Monday, July 25, 2016

MOOTUMMAA WAYYAANEE QABSOON GATANTARSIIFNE KUFFISUUN SALPHAA DHA!- =Kutaa 1ffaa= (Saphaloo Kadiir irraa)

MOOTUMMAA WAYYAANEE QABSOON GATANTARSIIFNE KUFFISUUN SALPHAA DHA!- =Kutaa 1ffaa= (Saphaloo Kadiir irraa)

Kabajamtoota ilmaan Oromoo, akka dhabnuus akkam jirtu? Mee arra tooftaa fi mala qabsoo itti jirru kana nuuf saffisu irrattiin xiqqo waa jechuu barbaada. Gara ijaaf ijoo yaadicha arraatti dabruu koo dura immoo haaloota torbee kanaa irraa waaniin hubadherraa akka seensaatti xiqqo waa jechuun barbaada. Eega! akkuma beekkamu dhiheenya kana hir’inoota dhaabbilee qabsoo Oromoo biratti mul’atan kaafnee tuttuquun keenya ni yaadama. Kana irra dhaabbachuun yaadoota gaggaarii baayyee arguu kiyyatti gammadeen jira. Yaadoota kenname san keessaa kan arraabaafi aara makate firii lama malee hunda isaa akka yaada ijaarsaa tahettiin hubadhe. Namni marti wal qixa yaada tokko hin hubatu waan taheef namuu roguma isaaf tahutti hiikkatee fudhachuun hin oolle.

