Tuesday, August 2, 2016

HIRIIRA SANBATA XIQQAA DHUFU GODHAMUUF HAALA KAMIIN QOPHOOFNA?

HIRIIRA SANBATA XIQQAA DHUFU GODHAMUUF HAALA KAMIIN QOPHOOFNA?

                                     (Saphaloo Kadiir irraa)
Akkuma beekkamu ji'oota saglan dabran kana fincilli xumura gabrummaa marsa marsaan kutaalee Oromiyaa baayyee keessatti bifa adda addaan finiinaa turuun ni yaadatama. Haatahuu malee fincilli ji'oota sagaliif taasifamaa ture kun injifannoolee baayyee galmeessisuu danda'ullee dhumaatii ilmaan Oromoo baayyee irratti raawwatee jira. Fincila naannoo Amaaraatti dhiheenya kana taasifameen yoo wal bira qabnee kan laallu tahe fincila ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti godhaa turaniin garaagarummaa guddaa qaba. Ilmaan Oromoo harka duwwaa dhaadannoo mirgaa qofa dhageessisaa hiriira bahan badii malee, naasu dhableewwan waraana wayyaanee agaaziin yoo ajjeeffamaan warri Amaaraa immoo dhiheenyuma kana magaalaa keessatti hidhannoo waliin qawwee dhukaasaa wayta hiriiran, san biraan humna waraana wayyaaneetiis ajjeessaa yoo fincilan qeensi osoo irraa hin caphin nagayaan galuu isaanii agarra. Kun kan mul'isu wayyaaneen ija ijaan laaltee ummata biyyattii kan bulchaa jirtu jirtuufi ummata Oromootiif jibba addaa qabaachuu irraa kan ka'e yakka duguuggaa sanyii (Genocide) irratti raawwachuuf muratee ka'uu isaa kan mul'isuudha.
Kanaaf yeroo ammaa wanti ummata Oromoo baasu haala wal fakkaataafi bifa qabeessaan guyyaa tokko guutuu Oromiyaa keessatti fincila qabsiisuu akka tahe hayyoonni Oromoo irratti waliigalanii guyyaan isaas murtaa'ee jira. Guyyaan fincilli guutuu Oromiyaatti gaggeeffamuu kun Sanbata xiqqaa as deemu kana yoo tahu akka Lakkoofsa Habashaatti (Ethiopia) Adooleessa (Hamlee) 30, 2008 yoo tahu, akka lakkoofsa faranji (Awrooppaatti) Hagayya 6, 2016 irra kan ooluu dha. Hiriirri guutuu Oromiyatti gaafa Sanbata xiqqaa godhamuuf karoorfame kun maaliif akka barbaachisee fi akkamitti akka murteeffame akkasumaas mootummaa Naannoo Oromiyaa fi wayyaanees beeksisuuf xinxalaan siyaasaafi daarektarri ol'aanaan OMN kabajamoo Jawar Mohammed fuula 'Facebook' isaarratti maxxansee jira wan taheef irra hin deebi'u. (Barruu Jawar Mohaammed barreesse link kanaan argachuu dandeessu:
https://m.facebook.com story.php?story_fbid=10102451115596493&id=215693 )
Eegaa kabajamtoota ilmaan Oromoo hiriirri guutuu Oromiyaa keessatti taasifamuuf Sanbata xiqqaa (Saturday) godhamuuf murteeffame kun addaan hafuufi faffaca'iinsa tokkoon maletti kaabaaf kibba, bahaaf lixa akkasumaas giddugala Oromiyaa keessatti haala bifaafi sirna qabuun, bifa hoo'aa namoota mara hammateen akka gaggeeffamuuf guyyaa boruutii hanga sanbataatti osoo hiriira hin baane qophii godhuu qabna. Tooftaaf mala akkamiin yoo fayyadamnee ykn maal yoo goone, roga kam irrattiis yoo xiyyeeffanne akkasumaas haala kamiin yoo wal hordofaa, waliis dhageeffachaa deemne galma barbaannu sanitti kutaaraan