Monday, September 5, 2016

Oromiyaan Itoophiyaaf Onneedha, Oomishni isii immoo dhiiga!

Oromiyaan Itoophiyaaf Onneedha, Oomishni isii immoo dhiiga!

                                         (Saphaloo Kadiir'iin)

Oromiyaan sirnaaf sochii haala siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa biyya Itoophiyaa jedhamtuu tanaa keessatti onnee dha. Oomishni Oromiyaa irraa bahee hawaasa guutuu biyyaa bira dabree sadarkaa addunyaatti sooree ambaas sooreessiisaa jiru kun immoo dhiiga. Daandiileen kutaa Oromiyaa mara wal qunnamsiisan immoo hidda dhiigaati. Carraaqqiin hawaasni keenya hojjatee oomisha biyyattiif itti dhiheessu kun immoo dhahannaa onneeti.
Sababni guddaan nuti amma gabaa lagannuuf dhahannaa onnee dhaabuuf osoo hin tahin hidda dhiiga keenya kan muramee alatti dhangala'aa jiru hidhuun of eewaluufi. Hubadhaa! Yeroo qaamni keenya murame dhiigni keenya humnaa ol lafatti dhangala'ee miidhaaf nu saaxilaa waan taheef qaama murame sanii ol hidhuun akka dhiigni gara alaatti hin dhangalaane yeroof ugguruudha. Dhiiga keenya bulguu wayyaaneetu dhugaa jira waan taheef lagannaan gabaa kun immoo marsaa dhiigaa san daangeessuun akka iddoo yaa'uun san irrattiis ititee dhaabbatu godhuufi.
Oromiyaan Itoophiyaaf onnee taatee osoo jirtuu immoo guyyaa tokko kabajamuu hin dandeenye. Onneen kabajaa qabdi. Wanti onnee ayaafi kabajaa dhoorke immoo dhibee cawwee vaayrasii Wayyaanee jedhamuun daddabru kan Oromiyaa keessa wal gahuun akka dhiigni kutaa qaamaa mara hin geenye cunfachaa jiru kana. Dhibee kana wal'aanuuf immoo tooftaan yaalaa guddaan tokko yeroof tamsaasa dhiigaa kana ugguruun akka inni du'u godhuu qofa. Kana godhuu baannaan immoo dhiigni keenya kutaalee qaama barbaachisoo osoo hin geenye karatti maxxantuu tanaan dhugamee hafa. Kun immoo qaamni keenya qancaree, maxxantuun nu keessa jirtu immoo gabbattee akka jiraattu godha.
Jechuma kana fakkeenya biraatiin yoon ibsu, wayyaaneen ulaan'ula (dhulaandhula) qaama keenya ykn beeyladaa seenteedha. Ulaan'ulti beeyladaa bishaan waliin seentee laagatti maxxanuun dhiiga beeyladaa san xuuxaa ofiif gabbattee, beeyladaa san immoo hubdi. Yoo ulaan'ulti beeyladaa seentu immoo tooftaa ittiin baasaniitu jira. Tooftaan saniis beeyladaa san guyyoota muraasaaf dhabsuu oolchuu (bishaan obaasuu dhabuudha). Guyyaa muraasa bishaan yoo dhabdu ulaan'ulti tun liqimsituu ykn kokkee irraa gara xumura arraa achiin gara huuruu ykn gubbaa afaaniitti ol siqxi. Guyyaa muraasa beeyladaan dhabsuu oollaan ulaan'ulti tun humna maxxanuutiis ni dhabdi. Achi booda beeyladaa tana obaa geessinaan akkuma bishaan xiqqo dhugeen qufa'ee ofumaan if keessaa darba. Namaas yoo seente ulaan'ulti tooftaan ittiin baasan kanuma.
Kanaaf, Oromoon wal dhaga'ee, wal jala deemee dhibeefi maxxantuu qaama isaa keessa teessee isa ajjeessuuf deemtu tana ajjeessuu qaba. Irraan deebi'a! Wayyaaneen ulaan'ula keessoo qaama keenyaa hubaa jirtu waan taheef dhabsuun yarachiifnee of keessaa baasuu qabna. Hubadhaa! Kan hojjatee hin kabajamne harree qofa. Nuti hanga arraa akka harreetti osoo hojjannuu wanti kabajaa dhabnee, qabeenya keenya irrattiis abboomuu dadhabneef akka baranaa kanatti wal dhaga'uu, gamtaan qabsaa'uu, wal jala yaa'uu waan hanqanne qofaafi. "Namni akkam taana jedhe akka tahu hin dhabu" Gamtaan kaanaan gaarri nuti hin jigsine, tulluun nuti hin fonqolchine hin jiru, hin jiraatuusi.
"Gamtummaan wal jala yaa'uun yeyyii leenca injifachiifti!!"
Fuulbana, 2016.

No comments:

Post a Comment