafi akkaataa mara keessatti beekkumsa qabuun dirmatee sagaleen saba isaatiif dhawwaaquun, qabeenya isaa gumaachuufi lubbuun isaa kennuun qabsaawa. Gootni maqaan walirra caalu baatuus sadarkaan onneefi kutannoo isaanii wal dhaba. Kana yoon jedhu garuu gootoota qabsoo Oromootiif waan laachuu qaban laatan sadarkaan wal caalchisuuf osoo hin taane warri qabsoofi warraaqsa sabaatiif gumaata laataan marti gootummaa isaaniin malu qaban jechuu kiyya. Garuu haalaafi akkaataa keessatti qabsoo adeemsisaniitu garaagarummaa akka qabaatan taasisa. Gootoonni gariin gareen qindaawanii qabsoo sossoosan. Wayta garii immoo yoo haalli walitti gamtaa'anii waa hojjachuu yoo aanja'uu dhabuuf dhiirti dhiiraa tarkaanfii barbaachisu dhunfaa isaatti fudhachuuf lubbuu ofii irraa kaatee, jireenya ofii irratti wareegama murteeffatee injifannoo dachaan galmeessan.

Nutiis akka Oromootti sabni keenya dur gaafa gabrummaa jalatti kufe irraa jalqabee gootoota bilisummaafi walabummaa sabni dhabe deebisuuf qabsaa'an baayyeefi kumaatama lakkaawamee hin dhumne qabna. Gootoota kutannoof murannoo dhugaa qaban kanaan qabsoon yeroo gara yerootti jijjiiramaa, daran fiiniinaa arra geesse. Gootoonni harki caalu akkuma lubbuu isaanii irratti murteessan wareegamanii dhaamsa jabaa dhiigaan nuuf barreessanii kan dabran yoo tahu gootoonni muraasni immoo akkuma carraatti lubbuun hafanii dhaamsa isaanii afaan isaanii irraa deddeebinee akka dhageenyuuf carroomna. Hambaaleen goottan kaleessaafi kan arraatiis boruuf yaadannoo siidaa qabsoo tahuun seenaan isaan kaasaa kan jiraattu tahuun beekkamaadha. Akkuma adeemsa qabsoo yeroo dheeraa goottan onnee barbadaa qaqqaaliin gulantaa takka irraa tan biraatti tarkaanfachiisaa dhufan san bara 2016 keessaas warraaqsa cimaa Oromoon godhaa jiru kana wareegama seena qabeessa adda addaa kafaluun goottan kumaatamni tarkaanfachiisaa asiin gahan. Irra jireeysi gootota keenyaa dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsanii, foon isaanii itti kukkutanii, lubbuu itti dhabanii, qaamaa itti hir'atanii, qabeenya itti hoonga'anii qabsoo tana sadarkaa boonsaa amma jirtu kanaan gahan. Goottan foon isaanii sooraa, dhiiga isaanii obaasaa qabsoo asiin gahan mara kabajaaf ulfina isaaniin malu isaan barbaachisa. Irra baayyee goottan qabsoo irratti wareegamanii kabajaafi ulfina guddaa isaan barbaachisu laachuufiin wal nama hin gaafachiisu. Goottan baayyee akkuma lubbuu isaanii qabsoof qodhaa godhan sanitti wareegamaniis akka carraa tahee goottan qabsoo sadarkaa adda addaatti ceesisan kan lubbuun hafaniis ni jiru. Barana gootoota keenya qabsoo finiinsaa turan, kanneen lubbuu ofii irratti murteessanii gulantaa warraaqsaa sadarkaa addaatti ceesisan kan lubbuun hafuuf carrooman keessaa tokko dargaggoo Gammadaa Waariyoo ti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo dhaadannoo isaa 'Down down wayyanee' jedhamuun yeroo ammaa beekkama. Gootichi kun akkuma beekkamu Onkololeessa 2, 2016 gaafa ayyaana Irreechaa waltajjii irratti bahuun 'mic' aanga'oota wayyaanee harkaa butuun 'Down down down wayyaanee' jedhee sagalee isaatiin akka leencaa baroodee diina naasisee, Oromoota miliyoona danuu irraa quuqaa buqqisee, fira qabsoo Oromoo maraas gammachiisee