Thursday, October 27, 2016

#OromoRevolution; OROMOON; DHAADACHAA MITI, DHADDACHATTI RAKKOO FURA!

#OromoRevolution; OROMOON; DHAADACHAA MITI, DHADDACHATTI RAKKOO FURA! 

                                     (Saphaloo Kadiir irraa)

Ilmaan Oromoo kan waanuma Oromoo tolu hojjachuu irratti tarii wal afaan dhufan kamuu yaada walitti araarsu malee adeemsa gargar diigu kamuu irratti oofuun hin barbaachisu. Kan walitti gufataniif waan waliin hojjataniifi malee waan wal jibbaniif miti. Namni wal quba hin qabneefi walitti hin dhufne walitti bu'uu dhiisii maqaahu wal hin beeku. Ilkeefi arrabni waan waliin hojjataniif walitti gufatan malee waan wal jibbaniif ykn diinummaa qabaataniif miti. Ilkeen kan arraba ciniintu itti yaaddee jibbaaf osoo hin taane dogoggora teknikaatiin tasa itti buuti. Arrabni immoo yoo ciniinamu kan dhiigellee hojii isaa ittuma fufa malee dallanee karatti hin dhaabu. Sababniis isaan lachuu yoo waliin hojjatan malee wal irraa dheeysuun isaanii deebi'ee isaaniis waan miidhuuf. Silaa akka jibbiinsaa ilkeen funyaan furrii gubbarraa itti gad yaasu ciniinti ture. Ilkeen maaliif funyaanitti buutee hin beekneree? Sababniis, hojiin isaanii adda adda, kaayyoofi akeekni, teessoofi galmi isaaniis waan walirraa fagoo taheef, wanti walitti isaan fidu waan hin jirreef walitti bu'anii hin beekan. Kana jechuun namni walitti bu'u tokko jibbaaf, hammeenyaafi shiraaf osoo hin taane hojiitu walitti buusa. Kan hojiin walitti buufte immoo ammaas hojumaatu walitti araarsa jechuudha.
Haatahuu garuu nuti waan yeroo hedduu hin hubanne guddaa tokkotu jira. Inniis wayta namoonni sabaaf yaadaniifi hojii gaarii tokko waliin hojjachaa turan wayta tasa walitti dallanan yaada araaraa dhiheessuu caalaa tokko dhaadheessinee, tokko xiqqeessinee ofumaafuu miira keessa gallee waan hedduu balleessina. Haalli kun tooftaa diinni nuun diigaa tureefi itti jiru tahuu hubachuu daran nutiis yeroo irratti bobbaanuutu mul'ata. Tooftaan diigamsa Oromootiif diinni itti fayyadamu guddaan kana tahuu jaarmayaalee siyaasaa Oromoo kan diigamuu bira dabranii hanga namoota dhunfaatti gargar bahan irraa hubachuu dandeenya. Dhaaboonni siyaasaa Oromoo waan kaayyoo adda addaa qabaniif osoo hin taane qaawa tasa isaan jiddutti uumamu maraganii duuchuu dadhabuu isaatiifi. Qaawa garaagarummaa qal'aa wayta gaggeessoonni dhaabichaa fedhiifi miira dhunfaa jala butamuun wal mari'achuufi wal dhageeffachuu didanii addaan siqan uumamutti diinni fira fakkaatee jidduu galuun tarsiimoo tokko faarsaa tokko arrabsuutti fayyadamuun isaan walitti diinoomsa. Yeroo kana kaayyoo dhiisanii warroonni dhunfaan nama deeggaraa turaniis addaan diigamanii gare gareen namoota deeggaraa turan jala goruun garee diinummaa uumu. Rakkoon hamaan kun hanqina hubannoo kan namni nama malee akeeka deeggaruu baruu dhabuu irraa kan madde tahuu namoota muraasa qofaatu hubata.
