Sunday, September 18, 2016

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda? 


                         (Kufaa 2FFAA)        

                                    (Aman Kadir Kasmare irra)

Barruu ammaan duraa keessatti yaada aangoon Polotikaa haroo xiqqoo baaltokkee (monolithic source) irraa madda jedhu qoratne. Qu’annoo fi iyyaafannoo kana keessattis ilaalchi baaqqeen kun amaloota gurguddoo armaa gadiitiin akka calaqqisu hubanne. Isaanis: aangoon polotikaa (irreen mootummaa) tuuta xiqqoo fiixxee sirna mootummaa qabattee cunqursitu irraa madda, hiree fi hegereen ummata baldhallee jireenna tuuta xiqqoo (gita-bittuu) tana irratti rarra’a, aangoon murna xiqqoo harkatti dhuumfatamte utubaa sibiilaati, hinjijjiiramtu , aangoon polotikaa afaan qawwee qofaa irraa madda, dhugaa fi karaan qajeelaan kiyya qofaadha, yaadaa fi karaan biraa dhara kanneen jedhan ture. Fakkiin fokkataa fi harguugamaan yaada balashee kun murna TPLF tawuu isallee mirkaneeffanne.
Qorannoo fi qu’annoo ardhaa keessatti yaada faallaa kanaa kan aangoon polotikaa muummee sobbooqqoo-dachaa darabee (polylithic source) irraa madda jedhu babbaysina.
Warri ilaalaacha sobbooqqoo aangoo polotikaa ummatatti yookiin saba baldhaatti amanan  akkuma lagni tokko muummee irraa maddu aangoon polotikallee ummata irraa  madda jedhu. Hayyoonni yaada kana qoratan aangoo polotikaa ummataa maanyaa bishaaniitiin (sea) walfakkeessanii laalu. Hayyuun falmataa Polotikaa qabsoo karaa nagayaa Ghandiin (biyya Indiyaa)  akkana jedha: Namni laga-guddaa billawaan muru galaana san muree dhiigsuu hindanda’u. Inumaa laga muruun isaa hafee haka isaattuu foffottoqa.) jedha. Akkuma Wayyaaneen galaana ummata Oromoo muruuf osoo tattaafatu galaanni muramuu didee isa liqimse jechuudha. Akkuma laga tiillicha bishaanii keessa qurxummii fi bineensonni lubbuu qaban hedduun daakanii jiraatan maaynaa aangoo polotikaa ummataa keessas humnnoota aadda addaattuu dachaa-darabeen  qooda iraa fudhata jedhu. Kanaafuu aangoon qabeenna dhuumfaa hallanummaan namoota yookiin gartuulee hagoon qabatamu osoo hintayin qabeenya yagutoo (common property) dhuumfata ummataa jala jiru jedhanii yaadu. 
Yaadni sobbooqqoon aangoo polotikaa akka yaada baaltokkee «ummanni baldhaan murna abbaa-irree irratti irkatee jiraata» jedhanii hin amanan. Faallaa kanaatiin murna abbaa-irreettuu ummata baldhaa irratti irkatee jiraata, yoo ummanni baldhaan hayyamaa fi deggersaa isaa jalaa dachaafate murni abbaa-irree guyyaa tokkos ooluu hindanda’u jedhee amana. 
Ilaalchi aangoon Polotikaa sobbooqqoodha  jedhee yaadu akka yaadaa baaqqeetti (monolithic) aangoon utubaa sibiilaati jedhee hin amanu. Inumaa karaa biraatiin aangoon ni dhufa, ni jijjiirama, ni caccapha jedhee amana. Mootummoonnis ni dhufu, ni kufu jedhee amana. Garuu ummanni baldhaan bara baraan dhaloota irraa gara dhalootaatti osoo addaan hincitin jiraata. 
Akka yaada balashee yaadni aangoo polotikaa sobbooqqoo jedhee amanu «aangoon afaan qawwee qofaa keessaa dhufa» jedhee hin amanu. Qawween deggersaa fi hirmaannaa ummataatiin alatti qoraan duwwaadhaa. Fakkeennaaf sochii ummanni Oromoo j’oota kudhan darbanii godhaa jiru yoo laallu dhugama qawween Wayyaanee kolkolee duwwaadhaa. Ilmaan Oromoo kanneen gootummaan hidhannoo qawwee malee mirga isaaniitiif falmataa jirantuu Wayyaanee hanga funyaanitti hidhate jilbiifachiisaa jira. Kanaafuu yaadni sabbooqqoo aangoo polotikaa aangoon dhugaa, tokkummaan dhugaa, qabsoon dhugaa  bilisummaan waaraan fi demokiraasiin dhugaa hirmaannaa ummata irraa madda jedhee amana. Abdiin bilisummaa fi tokkummaa dhugallee namootaa fi murnoota polotikaa kanneen «nu tuu bilisa si baasa» jedhan osoo hintayin ummata baldhaa  ijaaramee dammaqiinsaan qabsoo isaa geggeessu harka jirti jedhee yaada. 

Ilaalchi sabbooqqoon aangoo polotikaa dachaa darabeetti amanu akka ilaalcha balasheetti aangoon gubbarraa qofaa gadi-lola’a (monolithic top-down homoginization)  jedhee hin amanu. Aangoon polotikaa ummata baldhaa irraa maddee deebisee ummatuma baldhaa aangoo dhuumfachiisa jedhee amana. Fakkiin cululuqaan yaadaa aangoo Polotikaa Sobbooqqoo sirna polotikaa Gadaa Oromooti jennee fudhachuu ni dandeenna.

Itti fufa kufaa 3FFAA.

Aman Kedir Kamsare
   

                                                    

No comments:

Post a Comment