Sunday, July 10, 2016

MALLATTOOWWAN ABBAA IRREE ITTIIN BEEKKAMAN BEEKTUU? DEEBII ARGACHUUF BARRUU SAAYINSAAWA KANA HANGA DHUMA DUBBISAA)


(Saphaloo Kadiir irraa)
Yeroo baayyee dhimmi abbaa irrummaafi gita bittummaa maaliin beekkama laata jedhee namni of hin gaafanne hin jiru. Abbaa irrummaa ykn gita bittummaan namoota dhunfaa irratti, waliin jireenya maatii keessatti, walitti dhufeenya hariiroo hawaasummaafi geengoo diinagdee keessattiis kan mul'atu haa tahu malee, abbaan irrummaa hamtuun, tan jireenya ummata guutuu irratti gaaga'amaafi balaa hamtuu fiddu immoo roga siyaasaa keessatti argamtu akka taate beektoonni xinxala siyaasaa addunyaa ni dubbatan.
Irra baayyeen namaa abbaa irrummaa yaadumaan ilaaluu malee mallattoo qabatamaafi waltawaa mootummaa biyya tokkoo bulchu ykn jaarmaya siyaasaa saba gaggeessu keessatti mul'atu gad fageenyaan hin hubatan. Kana waan taheef yoo garri tokko "mootummaan kun abbaa irreeti!" jedhan kaan immoo "lakkii mootummaan kun abbaa irree tahuu hin danda'u. Mootummaan kun dimokraatawaa dha!" jedhee gama faallaatiin eegee guduunfee morma. Mootummaa tokko ykn dhaaba siyaasaa tokko kan hojiin isaa tokko tahe, kan amalli isaa wal fakkaataa tahe irratti ilaalchi garagaraa saniifuu kan faallaa tahe eessaa dhufe ykn kun maaliif tahe jennee yoo kan if gaafannu tahe, akkaataa nuti itti ilaalluufi xinxallu mallattoowwan qabatamaa irra dhaabbannee murteessuu dadhabbiif. Yookaan immoo faaydaa dhaaba ykn mootummaa san irraa dhunfaan argannu fi dhabnu irraa ka'uun ilaalcha mataa keenyaan murteessuu malee ulaagaa addunyaawaa qorannoon deeggarame bu'ura godhatanii miti.
Mallattoon abbaan irrummaa ykn gita bittummaan mootummoota ykn dhaaboota siyaasaa danuu keessatti calaqqisan muraasni kan wal dhabu tahullee, wal fakkeenyaafi mallattoolee waloo baayee qaban. Wal fakkeenyummaa isaanii irra dhaabbachuun mallattooleen isaan wal fakkeessan itti fayyadama aangoo, bu'aa hawaasaa guutuu, wal qixxummaa mirga namoomaa eeguu fi amaloota dhunfaa gaggeessaa jaarmaya ykn hogganaa biyyaa waliiniis wal qabatee amala qabaniitu jira.
Sadarkaa addunyaatti hoggantoonni abbaa irrummaatiin beekkaman keessaa kan akka Hitler, Saadam, Istalin, Kaastiroo, Gaadafiifi kkf danuu keessaa hangafoota. Akka waliigalaatti yoo kan ilaallu tahe immoo abboottiin irree amaloota kanaa gadii kan qabaniifi qabatamaan irratti calaqqisuu dha. Mallattoolee armaan gadii kun namoota dhunfaa hogganoota garee, dhaabaafi biyya bulchan kamuu biratti mul'achuu jalqabnaan abbaa irrummaa isaa hin shakkinaa. Gaggeessitoonni dhaaba siyaasaa Oromoo gaggeessan amaloota kanaan gadii qabaannaan abba irree tahuu isaanii hin shakkinaa.
1) DHUNFANNAA AANGOO.