gahuu dandeenya laata kan jedhu irratti dhaamsa gabaabaa tokkoon qaba. Dhaamsi kootiis warraaqsa amma kutaalee Oromiyaa tokko tokkotti daangawee jiru kana guutuu biyyaatti waliin gahuun yeroo wal fakkaatatti akka ka'an taasisuun ijibaata maayyii goonee yoo kanuma miidhaa keenya kan itti fufu tahe san booda kallattii maraan hidda wayyaanee tokkicha hafe murree jirma gabrummaa fonqolchuuf haalli nuuf mijjaawaa taha. Kanaaf yeroo amma jirru tana irraa hanga guyyaa sanbata xiqqaatti tooftaafi mala nu gargaaruu danda'u murna tokko akka armaan gadiittiin tartiibeessa:
1) Karooraafi sagantaa ifa tahe baafachuun qeerroolee Oromiyaa mara bira bifa danda'ame hundaan akka wal gahu taasisuu, gare gareen wal ijaaruun dammaqinaan wal mari'achuu, balaa gama wayyaaneetiin nurra gahuu malu tilmaamuun tooftaa ittiin balaa fi miidhaa wayyaaneen nurraan geessu xiqqeessinee bu'aa injifannoo keenyaaittiin daballu kan haalaafi yeroo irratti hundaa'ee iddoo maratti baafachuufi haala danda'amuun iddoo maratti waliin gahuu. Fknf, xalayaalee waamichaa, kaayyoo hiriirichaafi barruu dadammaqsituu tahan iddoo namoonni baayyeen itti wal gahan, bakkoota waltajjii tahaniifi ija namaatiif mul'atu maratti maxxansuu, facaasuufi kkf godhuu. (Yeroo kana goonu of eeggannoo gaarii nu barbaachisa)
2) Yoo danda'ame magaaloonni, gandoonni baadiyyaafi araddaaleen walitti dhihoofi ollaa tahan walitti dhufuun magaalaa aanaa guddoo tan taate itti walgahuuf haala walitti dhufuun danda'amu qopheeffachuu. Iddoon magaaloonnifi gandoonni ollaa itti wal gahuu qaban waltajjii hundaaf wal qixaa yoo tahe gaariidha. Yookaan immoo magaaloota isaanitti dhihaatu qopheeffachuun garasitti walitti dhufuuf murteeffachuu fi qophiilee wal fakkaatoo irratti marii qadaaddachuu. Hubadhaa! Hiriirri guutuu Oromiyaatti Hagayya 6, 2016 (Sanbata xiqqaa as deemu) kana godhamuuf deemu kun yeroo maayyiitiif sagalee keenya dhageessisuufi mirga keenya gaafachuun ala waan akka meeshaa lola aadaa qabachuu, dhagaa darbachuu, daandii cufuufi qabeenya barbadeessuufi kkf tokkollee godhuu nun barbaachisu.
3) Bifa balaaf nama hin saaxilleefi iccitaawaan iddoo dahoo meeyxuu qopheeffachuun dhaadannoolee qabatamanii bahan qopheessuufi alaabaa qabsoo harkaan tolfachuun sirritti qophaa'uun gaariidha. Akkuma ummata biraa ummanni Oromoos alaabaa isaa ifatti qabatee bahuuf mirga guutuu qaba waan taheef, alaabaan qabsoo tan amma ummanni biyya qabatee fincilanii jiru qabatamaan alaabaa ABO (diimaa magariisa diimaa) waan taateef alaabaa tana akkuma kanaan dura harkaan tolfachaa turan ammaas haaluma saniin bakka meeyxuu salphatti diinaafi basaastuuf hin saaxilamne filachuun namoota dandeettii barreeffamaafi halluu dibuu sirritti qabaniin hojjetanii guyyaa fincila guutuutiif alaabaa qabannee, dhaadannoos dhageessisaa hiriiruuf qopheeffachuu qabna. (Haala alaabaan sirnaan itti tolfamu qabuufi tartiiba tolchuuf salphaa tahe isiniifiin dhiheessa.