Yoo gabaabsinee kan laallu tahe; gariin fiinxa qabee fiigan, gariin sirrumatti gad qabee xinxalee laalee karuma sirriitti hubata, hangi tokkoos roga isaaf tahutti micciiree fudhata, garii yaadicha addaan qoodee anaaniis oode jidduu, kan yaadni humaa hin galiniifiis ittuma dabalii gari garii gaariifi xaariin addaan bahuufin ulfaatu irra buusii namuu haaluma keessa isaa jiruun irratti mari’achaafi irratti maraachaa, yeroo gariis irratti wal nyaachaa, irraahiis barachaa turuu hubadheetiin jira. Kan yaada kennaniifi kan yaaddawanii usan jidduu giddugalaan wanti tokko kaniin hubadhetu jira. Hunda irra kan naaf tahe immoo “eega hir’inni jiru beekkamee falli hir’inoota kana itti furan maali? kan jedhu irratti xiyyeeffachuun gaarii dha” kan jedhuu dha. Eeyyee! Kun sirrii dha. Hir’ina jiru eega beekan furmaanni hoo maali? Kan jedhu irratti xiyyeeffachuu beekuun ammayyummaa qofa osoo hin tahin fala furmaata biraa hin qabnee dha. Komiin hir’ina qofa irratti xiyyeeffattuu tan hanqinaaf yaada falaaf furmaataa hin akeekne qofti yoo baayy’atte namoota hedduu gara abdi murannaatti geessuu daran hamii daneeysiti. Keessattuu immoo namoonni xiyyi komii san itti qiyaafatuufi kallattiin furgifamuuf warra yaada bal’isee hin ilaalleefi furmaata caalaa warra of eewaluu qofaaf tattaafatu (self diffender) yoo tahan hir’ina isaanii kaasuun komiitti jijjiiruun koomaa jala si galchuuf haalli itti wixxifataniis hin dhabamu.
Haatahuu mee tan dabarte isinitti hin dheereessuutii, hundaafuu yeroo mara bishaan shukulaa ooluun gaarii miti waan taheef komiis haa tahuu hanqinoonni mul’atu tokko tokko yeroo kaafamu, eenyuutu kaasee osoo hin tahin yaadni kaafame san dhugaadhaa? tan jettu hubachuu haa baarruu. Garuu ‘ani uumamee hanqina hin qabu’ yaada jedhu irraahiis bilisa haa taanuu. Nama tahee kan hir’ina hin qabne waan hin jirreef, yoo hir’inni kaafamu sammuu teenya banaa godhuun bakka itti fudhannu haa qabaannuu. Eega fudhannee booda immoo yaadoota waliin madaallee kan nu tarkaanfachiisu qabannee imala xurree jireenyaa irra itti fufuun galma barbaannu san akka geenyuuf dursa sammuun teenya ilaalcha faallawaa (negative attitude) qofaan xaxamuu irraa bilisa tahuu qabdi. Hanqina tuquun keenya immoo abdi nu murachiisuufi of duuba deebisuuf osoo hin taane of ijaarree, waliis gargaarree, rakkoo nu gufachiisaniifi nu kuffisan of duraa kaasaa humnaafi hamileen akka of dura furgifamnuuf nu gargaara. Yoo hanqina san hin beekne maaltu mala jedhanii mala wal gaafachuun, mala dhawatanii rakkoof furmaata kaa’uun hin danda’amu. “Namaatu garaa baqeeysan du’a malee dubbii garaa baqiiysan fayyiti” jedha Oromoon. (Yeroo ammaa haala yaala fayyaa ammayyaawaan namniis garaa baqeeysan numa fayya akka naan hin jenne qofa.) Hundaafuu marti keessan baayyee galatoomaa jechuun barbaada. Itti aansuun immoo arra akkuma mata duree irraa hubattan tooftaa mootummaa wayyaanee kan reeqqise kana itti kuffifnu irratti mala barbaachisoo tahan muraasa qabadhee isiniif dhihaadheen jira. Isin immoo hanga xumuraatti obsa oromummaatiin na faana bu’aan afeerraa kooti.
Akkuma beekkamu yeroo ammaa mootummaan wayyaanee kufaatiin isaa dhihaachuu irraa kan ka’e goda seenu dhabee mukaa citaarra bahaa jira. Qabsoo harka duwwaa ji’oota saglan darban kana ummanni Oromoo taasisaa ture wayyaanee gatantarsiisuu bira dabree harkaan lafa qabachiisuu danda’ee jira. Yeroo ammaa tooftaafi adeemsa qabsoo Oromoo kan akka ibidda Orraatti itti fufiinsaan ji’a sagal guutuu osoo hin dhaamin wajiijame kana sodaachuun fonqoluu isii shakkuu qofa osoo hin tahin naasuun hidhaa cittee battisaa jira mootummaan wayyaanee. Akkuma waraabeessi haleelame yoo du’aaf sakaraatu waan arge irratti cichu, waan biraa dhabu dhagaa ciniinee duu’u san, wayyaaneeniis kufaatii isii hubannaan waan baayyee balleessaa jirti. Yeroo ammaa mallattoolee kufaatii mootummaa tokkoo ifatti mul’isan baayyeen wayyaanee irratti argaa jirra. Mallattoolee jala bultii kufaatii mootummoota abbaa irree keessaa kan amma wayyaanee irratti mul’achaa jiran muraasni:
– Ummata dirree bahee qabeenya isaanii tooftaa adda addaatiiniis tahee kallattiin saamuu,
– Dhiibbaafi dhiittaa mirga namoomaa haala duraa irra hawaasa niin bulcha jedhu san itti hammeessuu,
– Badiilee siyaasaafi hawaasummaa keessa seenuun dogoggoroota hojjatu sirreessuu irra ifumaafuu abbaa badii tahee daran dhoqqee hamtuu keessa lixee laaqqachuu,
– Darrachuu isaa qabatamaan arguufi hawaasni inni naatu bulcha jedhu gamtaan isa mormuu irraa kan ka’e guutumaa guututti abdii murachuu,
– Rakkoolee mudatan kamuu tooftaafi mala siyaasaatiin furuu daran humna waraanaatiin akka waan of eewaluu danda’uutti humna raayyaa isaa gabbifachuuf sardamuu,