gulantaa qabsoo gara sadarkaa addaatti tarkaanfachiiseedha. Irreecha irratti iddoo waraanni hangi wayyaaneen qabdu itti wal gahee jirutti dhaadannoo akkasii waltajjii irratti bahanii dhageessisuuf onnee gootummaa dhugaa waliin kutannoofi murannoo guduunfatte qabaachuu barbaachisa. Sagale guddiftuu qabatanii waltajjii aanga'ootaafi waraanni wayyaanee irratti walitti qabamee jiru irratti dhaadannoo 'Down down down Wayyaanee' jettu dhawwaaquu dhiisii osoo afaaniin hin dubbanne mallattoo diddaa harka ol qabanii agarsiisuun qofti wareegama guddaa Oromoo kafalchiisaa jiraachuun wal nama hin gaafachiisu. Gaafa ayyaana Irreecha san maaltu taha laata? jedhanii kumni qalbiin eegaa turuun ni yaadatama. Irreechi dur gammachuun Oromoo hammatee gammachiisee gaggeessuus barana immoo lubbuun dhibboota danuu shira diinaatiin irratti wareegamte, kan gammachuu dur golga gaddaatiin haguuge Irreecha gurraacha ture. Wayta Oromoonni miliyoona danutti lakkaa'aman gaddaan liqimfaman kanatti dargaggoo Gammadaan waraana wayyaanee kan akka mixiitti dirree Irreechaa cabalaq godhee jiru keessaan hulluuqee gootummaan waltajjii yaabbatee 'Down down wayyaanee' jedhee dhawwaaquun diina baareeysee miira ilmaan Oromoo gaddaafi gammachuun wal keessa laaqe. Waltajjii akkanaa irratti bahanii diina abaaruun, afaanii baafatanii 'Down down TPLF' jedhanii dura dhaabbatanii dhaadannoo dhageessisuun kutannoofi gootummaa akkam akka gaafatuufi wareegama hangam akka nama kafalchiisu tilmaamuun nama hin rakkisu. Gammadaan goota qabsoo Oromoo fincila xumura gabrummaa irraa gara warraaqsa Oromootti ceesiseedha

Lubbuu ofii irratti du'a murteessanii dirree san irratti bahuun qofti wareegama hadhaawaa nama gaafatti. Sabaa ofiitiif dabarsanii of laachuuf qophaa'ummaa cimaafi of kenniinsa guddaa nama gaafata. Injifannoo cululuqxuu akkanaa geengoo diinaa keessatti galmeessuun ulfaataa tahuu daran kan amanuuf nama rakkiisuudha. Gaafa Irreechaa eega Gammadaan waltajjii irratti 'Down down' jedhe booda yaanni shakkiifi mamii tokko tokko uumamuun kanumaaf ture. Hojiin gootummaa dhugaatiin Gammadaan waltajjii Irreechaa ija wayyaanee duratti hojjate namoota garii "Geengoo diinaa keessatti namni hangas onne qabeessummaafi gootummaan waltajjii diina irratti bahee dhawwaaqu dhuguma ni jiraa? Ani hin amanu! Moo diinaatu fakkeessuuf qindeessee kana godhee laata?" kan jechisiise ture. Eeyyee! Qabsoo keessatti wareegamaafi injifannoon baayyeen kan gamtummaan galmaa'u tahuun waan baratameef murtiifi tarkaanfii goonni akkasii dhunfaan fudhatu kan akkanaa kun mamii keessa nama galchuun beekkamaadha. Sababniis injifannoo cimaa akkasii mooraa diinni marsee jiru keessatti galmeessuun tumsaafi tinnisa qaama biraatiin alatti ni milkaa'a jedhanii yaaduufi carraan injifannoo akkasii argachuu dhiphaafi adeemsi isaas ulfaataa waan taheef gaafa tahee argamu immoo hanga roga adda addaatiin qabatamaan mirkanneeffatanitti 'Ani hin amanu' nama jechiisiisa. Wanti ni taha jettee hin eegne tokko gaafa tahee argamu immoo 'ijaafi gurra kiyyaan amanuu dadhabe' nama jechiisisuun miira uumamaa shakkiifi madaalliif keessa keenyatti kalaqamee jiruutu nu dirqisiisa. Qabsoo keessatti gootummaan injifannoo akkanaa galmeessuun lubbuu