Sunday, September 4, 2016

SEENAAFI SHEENAAN NADHII GAMMADAA AKKA NUTTI HIN DEEBINE

SEENAAFI SHEENAAN NADHII GAMMADAA AKKA NUTTI HIN DEEBINE

                               (Jawar Mohamamd Irra)
Achi buuteen hogganoota qabsoo Oromoo mana hidha Qilinxoo turanii dhabamuun akkataa dhabamiinsa goota Oromoo Nadhii Gammadaa nu yaadachiisa. Nadhiin bara 1992 erga harka diinaa bu'ee irraa eegale du'aafi jiruun isaa hin beekamu. Oduun gariin yeroma qaban san deemanii ajjeesan jetti. Kuun ammoo lakki tursiisanii waggoota muraasa booda wareegame jedha. Kan jira jedhu ammoo kaan Bishooftutti lafa jalatti hidhan, kuun Maqalee geeffatan, kaan ammoo Beetamangistii jalatti hidhan jedha. Hundinuu jette jettee malee ragaa qabatamaa kan dhiheessu hin jiru. Maddi oduu waldhahaa kanaa gariin kanuma namni keenya uumedha, kaan ammoo diinumatu afaafajjii ( uncertainty and confusion) uumuudhaaf facaasa. Sabni keenya afaanfajji kana keessatti kufee waggoota 24 guutuu dhuma Nadhii Gammadaa osoo hin beekin jiraataa jira. Du'e jedhamee firaafi sabni akka hin sabbarreef, jira jedhanii akka abdii hin kutanne.
Ammas erga kaleessa Wayyaaneen balaa dhukaasaafi abiddaa hidhamtoota Qilinxootirraan geessee as achi buuteen hogganootaa maatii isaanitiif hin himamne. Wayyaaneen madhaa-maatiitti dhugaa himuu mannaa kallattii adda addaan oduu waldhahaafi garaa nama raasuu baasaa jirti. Gama tokkoon ajjeefaman jedhanii odeessisu, gara kaaniin madaayan jedhu. Asittuu ammoo lubbuun jiru jedhanii takka Qaalitti geeffaman, lakki Zuwaayittti dabarfaman, kuun ammoo Shawaa Roobititti fe'aman jedha.
Haala hogganoonni kun keessa jiran ifatti kallattiin maatitti himuu mannaa bifa hamii ( rumor) odeeffannoo walfaallessaa baasuun Wayyaanee kun shakkii guddaa uumaa jira. Hogganoonni kun yoo jiraatanuu amma boodaa faana isaanii dhabamsiisanii maatiifi ummanni akkuma 'tarii akkas ta'an garana jiran' jechaa akka afaanfajaayaa jiraatan waan karoorfame fakkaata. Kanaafis sababa kan ta'u hogganoonni kun mana hidhaa keessaayis qabsoo ummataa geggeessaa jiraachuun Wayyaanee akka malee waan sodaachisaa jiruufi. Yaadadhaa, erguma qabamanii Maa'ikalaawii seenan irraa kaasee hogganoota kana ummataan addaan kutuuf tarkaanfii hedduu fudhachaa turan. Hidhamtoota kaanirraa adda baasanii mana dukkanaatti addatti baasurraa kaasee hamma waan nyaataniifi dhugan murteessutti yaalii godhaa turan. Tarii abiddi mana hidhaatti kaafame kun hidhamtoota kana guututti ummatarraa addaan kutuuf itti fayyadamuu danda'u. Keessattuu Baqqalaa Garbaa hogganaa sabni irratti waliifgalu ( unifying leader) ta'aa as bahuun Wayyaanee akka malee naasisee jira. Sirnoonni cunqursaa wanni jibban guddaan hoggansa saba tokkoomsuudha. Nama akkasii ammoo haala danda'ameen dhabamsiisuun akka falaatti ilaalama warra abbootii irreetin.
Kanaafuu, ummanni Oromoo seenaan Nadhii Gammadaa irratti hojjatamte lamuu nutti deebitee sheenawurraa dhiibbaa cimaa gochuun achi buuten hogganoota kanaa akka baaftu Wayyaanee dirqisiisuu danda'uu qaba. Kun ammoo saffisaan godhamuu qaba. Akkuma bubbuluun oduun waldhahaan ummata keessa facaafamaa, afaanfajjiin babal'ataa xiiqiin ummataa xiqqaataa, hogganoonni qaroo sabaa kunis irraanfatamaa deemuu malu. Salphinni akkasii osoo hin uumamne Oromiyaa guututti tarkaanfii fudhachuun dubbiin kun gara tokkotti akka citu godhuun dirqama yeroon kennamuufi hin qabneedha.

No comments:

Post a Comment