– Gosaafi heddumina meeshaalee waraanaa ammayyaawaa, baayyina humna waraanaafi ijaarumsa isaanii saba-himaalee irratti mul’isuufi dhaadheessuun qalbii ummataa of bir’achiisuuf yaaluu,
– Gaaffii ummataafi komii ummanni roga adda addaatiin kaasu mara karaa nageyaafi tasgabbii qabuun hiikuu daran komii ummataa koomaa jala galchuun ummata biyyaa walitti qabaan (gamtaan) akka farra nageenyaatti balaaleeffachuufi arrabsuu,
– Rakkoon adda addaa kan akka dhibeelee daddarbaafi hoongeen biyya keessa haala addaatiin tamsa’uu, tamsa’inni dhibeewwaniifi beelaatiis haala yaaddeessaan osoo mul’atuu ummaticha eewaluuf dantaa dhabuu.
– Miidhama roga mootummaa irraa isaan dhaqqabu irraa ka’uun wayta hawaasni biyyaa dhimma mirgaa gaafatuu inni immoo gaaffii ummataa moggatti dhiisee bililiqoo misooma kijibaatiin ummata bal’aa sossobuuf yaaluu,
– Iyyaafi waca haqa qabeessa hawaasni biyyaa qabatamaan dhageessisan caalaa sagalee guunguummii biyyoota addunyaafi humna qabeeyyii waan adda addaatiin siyaasaa isaa deeggaraa turanii dhageeffatee shoorarkaa’uu,
– Diddaafi balaalleeffannaan sodaa malee hawaasa guutuun godhamu baayy’achuun roga itti fala kennu wallaaluu, nama dhimma dhunfaatiif iyyu illee shoorarkeessummaan cilee dibee mana hidhaatti ol guutuu,
– Shakkii bu’ura hin qabne irraa ka’uun qaamoota qabsoo isaan faallaa godhan irratti qabu hanga duraanii caalaa dabalachuun hadheeyfatee abaaruufi hiraaruu,
– Rakkoo uumamu kamuu akkuma qaama dhimmi hin ilaallanneetti moggaa taa’ee daawwachuu irraa kan hafe tarkaanfii fudhachuuf humnaafi dandeettii dhabuu,
– Tooftaafi tarsiimoon misooma isaa haala ka’uu hin dandeenyeen deddeebi’iin jalaa fashslaa’uu, karoorri hojii siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa hedduun balfamuun hojiirra oolmi isii qaxara qooruu,
– Walitti bu’iinsa waraanaa mootummoota biyya ollaafi saboota biyya san keessa jiraatan judduttiis finiinuu fi kkf hedduun mallattoolee bututtaa’uu, yarachuu, reeqqisuufi fonqoluuf fitteerra jiraachuu mootummaa abbaa irree yoo tahu mallattooleen kanneen immo daran hammaachaafi walxaxaa deemuun jala bultii kufaatii isaa qabatamaan kan akeekan tahuu kan nama shakkisiisuu miti jedhu hayyoonni xinxala siyaasaa.
Mallattooleen armaan olitti tuttuqe kana dabalatee kan biroo baayyeen wayta ammaa mootummaa wayyaanee irratti haala ajaa’ibsiisaa taheen mul’achaa deemuu daran haala yaaddeessaa keessa seenuun kufaatii hamtuu irraa if eewalamuu hin dandeenye keessa jiraachuu of hubatanii qajjiisni abdii isaanii kutamee jira. Haala yaaddeessaa wayyaaneen keessa jirtu kana daran gaaga’ama keessa galchuuf humna isii tan qabsoon harka duwwaa ummanni Oromoo taasisaa tureen bututtooyte tana bakkaa haquun kufaatii isii saffiisun salphaadha. Kufaatii saffisuu qofa osoo hin taane kallattii ofiif barbaannuttiis jigsuuf akkasuma fuul-duree Oromoofi Oromiyaas gaaddisa bareedaa jala teessisuuf immoo tooftaa addaafi mala qindaawaa qabsoo amma jiru kana daran saffisu qindeeffachuun gaarii dha. Tooftaaleen nuti qindeeffannu immoo haala salphaafi saffisaan bu’aa buusuu kan danda’u, bifa wal fakkaataan kan hojiirra ooluu danda’u, mala humna cimaan hawaasa keessaatti itti fufuu danda’u, kan miidhaalee keenya hir’isee bu’aalee keenya guddisu tahuu qaba. Tooftaalee haala qabatama hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee keenya irra dhaabbachuun karoorri baafannu immoo bu’ura jabaafi amansiisaa irratti kan gad dhaabame yoo tahe galii qabsoo teenyatti nu geessu qofa osoo hin tahin galma barbaanne yeroo gabaabaa keessatti tuquun bu’aa barbaannu mirkaneessufiis nu gargaara. Sadarkaa qabsoon teenya amma irra jirtu kana irra dhaabbachuun farsamoo gaariifi akeeka jabaan miggaarame qabaannaan wayyaanee humna humna dhooynee hidha kunnee gatantarsiifne tana akka isiin umrii guutuu hin kaanetti yeroon gombisuu dandeenyu amma. Mootummaa hiddi danuun kukkutame kana osoo inni hidda biraa caaseeffatee hin haareyoomne hidda tokkicha maqaaf walitti jiru akka ayaa hin godhannetti mogollee, birki birkitti kulloodnee, foffottooysinee qoraaniif fayyadamnee daaraa bubbetti ida’uun amma salphaa dha. Tooftaaleen barbaachisoofi humna qabeessi itti fayyadamuu qabnu tan akkami laata kan jedhu kutaa itti aanu keessatti isinif dhihaata. Hangasuu tarsiimoolee qabsoof amma nu barbaachisan san hojii irra oolchuuf of qopheessaa na eeggadhaa. Galatoomaa! Horaa Bulaa!!
=Kutaa 2ffaa Itti Fufa….=
“Mootummaan wayyaanee jaalatee osoo hin tahin tooftaa siyaasawaa nuti goonuun tolaan osoo hin tahin funya-qurquritti dirqamee aangoo irraa ni fonqola!”
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa, 2016




No comments:

Post a Comment