Saturday, September 17, 2016

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?


(Aman Kedir Kamsare irraa)

Barreeffama ammaan duraa irratti maalummaa fi gumaata aangoon polotikaa fi hawaasa keessatti qabu gabaabsnee laallee turre. Xiinxallaa kana keessattis hariiroo fi walitti hidhata aangoon polotikaatii fi Qabsoon diddaa nagayaa (Non-violent struggle) qabus mildhannee jirra. Barreeffama ardhaa keessatti muummee (source) aangoon polotikaa iraa maddu iyyaafanna (soqna) Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa burqa gaafii jettu wirtuun deebisuu keennaan duratti aangoo polotikaa jechuunuu maal jechuudha gaafii jetti gabaabsinee mildhanna. 
Akka hayyoonni polotikaa irra caalaan walii galanitti aangoo polotikaa jechuun humna ofiitii fi fira qabsoo ijaaranii humna diinaa dura dhaabbatanii, madaala humnaa jallisanii aangoo furtuu (key polotical power) gonfachuu jechuudha. Namootaa fi murnoonni aangoo polotikaa harkatti galfatanii jijjiirraa hawaasaa fi sirnaa fiduu barbaadan kamiiyyuu dura handhura aangoo polotikaa booji’uu qaban. Aangoo polotikaa gonfachuu jechuun ammoo aangoo mootummaa (state-power) fudhachuu jechuudha. Humniti aangoo furtuu mootummaa dhuumfate sirna biyyitti ittiin bultu diigee ijaaruu, imaammata tumuu fi dhaddacha heeraa walabaa utubee hegeree biyyichaa irratti murteessuu danda’a. 
Humnootaa fi jaarmayoonni polotikaa bifa adda addaatiin gaafii haa dhiyeessan malee  ijoon qabsichaa aangoo polotikaa amajaajii (mootummaa) abbaa-irree irraa fudhatanii ummata aangessanii sirna haarawa ijaaruudha. Humniti aangoo polotikaa dursee hin qabatin kamuu  kaayoo barbaade galmaan gawuu hindanda’u. Kan bilisummaa barbaadus dursee aangoo furtuu polotikaa yoo dhuumfate malee bilisummaa hawwu angachuu hin danda’u. Kan biyya walabaa uuma jedhus dursee aangoo mootummaa dhuumfatu malee galma isaa dhaqqabuu hindanda’u. Kan sirna demokiraatawaa federaalawaa haqaa ijaara jedhus dura aangoo furtuu polotikaa gonfatutti hawwii isaa guutuu hindanda’u. Gaafiin hundumaa waliif galchuu gabu garuu «hanga mootummaan abbaa-irree TPLF aangoo irra jirutti hegereen hundumtuu hawwu abjuu taatee hafti.» kan jedhu . Osoo mootummaan Wayyaanee aangoo irra jiru karaan qurxaan biraa hinjiru. Kanaafuu aangoo furtuu polotikaa Wayyaanee harkaa fudhatanii hegeree iftuu bilisummaatii fi demokiraasii dhugaa fiduuf dursine muummee (source of political power) soqnee arguu qabna. 
«Angoon polotikaa dhugaa eessaa madda?» gaafii jettu deebisuu irratti ilaalcha lamaa kan walii faallaa tayetuu qarayyoota siyaasaa (political elites) jedhutti muldhata:
1. Ilaalcha baaqqee yookin balashee (monolithic)—Ilaalchi baaqqeen kun maddi aangoo polotikaa muummee xiqqoo-tokkittii-hawaasa keessaa tuuta hagoo irraa madda jedhanii amanu. Uumaan daandiin polotikaa kun ittiin beekamu kan biraa  ummata baldhaa fi biyyiti tuuta xiqqoo aangoo polotikaa hallanummaan dhuumfatee harkaa qabdu irratti irkatee jiraata jedhu. Yoo humniti hagoon aangoo polotikaa dhandhoontee harkaa qabdu tun diigamte ummataa fi biyyiti ni diigama jedhanii falfalu. Qaruutewwan siyaasaa balasheen masakaman hegeree dukkanooftuu