Wednesday, October 19, 2016

#OromoRevolution Yaa dhala oromoo mee yaada wol haa gorfaannuu.

#OromoRevolution Yaa dhala oromoo mee yaada wol haa gorfaannuu

                         (Kamal Aloo irrraa)


Yeroon ammaa oromoodhaaf yeroo kamuu caalaatti tulluu diinaa raafamtee buqqaate tana hallayyarraan darbuudhaaf humna guddaa yeroo nu barbaachiseedha. Humna woliin jiru facaasuufi saba bittanneessanii wolitti buusuu yaaluu mitii, 

Yeroo kanatti humni sabaa kan duraan sababa rakkoo gara garaatiin diina keessa tureyyuu roorroon sabarratti daangaa darbinaan saba wojjiin dhaabbatee diina raasaafi woreegamaa jira. 
Yeroo ammaa kanatti dhalli oromoo poolisii federaalaa keessa jiru diinatti gara galee ajjeesee du'aa jira. Kan agaazii keessa jiruufi iddoolee hunda keessa jiru hanga caffee oromiyaarraa kaasee hanga milishaalee gandaattuu ifaafi dhoksaattillee sabaaf dhaabbachuufi kan dadhabe ammoo keessatti akka booyaa jiru namuu ni beeka jedheen yaada. 
Yeroo kanatti dhugaa dubbachuudhaaf dhalli oromoo hundi hattaan hanga OPDO yeroo hunda arrabsaa turreettuu miidhaa diinni saba keenya fixuurraan gaye kanarraa ka'uudhaan kabaja, jaalalaafi tokkummaadhaan diina kuffisuu feesisee akka jiru beekuun hedduu barbaachisaa ta'ee jira.!
Yaa lammiikoo naaf hubadhaa mee.! 

Kana hunda kan jechaa jiruufis sababa malee miti. 
Dubbii dhiheenya social media irratti deemaa jirtu tan shamarran oromoo 
dubbii dogongoraa kutaalee sabaa akka wolitti buusu osoo hin madaalin dubbatanii nama hedduu mufachiisan irraa ka'eeti. 
Shamarran keenna kanniiniin namni hedduun diinatu maalaqaan bitee nu diiguuf nutti erge yeroo jedhu argee jira. 
Ani garuu akkas natti fakkaachuu dide. 
Ana kan natti muldhate 
Diinumatu qabsaayaa fakkaatee shamarran kana kara keesaatiin kutaadhaan arrabsuudhaan dubbii hamtuu afaanii fuudhee itti gammadee miidiyaa ufii irratti gad dhiisee tokkummaa oromoo addaan diigaa jira jedheen amana. 
Tarii ammoo Hubannoo dhabuurraa yeroo namni hooggantoota qeequtti sammuu naannummaatiin yaaduudhaan hooggansa kutaa isaaniirraa dhalateef aaranii dubbii hin taane afaanii darban jedheen yaada. 

Yaa ilmaan sabaa:-

Qeequmsa hooggantootaa ilaalchisee waan beekuu qabnu tokkotu nu jalaa hafe natti fakkaata. 
Yeroo kamuu taanaan namni ummata miliyoona meeqa dura deemu balleessu ni qeeqama. 
Tolchuus namni qeequ akka hin dhabamne beekuu qabna. 
Hoogansa ummata miliyoona 50 mitii kan afoosha gandaatuu qeequmsa jalaa hin bayu. 
Eega hoogganticha kan sabaati jedhamee ammoo namoonni gandummaan, foonummaan, yookiin jaalala duunfaa jala galanii irratti namaan loluun yaada sirrii miti. Inumaayyuu hoogganticha akka namni qeeqe sun irratti arrabsamnaan akka daranuu jibbuufi irraa fagaatu godhuu mala. 

