Tuesday, September 27, 2016

Kaardii Wayyaaneen maqaa sab-bicuuleetiin taphachaa jirtu quba qabaadhaa

Kaardii Wayyaaneen maqaa sab-bicuuleetiin taphachaa jirtu quba qabaadhaa.

                                                        (Jawar Mohammad irraa)

 Kaluu tana akka Wayyaaneen maqaa ‘Somaalotaa’tiin ABO, Gimbot 7 fi kkf irratti duula ololaa bantee jirtu hubachuu hin haftani. Jarri kana keessatti qooda fudhataa jiru paartiilee maxxantuu naannoo Soomaalii (akkuma OPDO fi ANDM faa sirnicha deeggaruuf hiriira baatu) akka tahan hubachuu feesisa. Dhugaa dubbachuuf yoo tahe garuu kashlabboonni kun irra jireessatti kan fidaman Jibuutii, Somaaliyaa, Somaali Laand fi Keeniyaa faa irraati. Rakkoo sammuu kan qabu pirezdaantiin naannichaa jiraattota magaalaa Jigjigaa dirqisiisee hiriira baase. Kun hund garuu maaliif? Jalqaba irratti, sirnichi paartiilee maxxantoota isaa kan Oromiyaa fi Amaaraa keessaa irraa garaa murateera. Hiriironni deeggarsa sirnichaa kan Oromiyaa fi Amaara keessatti karoorfatamanii turan tarii gara hiriira mormiitti jijjiiramu sodaa jedhuun haqaman yookiin namatu bahuufii dide. 
Garuu kana caalaa hammeenya rifaasisaatu jira. Kunis hammeenya kaardii maqaa sablammootaatiin hoggantoonni Wayyaanee lubbuu dheereffachuuf taphachaa jiranii ti. Torbaan lama dura, Siyyum Masfiniifi Abbaay Tsahaayyee gaaffii fi deebii tokko kennanii turani. Achi keessatti maqaa sablammootaa deddeebisanii kaasanii jiru. Kana gochuun kaayyoo lama qaba. Kan duraa, hawaasa addunyaa liberaalawaa kanatti waa himachuu barbaadani. Sab bicuun akka isaanii (Tigraay) wal tumsa saboota wayyaba akka Oromoo fi Amaaraatiin akka duguuggiin shanyii mudataanii jiru fakkeessanii addunyaa dogoggorsuu yookiin garaa laaffifachuu barbaadan. Tigraay qofa osoo hin taaane sablammoonni biyyattii biroonis lubbuun jireenya isaanii irratti doorsifni akka mudataa jiru addunyaatti himuu fedhaniiti. 
Kan lammaffaa, karoora yeroo dheeraaf lafa jalaa qaban kan ‘tumsa sab-bicuulee’ jaaruu jedhu dhugoomsanii dhiibbaa humnoota Oromoo fi Amaaraa irraa itti dhuftu dura dhaabbachuu dha. Hogganoonni Wayyaanee yeroo qabsoo hidhannoo irra turanii qabee wanni itti amanaa turan, akka warra wayyabaan hin liqmfamneef tumsoota akkasii kan ofii keessatti guddatanii mul’atan sablammoota biro waliin tolfachuu dha. Kaartaan falamsiisaan gama dhihaan Tigiraayiin fuudhee Beenishangul-Gumuziin wal qunnamsiisee Gaambeellaa dhaqqabuu fi gama bahaan Affaarii fi Somaaliidhaan walitti fulla’e kan dogoggoraan tahe isinitti hin fakkaatin. Kun bara 1980oota irraa qabee waan irratti hojjetamaa yoona gahe dha. Dorgoommii dinaggee abbootii qabeenyaa Tigraay irraa kan ka’e yeroof fudhatama dhabu illee, sab-bicuulee magaalaa keessaas of cinaa hiriirsuuf yaalii godhaa turani. 
Garuu Wayyaanee TPLF michuu sab-bicuulee Itoophiyaa keessaatii? Galmeen seenaa isaa kan himu LAKKII kan jedhu dha. 
  • - Humni waraana Wayyaanee Soomaalota Itoophiyaa irratti duula duguuggii sanyii geggeessaa akka ture dhaabota mirga dhala namaa tahaniin ifatti galmaawee jira. Abdii Illeey namni jedhamu bitamaa isaanii kan hammeenya kana dhugoomsuuf haala mijeessaa ture.