4) Yeroo baayyee namoonni osoo if hin amansiifne gara qabsootti ykn hiriira warraaqsaatti galuun yeroo rakkinni xiqqaan tokko uumamu dheeysanii bittinaa'u. Kun kan uumamu ulfinaafi hammeenya qabsoo osoo gara warraaqsaatti hin galle dura beekuufi tilmaamuu dhabuun mirqaanaafi hamilee kaayyoo hin qabneen namoota gara fincilaatti galan irratti qofa kan mul'atuudha. Haalli kun immoo diigamiinsa baayyisa waan taheef akka booda hin baaragne dura miidhaan hanga wareegama lubbuuttillee akka jiru of amansiisuun gara warraaqsaa galuun barbaachisaa dha. Kun taanaan osoo wanti fedhe dhufee iccitii laaftumatti gad naquufi qabsoo irraa dheeysuun hin jiraatu. Kana jechuun immoo hiriirri guyyaa Sanbata xiqqaa as deemu kana godhamu fincila qabeenya dhunfaa tokko irratti badii raawwatuu miti. Kanaaf miidhaan addaa kan nama irra gahu waan hin jirreef jalqaba of amansiisuun hiriirichaaf qophaa'uun gaarii dha.
5) Akka finciloota kanaan duraa irraa hubannutti bakka baayyetti hawaasni bal'aan hanga sadarkaa gadiitti bifa wal fakkaatan sochii irratti yoo hirmaatan hin mul'atan. Harki caalaan dargaggeeyyii qofaan kan sochoo'aa turan waan taheef finciloota irratti buburraa'uun hirmaattoota akka uumamu godhe. Akkanatti gargar caphuufi harca'uun hawaasichaa kun garuu namoonni baayyeen hidhamuu, tumamuufi hiddi gabrummaa muramuu dhihaatees haareyatti if jabeessaa dhufa waan taheef umrii gabroonfataa nurratti dabala. Kana malees gatiin sagalee hawaasaa dhagayamuu dhiisuu irrattiis dhiibbaa taasisa. Kanaaf akka sagaleen keenya fagotti diina naasisuufi wayyaanee abdii kutachiisu hawaasa keenya bal'aa keessa gad buune, qaamaan itti gallee sirnaan dammaqsuun hiriira kanaaf sirritti qopheessuufi kakaasuun, onnachiisuufi bayyanachiisuun barbaachisaa dha.
6) Akkuma beekkamu fincila yeroo dheeraa godhamaa ture kana keessatti muuxannoolee horanne baayy'eetu jira. San keessaa tokko abboottiin qabeenyaa fi namoonni ganda keessatti dhageettii qaban kan akka manguddootaafi jaarsoolii biyyaa irra hedduun hiriira nageyaa irratti argamuu baayyee waan sodaataniif hirmaannaan isaanii gar malee xiqqaa dha. Sababniis hundallee tahuun baddinii abboottiin qabeenyaa (dureeyyoonni) gariin qabeenya mootummaa kana keessa waan horataniif mormiin ka'uus akka waan diinagdee isaanii kana jalaa barbadeessuutti waan shakkaniif, horiin isaanii waan jalaa manca'u itti fakkaatee mormii mootummaa kanaa irratti hirmaachuu dhiisii fincilli ka'uunuun, hiriirri bahamuun baayyee isaan sodaachisa. Kanaaf isaaniis tahee maatiin, akkasumaas namoonni isaan waliin walitti dhiheenyaafi firooma qabaniis akka hin fincille, akka hiriiraa waliin hidhata ykn walitti dhufeenya tokkollee hin qabanne taasisuu malee mirga ofii falmachuun akka sirrii tahetti hin yaadan. Manguddootaafi jaarsoolii baayyees wayyaaneetu tooftaan itti fayyadamaa jira. Kanaafuu nuti jara akkanaa kana mara irratti hojjachuun amansiifnee hiriira godhuuf yaanu kanatti dabaluun gaariidha.