ofii caalaa sabaaf dhimmamuufi qomoo ofii jaalachuu irraa kan maddu tahuun beekkamaadha. Kanaaf Gammadaa Waariyootiis jireenya isaa Oromoof qodhaa godhee, lubbuu isaa lammii isaatiif wareeguuf of qopheessee injifannoo san galmeesse. Akkuma gootoonni qaqqaalii baayyeen sabaaf dabarsanii of laachaa, of irra saba jaalaachaa turaniitti, arraas qarooleen baayyeen bilisummaa lammiif jecha du'a of irratti murteessaa jiran. Kan sabaaf qodhaa of godhu baayyee keessaa muraasaatu akka carraa ardii irratti hafa. Isaan keessaa tokko Gammadaa Waariyooti. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni. Eeyyee! Gammadaan akka carraatti arra lubbuun nu jiddutti argamuus goota saba isaatiif of laate goota cimaa fi guddaadha. Goonni akkasii lubbuun nuuf eewalamee jiraachuun nu gammachiisuu qabdi. Irraan deebi’a. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni.

Gammadaan goota gulantaa qabsoo keenyaa sadarkaa guddatti geesseedha. Akkuma "Qabsoon beeratti burraaqa" jedhan san hojiin inni hojjateefi injifannoon inni galmeesse garii namaatiif salphaa fakkaattee mul'achuu dandeessi. Garuu nama waa hubatuufi cimina adeemsa warraaqsaa beeku biratti Gammadaan waa guddaa hojjatee. Injifannoo hangana hin jedhamne galmeessuu isaa namni hin hubanne jira jedhee hin yaadu. Akkuma beekkamu dhaadannoon "Down down Wayyaanee!" jedhu kun yoo ilaalan tarii salphaa tokko fakkaachuu mala. Hojiin inni hojjate injifannoo guddaafi bu'a qabeessa tahuu kan mul'isu jecha jedhame qofa osoo hin tahin gocha isaa waliini. Bakki, yeroofi akkaataan itti jechi san jedhame humnaafi ulfina ergaa isaa qabatamaan mul'isuufi dhaamsa guddaa dabarsuu kan dandeessisu gocha isaa waliin qindaa'eeti. Kanaaf jechi gabaabaan 'Down down wayyaanee!' Jedhu kun gatiin inni ol bahuuf fudhateefi bu'aan inni buusees guddaadha. Jechi kun jecha gabaabaa dhaamsaafi ergaa guddaa Oromoo qofa biratti osoo hin tahin kan qabsoo Oromoo deeggaru mara biratti dhaadannoo cimaafi jechaa gatii qabu tahee tajaajila kennaa jira. Ijoolleen daa'imni hiikkaafi gatii jecha kanaa hin beeknelleen eega Gammadaan jecha kana irreecha irratti dhawwaaqe booda "Down down wayyaanee!" Jechaa yoo dhawwaaqxu agarra. Oromoonni bahar gama jiraataan marti eega jechi kun dubbatame booda manneen mootummoota warra adii fuulduratti yoo hiraara bahan dhaadannoo "Down down wayyaanee!" jedhu fayyadamaa jiraachuun beekkamaadha. Jechi gabaabaan kun qalbii warra addunyaa mara kan hawwateefi xiyyeeffannaa argateedha. Gootonni addunyaa tanaa marti jecha ulfinaafi irree qabu kan wayta san qabsoo isaanii tan itti jiran finiinsuuf, dhaamsa dabarsuufi qabsaa'oota onnachiisuuf, kan warraaqtootaafi deeggartoota qabsoo isaanii itti mirqaanfatan kan onnee isaanii keessa bulgaafatanii ittiin itti fayyadamaniifi ittiin beekkaman qaban baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, "I Have A Dream!" jecha Maartiin Luutar King warraaqsaaf itti fayyadamaa ture yoo tahu Obamaan gaafa duula sochii filannoo Ameerikaa taasisu "We Can!" Jechuun abjuu Maartiin dhugoomsuufi hiikuu akka danda'u itti fayyadameefi gochaan mirkaneessaa tureedha. Fagoo hin deeminaa, mee keenyuma as deebine haa ilaalluu. Jawar Mohammed gaafa AlJazeera irratti