Sunday, August 7, 2016

Maal Baranne, Maalitti Tarkaanfanna?

Maal Baranne, Maalitti Tarkaanfanna?
                  
                                   (Dr Solomon Ungashe irraa)
Ummatni Oromo Hagayya 6, 2016 gochaa seenaan barabaraan yaadatamu galmeesse. Oromiyaa mara keessatti hiriiree “ajjeechaa nurraa dhaabaa, biyya keenya keessatti ofiin of bulchinee nagaan ha jiraannuu, humna waraanaa nurraa kaasaa, lammiiwwan keenya mana hidhaa keessatti dararaa jirtan nuuf hiikaa, lafa keenyarraa nu buqqisusuu dhaabaa, biyya keenya irratti abbaa biyyaa ta’uu keenya baraa” jedhanii bakka hundatti sagalee isaanii dhageessisani. Seenaa Oromoo keessatti guyyaan kana fakkaatu kana dura hin argamne. Seenaa addunyaa keessattis, har’a dura biyya akka Oromiyaa bal’atu keessatti ummatni miliyoonotaan lakkaawwamu guyyaa tokko waliin hiriiree sagaleesaa dhaggeeffachuu dhagayes, dubbisees hin beeku. Hagayya 6, seenaa Oromoo keessatti qofa otuu hin taane, seenaa addunyaa keessatti iddoo ol’aanaa qabaata. Ummatni Oromoo bakka jiru hundatti boonuu qaba.
Gama kanbiraan Hagayya 6, 2016 guyyaa gaddaa ta’ee barabaraan yaadatama. Lammiiwwan lakkoobsaan 50 ol ta’an haala suukaneessaa dhaan ajjeefamanii wareegama bilisummaa ta’aniiru. Dhibbootaan kan lakkaawaman madaayaniiru. Lakkoobsi isaanii kan hin beekamne mana hidhaa galaniiru. Maatiif firri, ollaaf biyyi, gaddaa jira. Bahaa hanga lixaatti, kaabaa hanga kibbaatti Oromiyaan maatii gaddaa jiru ta’uun ifaadha. Isa kanas seenaan barbaraan yaadata. Gadda kana keessaa bawuun kan danda'amu injifannoo booda.
Hagayya 6, 2016 maal nu barsiisee darbe? Akka ilaalcha kootti, barnoootni tokkooffaan, Oromoon dammaqee mirga isaaatiif falmachuuf ka’uu isaati. Bara Oromiyaan harka diinaa galte sana, Oromoon wal hin beeku ture. Gabroomfataan nu keessaa garii yeroodhaaf firoomfatee, isaa kaan diinomfatee tokko tokkoon biyya keenya dhuunfate. San booda hunda keenya gabroomse. Seenaa kana gaddaan yaadanna. Amma sun jijjiiramee Oromoon tokkoomee kutannoo guddaa dhaan ka’eera.. Addaddatti qoodamnee irbaata diinaa ta’uun hafeera. Gabroomfamnuus, bilisoomnus kana booda walumaan dhaabbanneeti. Dhugaan kun Oromiyaa bal’oo keessatti Hagayya 6, 2016 dhiigaan barreeffamee seenaa dhaaf gabaafameera.
Kan lammataa maal baranne? Akka ilaalcha kootti, diinni mirga keenya nu sarbee jiru garalaafina takkallee akka hinqabne ta’uu isaati. Hanga Oromiyaa bakka addaddaatti dhiigni dhangala’uu dhagahutti, mootummaan wayyaanee har’a akka kaleessaa ummata nagaarratti dhukaasa hin bantu ta’a shakkii jedhun qaban ture. Shakkiin koo sun Hiriirri Oromoo Guddichi jalqabamee saatii tokko otuu hin guutin deebii ani dhagawuuf eegaa hin turre argate. Diinni duruu diinuma ta’uun balaqqiin ifee natti muldhate. Lammiiwwan akkuma kootti hubatan hedduudha jedheen amana. Kana booda shakkiin takkayyuu jiraachuu hin qabu. Mootummaan wayyaanee aangoorra turuuf ummata nagaa miliyoonotaan lakkaawaman ajjeesuu irraa boodatti hin deebi’u. Barnoota kana ummatni Oromoo barateera jedheen amana.