  • - Humni waraanaa kun bara 2003 keessa Anywaakota naannoo Gaambeellaa fixeera, amma illee ajjeechaa naannoo san keessatti itti fufee jira. 
  • - Bara 2002 warra Sidaamaa Looqee irratti fixee jia. 
  • - Gandeen Koonsoo keessaa waytuma dubbannu kanattuu gubataa jirani. 
  • - Warri Musrii jimlaadhaan ajjeefamanii jiru, kanneen qabaman akkuma suuraadhaan agarre sanitti akka bineensaatti hidhamanii jirani. 
  • - Abbootii qabeenyaa Silxee fi Guraagee gabaa keessaa dhiibamanii bahuudhaan Tigrootaan bakka buufaman. 
  • - Biyyi Affaar akka jirutti saamtota Tigraayiin fudhatameera. Hedduu dha….
  • Kana caalaa akkuma Oromoo fi Amaara irraa dura dhaabbannoon itti jabaataa dhufuun Wayyaanee TPLF diinummaadhaan ‘kaardii sab-bicootaa’ kana torbaanotaa fi ji’oota dhufan keessa fayyadamuuf deema. Kun kan tahu gargar cabiinsa sablammoota bicuu fi Oromoo/Amaaraa uumuudhaani. Kanaafuu waan armaan gadii kanatu taha jedhamee eegama:
  • - Diaspora keessatti hiriirota wal fakkaatoo dhaadannoo Oromoo fi Amaara xiqqeessu baadhatan/dhageessisan arguuf jirra.
  • - Duula miidiyaa wal falmii qabsiisanii fi haleellaa-haleellaan deebisuutu babal’achuuf jira.
  • - Actiivistootaa fi jaarmayoota Oromoo fi Amaaraa irratti haleellaa qaamaa qaqqabsiisuudhaan Soomaaliiwwan irratti nama duchiisuuf yaaluu faatu mul’atchuu mala.
  • - Daangaa naannolee gidduutti walitti bu’insaa qabsiisuu danda’u. Ammayyuu daangaa Benishangul- Amaaraa, Somaalii- Oromiyaa gidduutti haalli kun jiraachuu dhagahaa jirra. 
  • - Yoo dura dhaabbatamuu baate, shirri itti jiramu kun rakkoolee yeroo dhihoo fi fagoo ummatoota biyyattii gidduutti uumuuf deema. Kanaafuu, tarkaanfiileen armaan gadii fudhatamuu qabani:
  • - Oromoo fi Amaarri kiyyoo duchiisaa akkasii keessatti kufuu hin qabani. Somaalii fi warra biroo irratti xiyyeeffachuun falmii gochuu dhiisuu feesisa. 
  • - Aktiivistoonni, hogganoonni siyaasaa fi dhaabonni siyaasaa dogoggora jara kanaa saaxiluun qofa deebii haa kenninu. 
  • - Wakiilonni sirnichaa Oromoo, Amaara, Soomaalii fi kkf of fakkeessanii xapha fokkataa taphachuu akka malan hin dagatinaa. 
  • - Aktivistoonni bebbeekamoon fi hogganoonni siyaasaa shiftoota mindeeffamaniin haleellaa isin irra gahuu malu irraa of eeggachuu feesisa. Jaarmayaaleen hawaasaa fi amantii tikfamuu qabani. Yoo haleellaawwan mudatan, haalichi malaan toyatamuu qaba. Wakiilonni sirnichaa hawaasa Amaaraa fi Oromoo keessa dhokatan Somaalotaa fi warra kaan irratti haleellaa deebii kennuu akka malan shakkiin hin jiru. Kanaafuu hangamuu hammaatu, namtokkeelee Oromoo fi Amaaraa irratti haleellaan dhaqqabu yoo jiraate, deebiin kennamu kan hawaasawaa (communal) tahuu hin qabu. Namni wanjala akkasii hojjete adda baafamee seeratti dhiheeffamuudha qaba. 
Toftaan dullachii fi qoqqoodanii bituu akkasii kun sirna abbaa irrummaa Wayyaanee TPLF dheeressuu hin danda’u.

No comments:

Post a Comment