Nuti immoo osoo hin hubanneefi dubbii gama lachuu madaallee hin ilaalle tokko ol kaafnee kaan gad buufnee ibsuu jalqabna. Akeeka inni qabatee deemu caalaa namticha dhunfatti jaalannu tokko eebbifnee samii geessinee isa kaan immoo sababa gahaa malee akka waan diinaatti abaarree dachii naquun kaayyoo diinni karoorfate hojiirra oolchuuf osoo hin beekne daboo hin kadhatamne (guuz-kadiir) taaneefii imaama isaa xumurraaf. Fayyaa dahii malee of diignee alagaaf bu'aa guddaa galmeessinaaf. Namoota sabaaf hojjatan kan tasa hojii irratti walitti dallanan san akka aadaa keenyaatti dhaddacha teenyee walitti araarsuu caalaa akka wayyaaneetti tokko dhaadnee kaan balfinee tarsiimoo walitti aarsuufi hijoomsuutti dhimma bahuu filanna. Maaliif garuu? Oromoon dhaddachatti malee dhaadachaa yoom rakkoo furee beeka? Tooftaa diigamiinsa hamaa kana irratti bobba'uun keenya yeroof miira aarii nu keessaa boba'uun golgamnee, funyoo mufii jala butamnee sammuun osoo hin taane qalbii yakkattuun murtii hin taane laachuu irraa kan maddee dha. Aarii xiqqoon xaarii guddoo balleessuun keenya kun immoo yeroof badii nutti fakkaachuu baatuus osoo hin kadhatamin guuza alagaaf oolaa jiraachuun keenya badii irratti badii tahuu hubachuu qabna.
Oromoon nama waan sirraa'uu danda'u irratti wal didee miti kan nama wal irraa ajjeeseehu dadhachatti walitti yaamee araarsee soddoomsuun dubbii dhaamsa malee walitti dhaadachiisee daran walitti aarsuun hin hijoomsu. Tooftaan obboleessa tokko ofitti qabanii kaan immoo ofirraa achi dhiibanii addaan diigan kun tarsiimoo abbaa biddeenaati. Dubbii tana irratti waa'ee manneen murtii wayyaanee tokkoon yaadadhe. Yeroo ammaa sirritti laaltanii yoo hubattan ilmaan Oromoo bakka hojii irra mana murtii duratti irra baayy'atu. Maaliif isinitti fakkaata? Manni murtii wayyaanee obboleeyyaniis tahee dhiirsaafi niitii wal dhaban addaan diiguu malee kan walitti agaaduu waan hin taaneefi. Mee laalaa! Yoo obboleessi tokko obboleessa kaan duraa gaala ajjeessee kan gaalli duraa du'e kun mana murtiitti himate, kan gaala ajjeese kanatti badii muran haa jennuu. Hubadhaa! Badii murteessuu malee walitti araarsuun isaan bira akka hin jirre beekkamaa dha. Kan badiin itti muramte kuniis immoo osuma badii isaa beekuu daran aaruu malee hin araaramne waan taheef gaafa biraa obboleessi gaalli duraa du'e san tasa lukkuu isaa yoo ajjeesse gaala qabu gurguree himannaa lukkuutiif mana murtiitti deddeebi'a. Haalli kun immoo nama re'ee dhibamtetti sangaa qalu nama gooti. Walitti hijaa'uufi diinummaaf wal eeggachuun obboleeyyaniitiis daran hammaachaa itti fufti. Oromoon immoo aadaa araarsuu malee walitti aarsuu kana hin qabdu ture.
Haala kana wantiin kaaseef tooftaan tokko ofitti qabanii tokko quba itti qabanii obboleeyyan lamaan walitti diinoomsuun ittiin adda diigan kun tarsiimoo facaasanii humna dhoorkuu wayyaaneen nutti fayyadamaa turte yoo tahuu amma immoo nutiis waan amaleeffanne fakkaata. Tooftaan kun yeroo hedduu dinni nurratti hojjachuun adeemsa keessa mana siyaasaa Oromoo keessaas seenuu qofa osoo hin taane sirantee jiraachuu nutti mul'isa. Nuti immoo rakkoo kana yeroon hambisuu qabnu ammaafi amma qofa akka tahe hubachuu qabna. Gabaabumatti wantiin jechuu barbaadu walitti dallanuufi walitti gufachuu ilaalchoota xixiqqaa hayyoota keenya jiddutti uumameefi fuul duraas deddeebi'ee uumamuuf taa'u kana irratti bu'ura rakkinichaa beeknee qaawa baname malaafi mariin duuchuuf yaaluun ala tokko faarsinee kaan arrabsinee karoora diinaatiif tumsa tahuu irraa of haa qusannuu jechuu fedheeti.