Edda kana ta’ee kana booda maalitti tarkaanfanna? Gaaffii kana gaafachuun gowwaa nama fakkeessa. Deebiin ifa waan ta’eefi. Sanganiyyuu qalachuuf yeroo yaalan lubbuu isaa hambifachuuf nidhidhiitata mitiii? Ilmii namaas ajjeefamuu irraa of hambisuu filachuun gaaffii maalii qabaree? Gowwaa nama fakkeessuyyuu yeroon ammaa kun kan itti gaaffii kana itti wal gaaffanu. Deebiin ummata Oromoo maal akka ta’e hunduu beeka waan ta’eef, himuu hin barbaachisu.
Haala keessa jirru irratti edda waliigallee, maal godhuu akka qabnu wal gaafachuu qabna. Kana yeroo goonu dhugaa ifa nutti fakkaatu wal sodaa tokko malee walitti himuun dirqama ta’a. Hubannoo kanarraa ka’een waan dhugaa natti fakkaatu kana gaditti barreessa. Garii namaa gaddisiisuun koo akka hin oolle durseen beeka. Kanneen natti gadduuf jiraniin durseen dhiifama naa godhaa jedhaan.
Egaa waan yaada koo keessa guutee jiru futtaafachuufan jedhaa na hoofkalchaa. Dursee, Haylee Fidaa gooticha Oromoon yaadadha. Waggaa lama wal wajjin mana hidhaa tokko keessatti edda hidhamnee booda na biraa fuudhamee ajjeeffame. Maaliif maqaa nama du’ee kaafta kan naan jettan yoo jiraattan, deebiin koo gabaabaadha. Haylee Fidaa, “Sabni dammaqee, dhaabaan gurmaawee, hidhannoo argate nihinjifata” jedha ture. Jechii isaa kun haala amma Oromoon keessa jiru wajjin kan walqabatu waan ta’eefan maqaa nama du’ee kaase. Akkuman olitti tuqee ture, Oromoon dammaqeera. Dhugaa kana lammiinis, halagaaniis sirriitti hubateera. Lamiin yeroo gammadu halagaan soda keessa galee jira. Kun dhugaa shakkamuu hin danda’amne natti fakkaata. Haalduree hinjifannoo sadan Haylee Fidaa lafa kaa’e keessaa tokko guutee argameera jechuudha. Hundi keenya kanaaf gammaduu qabna.
Haaldureen lammataawoo guuteera? Akka ilaalcha kootti hin guutne. Qaamni uumati kallacha qabsoo Oromoo jedhee ilaalaa ture, waggoota 25an darban of diigaa ture. Qaamni tokko bakka afur-shanitti wal qoode. Kun anaaf yaadannoo gaddisiisaadha. Ta’us haalli abdachiisaan dhiyeenya dhalachuu dhageenyee jirra. Innis, qaamooleen ABO irraa caccaban “waliigaltee uumne jedhanii labsuu isaaniiti.” Garuu labsiin labsamuu malee jiijjiramni muldhataa hin jiru. Kanaaf, an ammayyuu yaaddoo keessan jira. Dhaabni siyaasaa ummatni abdii guddaa irratti qabu kan biraa KFOdha. KFOn har’a haala maal fakkaatu keessa akka jiru hundi keenya beekna. Hoggantoota isaa keessaa 90% mana hidhaa keessatti darararamaa jiru. Miseensotni kumootaan lakkaawamnis isaanuma wajjin jiru. Waajjiraaleen dhaabicha, Finfinnee irraa kan hafe bakka hundatti cufamanii jiru. Dhugaa kana yeroon barreessu gadda guddaatu natti dhagahama. Kana booda KFOn Oromiyaa keessaatti seeraan socho’ee kaayyoo isaa fiixaan baasuuf eeyyama mootummaa ni argataa jennee wal gaafachuu qabna. Ana natti hin fakkaatu. Egaa maal wayyaree?