gaaffiif deebii taasisaniif haasawa bal'aa irra jechi gabaabaan hiikkaa garbaa "I am Oromo first!" jedhu hangam takka akka Oromoo gammachiiseefi diina naasisuu bira dabree abdii kutachiise namni hin beekne jiraa? Jecha gabaabaa piroojaktii guddaa dhaleefi hundeeffama OMN tiif bu'ura jaba taheedha. OMN immoo itti fufiinsaafi mirqaansa qabsoo gaggeeffamaa jirtuuf deeggarsa guddaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. OMN jechuun ilmaan Oromoo biratti akka miidiyaa ykn TV itti osoo hin taane akka dhaaba (jaarmaya) qabsoo Oromoo guddaa fi cimaa tokkootti kan ilaalamuufi kabajamaafi jaalalli addaa akka isaaf kennamu beekkamaadha. Jechi Gammadaas kanaan addaa miti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo goota lubbuun jiru tahuu qofa osoo hin tahin gootummaa addaa wanti isa badhaasu danuudha. Gootummaan dhawwaaqee diina naasisuu daran diina harkaa miliqee lubbuun nuuf eewalamuun isaas kan diina aarseefi gootummaa dabalataa kan isaaf laatuudha. Goota diddaa cunqursaa mormee sabaaf qabsaa'ee diina naasisee wareegamu qabaachuun nama gammachiisa. Goota qabsaa'ee diina naasisee lubbuuniis eewalamu qabaachuun immoo injifannoo lakkuu, gammachuu dachaati. Jechi gabaabaan gootichi keenya Gammadaan lallabe kun jecha qofa osoo hin tahin rasaasa guddaadha. Rasaasni immoo akkuma yoo diinatti deebisan galaafatu yoo sirnaan qabuu baatan abbichaas gaaga'a. Kana dubbachuun koo waa malee miti. Gammadaan goota waan isarraa eegamu qabsoof gumaacheefi gahee isaa dacha dachaan bahee jiruudha. Goota osoo hin wareegamin injifannoo guddaa galmeesseedha. Goota jaalala sabaatiif jedhee lubbuu isaa mi'ooytuu wareegaaf qodhaa godhe kan akka carraatti nuuf eewalameedha. Goota akkas nu jaalaatuufi akka alagaan dhiiga isaa cunfattu, lafee isaa cabsitu, foon isaa mummurattuu, lubbuu isaa wareegduuf jiruufi jireenya isaa irraa ka'ee dabarsee nuuf of kenne kana akkaataa Oromoon itti simatteefi quba qabaachaa jirtu garuu kan nama gammachiisuu miti. Goota akkanaa argachuu qofa osoo hin tahin sirnaan qabachuuniis gatii guddaa qaba. Haatahuu garuu simannaafi hammannaa isaan malte Oromoo biraa dhabuun kun kan hamilee qabsaa'ootaa tuqu qofa osoo hin taane kan deebisee balaaf isa saaxiluudha. Inni kabajaaf ulfina nurraa barbaadee miti kan lubbuu isaa dabarsee nuuf laateef. Silaa harka diinaa bu'ee arra waan afaan isaa irraa dhageenyuufi ijaan isa arguullee hin milkooynu ture. Warri shakkees, warri dhugaa arkees silaa osoo kana hin mirkaneeffanne hafa ture. Injifannoo galmeesse caalaa lubbuun eewalamuun isaa kun daran nu gammachiisuu qaba ture. Gammadaan kanaan dura diinaafi firaafiis eenyu akka tahe sirritti hin beekkamne ture. Gariin shakkii namoota muraasaa saniin ulfaa'ee gariin immoo mamii hin beekkamneen liqimfamee ture. Eega guyyaa Irreechaa booda du'aafi jiruun isaa Oromoo mara shakkisiisaafi yaaddeessaa turte. Mucaan kun lubbuun haa eewalamu malee ammallee shanacha diinaa jalaa fagoo miti. Goonni wayyaanetti ibidda shide kun eega miidiyaa irratti mul'ate booda xiloon diinaa irratti xiyyeeffachuun hin oolu. Sabboontoonni Oromoo kan warraaqsa kana keessatti dhageettii qabaniifi waa godhuu danda'an dhimma Gammadaa kana laaffisuu isaanitu mul'ata.