Kan ilaalcha xiqqaafi salphatti furamuu danda'u irratti wal afaan dhufan hayyoota keenya. Obboleeyyan keenya kaleessa waliin hojjachaa turan kan fuula duraas waliin hojjachuuf ta'aniitu waan hojii irratti walitti dallane malee garaagarummaa walitti isaan diinoomsuufi kan addaan isaan diigu natti hin fakkaatu. Qaamni dhimma kana hammeessaafi qaawa xiqqaa bal'isaa jiru guddaan duraa diina diigamiinsa malee jaaramuu keenya hin feene yoo tahu kaan immoo namuma keenya kan hubannaa dhabuuniis tahee osoo beekuu kaayyoo biraatiin dibamee tokkoof haqa muree tokkotti badii muruun alagaaf daboo oolaa jiruudha. Fuula interneetii kana irratti dhimma kora chaartera Oromoo Atilaantatti gaggeeffamuuf taa'uu waliin wal qabatee yaadoonni faallaa lama eega gad bahan booda hanga ammaa namuma tokko faarsee tokko arrabsuun jara addaan fageessuutu baayy'achaa jira malee kan yaada walitti dhiheessuufi tooftaa araaraa dubbatu baayyee muraasa. Haalli kun immoo dubbii salphatti dhumuu dandeessu guddisuun obboleeyyan waan guddoo waliin hojjachuu danda'an daran duugdaafi garaa godhuu malee fala hin tahu. Gariin namaa kan waanuma xiqqoon abdii muratuus duruu "teenya tun...." jechuu jalqabe.
Kanaaf wanta godhuu qabnu irratti dhaamsiin qabu yoo jiraate hanga dandeenyutti qaawa uumamee garee lamatti dhoohe kana araarsuun amna itti fufuu qabna. "Yoo ati gooteefi yoon ani hin goonee" miira morkiifi dhaadannaa keessaa miila luqqaafannee bahuun dirqama taha. "Abalu tuquun..., abalu tuqamuun..." jennee dorgommii kulkaa hamtuu tan kulkula madaa keenyaa hammeessuu malee bu'aa nuuf hin qabne kana keessaa harka xuluqannee bahuu qabna. Warreen tokko faarsitanii tokko abaartan, kaan dhaadheessitanii kaan hadheessitan immoo yoo dhuguma kan sabaaf yaaddan tahe dhiisaa. Kan rakkoof furmaata tahu madda rakkoo beeknee fala kaayyachuu malee kaan arrabsoon kaan abaarsoon itti bobba'uufi gama tokko dhaaduufi saaduun, gama kaan salphisuufi haphisuunii miti. Kan oromoof yaadu marti ilmaan oromootiif ija bitaa ija mirgaati. Komiifi hamiin qorichi argamuu, falli falamu waan hin jirreef karoora diina galmaan ga'uu irraa adabadhaa. Isin hayyoonni keenya immoo garaagarummaa xiqqaa isin jidduu jiru irraan tarkaanfachuun wal fakkeenyummaa guddaa waliin qabdan irratti waliigaluun hojjachuu baraa.Wanta uumame mara xiqqoos taatee guddoo osoo alatti hin baafne walitti dhuftanii mariin furuu danda'uun arra qofaaf osoo hin taane hegeree Oromoofi Oromiyaaf murteessaadha.