Waa sadii hatattamaan hojiirra oolchuun dirqama yerooti jedheen amana. Inni jalqabaa dhaabilee siyaasa Oromo ilaala. Inni lammataa ummata Oromoo hunda ilaala. Sadaffaan Oromoota biyyaa Oromaa jiraatan irratti xiyyeeffata.
Dhaabileen siyaasaa maal godhuu qaban? Waliigaltee uumne jedhan sana jiruu dhaan agarsiisuu qabu. Hamma ammaatti waliigaltee uumneerra jechuu malee, waliigalteen sun maal akka ta’e ummataaf ifa kan ta’e natti hinfakkaatu. Kana booda maqaa wal hinxureessinu jechuu qofaa? Moo fuulduree Oromiyaa fi Itoophiyaa irratti mariyatanii waliigalaniiru? Deebiin isa lammataa kana yoo ta’e, wanti isaan irratti waliigalan maanni? Hojiirraa oolchuuf ammoo sagantaa maal fakkaatu qopheeffatan? Bor qabsoon ummatni aarsaa guddaa itti baasaa jiru milkaawee mootummaan abbaa irree aangoorraa yeroo ariyatamu biyyattiin akkamiin akka bultu irratti waliigalaniiruu? Ummatni deebii gaaffiiwwan kanaa hatattamaan baruu qaba. Deebiin hin jiru yoo ta’e, waliigalteen uumamte jedhamte sun akkuma ULFO taatee achumaan baduun ishee hafa natti hin fakkaatu. ABO, ADO fi dhaabileen lamaan hafan deebii waliigaltee nuuf ha kennani.
Ummata Oromoo biyya keessa jiru, keessumaa qeeroo, irraa maaltu eegama? Dirqamni guddaan natti muldhatu bakka bakkatti haala amma caaluun wal ijaaruudha. Wal ijaaruu jechuun koo wal kakkaasanii hiriira waliin bawuu qofa miti. Inni ammayyuu itti jirama. Ijaarsa bor yeroo ummatni injifannoo argatu bakka bakkatti biyya bulchuu danda’u uumuu barbaachisa jechuu kooti. Ijaarsi akkasii qaamolee adda addaa of jalaa qabaata. Fakkeenyaaf, kan bulchiinsaa, kan nageenyaa, kan ittisaa, kkf. Gabaabumatti ijaarsa gulantaa gandaatti, aanaatti, godiinaatti dirqama bulchiinsaa bawuu danda’u jechuu kooti.
Oromoo biyya alaa jiru iraa maaltu eegama? Dirqamni guddaan qabnu ummata biyya keessaatti diina dura dhaabbatee abbaabiyyummaaf falmaa jiru haala qindaawaa fi ittifufiinsa qabuun deggeruudha. Jiruun bor otuu hin ta'in har'a jalqabuu qaba. Garee qabsaawota godiinaalee Oromiyaa keessa jiran wajjiin hariiroo uumuudhaan deggersaa biraan gawuu danda’u godiinaa hundaaf uumuu barbaachisa. Fakkeenyaaf garee godiinaa Arsii Lixaa irratti xiyyeefatee qabsaawota godiina sana jiran wajjin hojjetu. Godiinaalee hafaniifis akkasuma. Akkanaan hojjechuun waa lama gargaara. Tokkoffaa ijaarsiif qabsoo walfakkaataan bakka hundatti akka jajjabaatan taasisa. Lammaffaa godiinaaleen hundi quba walqabaatanii waliin akka socho’an jajjabeessa. Jiruu kana fakkaatu hojjechuuf Oromoon biyya Oromaa jiraatu bakka hundatti walgayii godhachuun itti mariyatee ejjennoo tokkorra gawuu qaba. Walgayii akkanaa qopheessuuf gareen qindeessu tokko dhaabbachuu qaba. Gareen kun karoora baasee walgayiin Hawaasaa Oromoo Ameerikaa Kaabaatti, Auroopaatti, Awstraaliyaatti, Akkasumas Biyya Araabaatti haala walfakkaataa dhaan akka qophaawu taasisa. Ejjeennoon walfakkaatu akka fudhatamu taasisuuf jiruu barbaachisu hojjeta. Dhimma kanarratti Oromoon biyya Ormaa jiraatu mariyachuu qaba.

No comments:

Post a Comment