7) Hiriirri amma Hagayya 6, 2016 (Sanbata Xiqqaa) guutuu biyyaatti godhamuuf deemu kun guutumaaguututti hiriira nagayaa kan sagalee qofaan dhaadannoo ofii dhageessisuu malee badii tokko kan itti raawwatamuu miti. Mootummaan kun gochoota duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuuniis dhugaa torban dachiitti awwaalanillee dhokatuu miti. Ilmaan Oromoo 500 ol kan lubbuun galaafataman, kumoota danuun kan hidhaman, kumoota kurna baayyeen immoo kan madaa'aniifi reebaman, badii takka malee ammallee ajjeechaafi reebichiis itti fufaa jiraachuu kana namni kamiyyuu nama tahee kan haqa namummaatiis beeku waan mormuufi mamu nattin fakkaatu. Kanaaf mootummaa mirga lubbuun jiraachuu kanuma ofiif baase cabsaa jiru kana gocha isaa balaalleeffachuun dirqama. Kana waan taheef hawaasa bal'aa dabalatee hojjattoonni mootummaa, caasaaleen gandaa, deeggartoonni paartii hundaa, abboottiin amantaa marti, dubartoonni, manguddoonni, abbootiin gadaa, jaarsoolii biyyaa dabalatee akkasumaas sabaaf sablammoonni Oromiyaa keessa jiraatan hundi sodaa takka malee hirmaachuun hiriira nagayaa kana irratti argamuu qaban. Kana godhuuf immoo warroonni hubannaa qabdan marti itti dhimmamuun roga hundaan irratti hojjachuu qabdan. Baayyinni namootaafi sabaaf sablammoonni Oromiyaa keessatti argaman hiriira kanarratti hirmaachuun waan baayyeef gaariidha. Warra ija shakkiitiin Oromoo mil'atuus morma gad qabachiisa waan taheef ammarraa cimsinee irratti hojjachuu qabna.
8) Mormiifi hiriirri nuti godhuuf deemnu bifa kamiinuu hiriira nagayaafi fincila shoorarkaa adda addaa irraa bilisa tahe tahuu isaa ibsaa oolluus mootummaan wayyaanee ija shakkiitiifi aariin ilaalee ofiif baaragee ummata gugachiisuufi shoorarkeessuun hin oolu waan jedhu shakkuun gaariidha. Haatahuu malee yoo nuti of eeggannoofi bifa gurmiitiin haqaaramnee sodaa takkaan alatti kan sossoonu tahe, yoo nuti dhagaa darbachuu baanneefi waraana isaa waliin walitti bu'uu irraa of qusanne immoo waan hamaa godhuu baataniis waan garii godhanii walitti bu’iinsaaf sababa uumuu malan. Kana malees waan akka gaazii imimmeessaa (taering gas) fi kkf fayyadamuun isaanii hafa hin qabu. Kanaaf of eeggannoo gahaa taasisuufi sirnaan nama mara amansiisuun hiriiraaf qopheessuutu nurraa eegama. Yoo rakkoon tarii kan uumamu tahe immoo bifa miidhaa guddaa hin fidneen tarkaanfachuun gaariidha. Yoo tarii gaasii imimmeessaa kan fayyadaman tahe mala ittiin of eewwallu qopheeffachuun gaariidha. (Tooftaafi mala gaasii imimmeessaa ittiin of irraa ittisuu dandeenyu isiniifiin dhiheessa. Ogeeyyoonni fayyaatiifi warri haala ittisa isaa beekan kan biroos na gargaaruu danda'u.)
9) Dhaadannooleen nuti sagaleen dhageessifnu kanneenuma ammaan dura itti fayyadamaa turre fi kanneen biraas haala yeroo wajjiin kan wal qabatu, keeyyatoota heera mootummaa irratti tuqamanii jiran kan mootummaan kun cabsuun yakka adda addaa nurratti hojjachaa jiru tuquun dhaadannoolee keenya dhageessisuu qabna. Fknf, keeyyanni 39 hiree mataa ifii ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti jedhu hojiirra akka oolu gaafachuu, keeyyanni mirga lubbuun jiraachuuf baasee mootummaan kun ofumaaf deebi'ee cabsuun duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jiru kanaafi kkf itti dabaluun dhageessisuu ni dandeenya. Kuniis seera mootummaan kun maqaaf baafatee nuun miidhaa jiru kan ofiif itti hin hojjanne kana balaaleeffachuu keenyaas dabalataan ni mul'isa. Keeyyata seeraa kan mootummaan kun cabse gaafachuun haala kamiinuu yakkamaa nama hin taasisu. Osoo nuti seera cabsuu isaa itti himaa jirruu ammaas yoo kan miidhaa nurratti oofu tahe tartiiba qabsoo keenyaa kan itti aanuuf haala nuuf mijjeessaa jira waan taheef mirga keenya dabarsinee itti hin kenninu. (Dhaadannoolee biraa walitti qabee isiniif dhiheessuuf niin yaala)
"Dhugaa qabna, tokkummaan falmanna, ni moo’anna!"

Hagayya 2, 2016.

No comments:

Post a Comment