Wal fakkeenyummaa irra addummaan keenya yoo caalees garaagarummaa qabnuun halluu hedduu ijaaf bareedina addaa laattu uumuu danda'uun qaruxummaa dha. Akkuma mana tokko ijaaruuf wantoonni garagaraa hedduun barbaachisu san kan muka fiduu danda'u muka, kaan citaa, kaan immoo utubaa, kaan miggaara, kaan utubaa haa fidu. Namni ajjeeruu beeku ni ajjeera, kan shaaxuu beeku ni shaaxa, kan maraguu beekuus ni miggaara. Gaafa namuu waan danda'uufi beekuun hirmaate kan citaa wal saamu hin jiru. Gama biraatiin ogeeyyoota ogummaa adda addaa qaban danuu qabaachuun nu fayyada malee akka nun miine hubadhaa. Ogeessi marti ogummaa qabu walitti fidee yoo hojjate bu'aa babbareedaa danuu milkoofna. Yoo tokko dukkaana kophee banee irraa fayyadamaa tahe waan inni irraa fayyadameef marti dukkaanuma kophee irraahiin fayyadama jedhee yoo itti bobbahe marti fayyadamuu irra kasaaruutu baayy'ata. Eeyyee! Niin mul'adhaaf qofa waltajjii ol kaatuu ogummaa itti hin qabne irratti rarra'uu caalaa boolla ogummaa itti qaban seenuutu irra nama mul'isaa beekuun dirqama taha. Hanga arraatiis wanti gabrummaa jalatti nu gaadi'e Oromoon qabsoo godhuu dhabuu osoo hin taane namni bakka isa hin fakkaanne dhaabbachuufi qaawa garaagarummaa xiqqaa uumamu tooftaan duuchuu dhabuufi dogoggoroota biqilan qaccetti qancarsuu dadhabuu keenyaatu bara dheeraa deeraa dukkanaa keessatti nu adabe.
Kanaaf amma irraa jalqabnee wantoota kaleessa nu shirgigaachisaniifi nu gufachiisan mara akka hin deebine godhuuf mariifi waliigalteen hiddatti haa buqqaafnu. Ilmaan Oromoo kan bilisummaa sabaaf dhimmamtan marti waan daandii qabsoo irratti nu qunnamu kamuu ciniinnannee furuuf yaaluu malee dafnee abdii muruufi aarree murtii sirrii hin taane kennuu irraa of haa qusannuu. Gama kaaniin immoo nama wal bade tokko yoo walitti araarsuu hin beekne daran walitti aarsuu dhiisuun bu'aa guddaadha. Wixina tokko korsiisuuf na gargaaraa jedhee ol dhiibu na gargaaraa jettanii gad harkisuu dhiisaa. Kan gad harkisu diina manni keenya akka ijaaramu hin feene yoo tahe immoo kabalaan ofirraa adabachiifna malee hin kadhannu, hin gunannuusi. Yoo dubbiin hafte malee anaatu hafeef dhawwaaquu dhiisaa. Yoo ijaaruu hin beekne diiguu irraa of qusachuun baayyee gaariidha. Daldalaan tokko meeshaa bitee gurguru irraa yoo bu'aa argachuu baatellee gatuma itti bitetti gurguruu danda'uun kufaatii irraa isa eewalti. Gama gootota qeerroofi hawaasa biyya keessaa diina raasaa jiruutiin immoo gurraafi ijji keessan akkuma duraanii diina keessan irratti haa xiyyeeffatu malee tan biraatiif qalbii hin kenninaa. Ijji takka waan lama hin haleeltu kan fedhe wacuus wacaafaan keessan diinuma irratti kan waa darbatu haa tahu. Wayyaaneen hamilee isin cabsuuf akka waan beektoonni Oromoo wal didanii fakkeessitee xibaaruu jalqabdee jirti waan taheef tooftaa kana dursa ofirraa arguun qabsoo daran finiinsuun farra Oromoo kan tahe wayyaanee hiddi isii tortore buqqaaftanii darbuu qabdan warri biyya keessaa. Qabsoo teessan galma jalqabdaniif geessan malee akka hin dhaabne namuu beekuu qaba. Qabsoo teessan cimsaa itti fufaa ni injifattaniisi, akka injifattan immoo diinninuu ni beeka. Maraafuu xiqqoon dubbadha jedhee isinitti baayy'isuu kiyyaaf dhiifama jechaa asirrattiin goolaba. Horaa bulaa!
"Garaagarummaa xiqqaa qabnu haphee walitti nu maxxansitu irraa uumnee gamtummaa keenya haa cimsinu!
Saphaloo kadiir / Abdulbasit.
Onk. 2016

No comments:

Post a Comment