Walumaagalatti Gammadaa Waariyoo kanaan dura hojii isaa malee teessoofi eenyummaan isaa hin beekne ture. Diinni barbaadaa turuus argachuu hin dandeenye. Amma immoo teessoofi eenyummaan isaas gara miidiyaatiin beekkamuun isaa firoota yoo gammachiisu diina immoo daran aarsee jira. Nuti immoo jiraachuu isaa qofatti gammadnee yoo cal'ifnu diinni immoo aara san bahuuf aaree hin cal'isu. Kanaaf ani akka nama tokkootti dhimma isaa ilaalchisee furmaanni waaraan nageenya mucaa kanaaf barbaachisu barbaadamuuf qaba jedheen amana. Akka nuti laaffifne kana diinni waan laaffisee ilaalu natti hin fakkaatu. Jechi namoota gariif xiqqaa kun warra siyaasaatiif rasaasa akkam tahuu ni beekkama. Nuti waan gochi isaa nuuf gumaache tilmaamuu dhiifnuus diinni immoo waan jechi kun isa dhabsiise waan beekuuf salphatti kan jalaa hafuu miti. Gammadaan akkuma jecha san dhageessiseen osoo wareegamee akkuma wareegamtoota kaaniitti yaadatama ture. Akkuma isaaniittiis ilaalama ture. Kana booda immoo yoo miidhaan irra geesse sheenaa guddoo nu keessatti magarsuu qofa osoo hin taane madaa hin qoorrees nu keessatti uuma. Kana dura osoo hin tahin amma eega eenyummaan isaa beekkame kana wayyaanetti ibiddi lammaffaa qabsiifamee jira. Kanaaf gabaabumatti mucaan kun akka Afrikkaa keessaa gamatti cehuufi bobaa diinaa jalaa fagaatu koreen ijaaramtee yeroo gabaabatti baasuuf hojii jalqabuu qaban jedheen yaada. Biyyi masrii namoota Oromoo maraafu jireenyi yaaddeessaa tahee jira. Gammadaan qabsoo keessatti gahee irraa eeggamu caalaa bahee jira. Akka carraa tahee eega eewalame immoo nuti isaaf wabii tahuu nurra jiraata. Inni tokkichi lubbuu jijjiirraa hin qabne saba guddaa fi danuu kanaaf laatee egaa carraan isa jiraachifte nuti danuun kun isaaf maal laachuu qabna? Jedhanii of gaafachuun dirqama taha. Hanguma ammaatuu haalli jireenya isaa hin mijjooyneef fakkaata. Gargaarsi gama 'Gofund' isaaf walitti sassaabamaa jiruus baayyee xiqqaadha. Kanaaf gooticha keenya kana namni marti dhimma isaa itti yaaduu qaba. Goota tokko eega wareegame qofa faarsuu fi seenaa isaa dhaadheessuu osoo hin taane goota lubbuun jiruus kabajaafi ulfina isaan malu laachuufin dirqama. Jechi "Down down wayyaanee!" Jedhu kun yoo irratti hojjatame ammallee piroojektii guddaadha. Waan biraa miti namni suuraa fi jecha isaa qofa interneetiis tahee lafatti fayyadame qofti osoo qarshii takka kafalee miliyoona meeqa taha laata? Dubbiin xumuran malee hin xumuramtu, arraaf goolabe. Horaa bulaa!
“GOOTOOTA KEENYA KABAJAAFI ULFINNI ISAANIIN MALU LAATAMUUF QABA!”

Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

No comments:

Post a Comment