isaan eeggatuu hegeree ummataa, biyyaa fi sabaa wajjiin walitti hidhanii laalu. Fakkeennaaf gaafii fi deebii dhiyeenna kana Abbay Tsehaayee fi Masfin Siyum Radio mootummichaa irratti kennan yoo xiinxalline dhugaa kana agarsiisaa. Marii isaanii irratti yoo mootummaan TPLF diigamte dachii fi samiin ni golgoloofti, Itoophiyaan Ruwaandaa fi Somaaliyaa taati jedhu. Humnoonni ilaalcha balashee akka TPLF qaban kana qofaa irratti hindhaabbatan. Amalli biraa kan isaan ittiin beekaman abbaan dhugaa harkaa qabuu fi karaa qajeelaa irra jiru nu qafaadhaa, ilaalchii fi xurreen biraa dhara jedhu (characteristically self-righteousness). Jijjiiraa haasawwaa fi misoomina (transformation) kan fiduu danda’u TPLF qofaadha yaadaa fi imaammata keenna jilbiifattanii waga’amuu qabdan jedhu. Yoo kan diddan farra guddinaa fi nagyaati jedhamtan dhabamtu jedhanii ummata diniinu.
Abbootiin ilaalcha calcallii akkanaa qaban aangoon utubaa sibiilaatii! Hin diigamu! Hin caccaphuu jedhanii yaadu. Kanaafuu TPLF aangoo polotikaa Itoophiyaa dhuumfaadhaan qabatee osoo si’a takkallee hinjijjiiramin jiraachuu qaba jedhanii murteeffatuu isaanii agarra. 
Ummaan fokkataa fi hammaataa humnoota polotikaa ilaalcha baaqqeen masakanii «aangoon polotikaa afaan qawwee qofaa keessaa madda»jedhanii waan amananiif gaafii karaa nagayaatiin ummanni dhiyeeffatu hundumaafuu deebiin isaanii ajjeechaa. hidhaa fi reebicha. Aadaa Polotikaa Abyssiniyaa keessatti ilaalcha kanarraa kan ka’e aabbaa fi ilmis osoo hin hafin dhiiga walii bilatanii aangoo walirraa fudhatu. Faallaa kanaattiin sirna aadaa polotikaa Gadaa Oromoo keessatti aangoon polotikaa karaa nagaatiin dhaloota duraanii irraa gara dhaloota haarawaatti dabruu isaa hubannoota keessa galchuu feesisa. Baallii aangoo dabarsuuf abbaan ilma ajjeessee rarraguu hinqabu! Aadaa polotikaa Abyssiniyaa keessatti aadaa qabsoo polotikaa nagayaa gatii tokkollee akka hinqabne gadi-fageennaan hubatuu feesisa. 
Mallattoon amaloota qarayyoota siyaasaa ilaalcha balashee kan biraa aangoon polotikaa gubbarraa gadi-dhufa malee dakanaa ol hinhojjatu (top-down homoginization) jedhanii yaadu. Kanaafuu TPLF demokiraasii warraaqxummaa. Mootummaa misoominaa, Transformation jedhee yaada isaa qofaa gubbarraa gadi lolaasaa gurra ummataa ducha. 
Walumaagalatti Wayyaaneen (TPLF)  hangafa qaruutewwaan ilaalcha baaqqeen (monolithic) dursaman haa tawuu malee humnoonni polotikaa Itoophiyaa kanneen ilaalcha kanaan masakama kan birollee  jiraachuu isaanii hubatamuu qaba. Kun mooraa qabsoo Oromoollee dabalata.  Ilaalcha kana amumarraa sirritti qoratanii yoo qabsoo irratti godhan malee hegeree iftuu bilisummaa irratti danqaraa guddaa akka tawu isaa ammumarraa tilmaamuu feesisa. Humnootaa fi qarrayyoonni ilaalcha baaqqee mootummaa TPLFin walfakkaatu qaban raachitii sirna abbaa-irree biraa tawuun akka hubatamuuf yaada kana mariif dhiyeesse. Barreeffama itti aanu keessatti ilaalcha sabbooqqoo (Polylithic), aangoon polotikaa madda tokko qofaa osoo hintayin madda dachaa-darabee qabdii  (maddi aangoo ummata baldhaa) yaada jedhu xiinxalluu yaala.
Itti fufa…+
Aman Kedir Kamsare

No comments:

Post a Comment