FAKKEENYA 1 HAA FUDHANNU :-

Baroota dhihoo kana keessatti namoota jaalatamoofi addunyaanis beektee badhaasa abbaa nagaa addunyaa (NOBLE PRICE) kenniteef kan ardiin afrikaa horatte keessaa NELSON MANDELAN isa tokkoodha. 
Nelson mandela afrikaas ta'ee addunyaan nama biyya afrikaa kibbaa tana bilisoomseefi waan gaarii hedduu godhetti akka beeknu wol nu hin gaafachiisu.
Ani garuu biyyattii afrikaa kibbaa tana keessa hanga jiraadhetti waan guddaa arge tokko isiniif hima.
Mandeellama nuti bifa kanatti beeknu kana ummanni isaa yeroo qeequufi arrabsu yeroo hedduu arge yoo jedhe na amantuu laata?
Na amanaa dhugaadhaa.

Maal jedhanii qeequu? Yoo jettan ammoo:

Mandellaan qabsoo hadhooftuu nuti woggoota dhibba hedduu lammiilee afrikaa kibbaa lakkoofsaan hin beekkamne itti dhabne san maallaqaan gurgurateetiin gaaf bilisoomne osoo adii nurraa baasuu qabuu nu gurguratee bilisummaa gurraachi maqaa qofaa bilisoomee akka hiyyummaa keessatti ammas jiraatu nu goote tana nu dhaalchiseefi wontoota biroos hedduu jedhanii qeequ.
Qeequus mirga akka qaban waan beekaniif garuu irratti wol hin dhaban.
Kanaaf hooggansa yoo sabni qeeqe irrattti namatti duuluun yaada hamaafi fudhatama hin qabne jedheen amana.

Yaa ilmaan sabaa.! 

Yeroo ummanni keenna du'ee reeffi awwaalcha dhabe kanatti, 
Yeroo ifa bayee diinni sanyii balleessuu nurratti labsee hulaarra dhaabbatee kan gad bahuuf olseenu hunda ajjeesaa jiru kanatti, 
Halkaniifi guyyaa hayyuufi barataan oromoo marti dhumaatii ummataa dhagahuurraan kan ka'e jiruu mataasaa wollaalee hirriibaafi nyaatallee dadhabee jiruu jibbisiistuu jiraatu kanatti, 
Mala keessaa baanuuniifi akkamitti akka reeffa saba keennaa awwaalannuufi diina kana ufirraa buufna dubbiin jettuyyuu dubbii irraa haasayuudhaaf yeroon halkanii guyyaa nama barbaachisuudha. 
Akkamiin ammoo kana hunda dagannee mufii xixiqqoofi jette jettee oofuudhaaf miidiyaa irratti akka videodhaan olollu tilmaamuun hedduu tokko natti ulfaate yaa saba kiyya dhugaa rabbii. 
Dogangora shamarran keennaafi namoonni hedduun dubbatan irrallee dhugumatti kan na mufachiise hooggantoonniifi namoonni maqaa isaaniitiin shamarraniifi namoonni ittiin wolitti duulan kunniin gadi bahanii maqaa kiyyaa kan wolitti buutan anas ta'ee qabsoof kan fayyaddan waan hin taaneef dubbii kana dhaabuu qabdu jedhanii dubbachuu dhabuu isaaniiti. 

Waan hundaafuu yaa lammii koo

dhiigaafi dhugaa ummata keennaa akkasumas cubbuu keessa jirruufi lafee woreegamtoota keennaa laaluudhaan jechootaafi gochoota kutaa tuqu, Amantii tuquufi tokkummaa keenna diigu hundarraa rabbi sodaannee akka uf eegnuufi diinas ufirraa eegaa wolis gorfachaa woliin aduu bilisummaa arguu keessatti haa cimnee hojjannu jechaatiin barruu kiyya kan xumura. 
Barruu kana keessatti osoo hin beekin namni mufachiisuu malu yoo jiraate dhiifama guddaa gaafadha. Horaa bulaa. Isin jaaladha lammiikoo. Isinirraa dhalachuu kiyyaanis hedduu boona. Waaqa oromoo na godhee isin irraa na uumeefis galata guddaa galchuun barbaada. Galata kee yaa rabbi.! 

HAQA QABNAA NI MOONA.! 
OROMIYAAN DHIIGA ILMAAN ISHIITIIN NI BILISOOMTI.! 
INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF. 

No comments:

Post a Comment