Aangoon humna addaa kan mirqaana hawwataa qabu yoo tahu, takka dhandhamnaan haraaraa hamaafi araada cimaa tahuun mi'aa isii daran mi'eeffattee arraabbachuuf nama gororsiisuu dha. Takka dhandhama isii mi'eeffannaan immoo yoo dhabde akka malee waan araadduuf si dharraasiftee, dheebeeysitee tan biraa argachuuf si anfariirsiti. San booda dabarsitee kennuuf, gad dhiisuuf yaaduun gonkuma ni ulfaata. Dabarsuu irra aangoolee guutuutti dhunfachuuf tooftaa diriirsuu jalqabda. Sadarkaa kana geenyaan nama biraa dhandhamsiisuu hin jaalattu.
Namni tokko aangoo argannaan yoo dirqamee gad lakkise malee miira gad lakkisuu hin qabaatu. Aangoo gad lakkisuu caalaa humna isiitti fayyadamuun addunyaan gara fedhii isaa fiduuf dhiibbaa godhuu, dhugaa gara isaatti jallisuu, geengoo isaa keessatti jannata dhunfaa ijaarrachu barbaada. Waan mara muree kan murteessu isuma qofa. Bu'aan roga siyaasaa isaatiin argamu marti kan dhunfaa isaa akka tahetti yaada waan taheef malaammaltummaan isaaniif halaali. Beektoonni warra adii dhimma kana "Absolute power corrupts absolutely" jechuun ibsu. Kanaaf aangoo san yeroo mara ni barbaada.
Aangoo waan qabuuf mataan isaa akka seera tahetti if laala. Yoo kora ykn marii tokko irratti hirmaatan yaadoota marii namoota biraa irraa roga addaatiin ilaaluun murteessuufi yaada isaanii qofa namarratti fe'uuf yaadu. Namni yaada addaa qabaatullee san dhiisee kan isaa san akka fudhatu dirqisiisuuf yaala. Namoonni gariin murtii isaanii kana yoo hin fudhanne tahe immoo akka nama yaada isaanii ibsachaa jiruutti osoo hin taane waan isaan mormaa ykn faalleessaa jirtu itti fakkaata. Nama sanyii mormii ykn firii faallaa facaasaa akka jirtu, nageenya biyyattii ykn dhaabaa laaffisuun, tasgabbii nageenyaa dhoorkuun diigaminsaaf qaawa uumaa jiraachuufi piropagaandaa diinaa adeemsisaa jiruutti laalamta. Yaada isaanii fudhachuu didnaan garuu qabatamaan qilee si geessanii rasaasaan si laboobu.
2) DUGUUGGAAN SANYII NI HAMMAATA.
Mallattoon abbaa irrummaa mul'isu keessaa tokko dugaaggaan sanyii namaa yoo raawwatamu akka badii ykn hammeenyaatti hin ilaalamu. Duguuggaan sanyii akka yakkaatti osoo hin tahin akka bu'aa mataa isii qabuutti yaadan. Yakki duguuggaa sanyii yeroo baayyee namoota ykn ummata siyaasaa isaanii dura dhaabbatu irratti yoo raawwatamu akka badii osoo hin tahin akka carraa umrii aangoo isaanii dheereessuutti laalama. Yakki guddaan abboottii irree biratti yakka siyaasaati. Duguuggaan sanyii abboottiin irree raawwatan kun garee siyaasaa, aadaa, sabaa fi kkf irratti hammaata. Abboottii irreetiif duguuggaan sanyii sulluma aangoo isaanii irratti oliin bahanii dha..
3) GAREE UUMMACHUU.
Abbootiin irree yeroo mara garee dhunfaa isaanii ijaarrachuun beekkamu. Garee waraanaas tahee garee deeggarsa addaa isaaf laatan tan haala maraan dhunfataafi ajaja isaa jala fiigan ijaarachuun hojii isaanii ijoodha. Namoota isaan deeggaran, kan yaadoota isaanii jaalatan, namoota karoora isaa hojiirra oolchaniifi garee namoota isaaf du'aniifi isaaf ajjeessaniin marfamu uummachuu jaalata. Kanaaf wayta garee isaatiin marfamu kana uffata gosa wal fakkaatu, naaduraa gurraatiifaa ijatti akka uffatanii ummata bal'aa irraa addatti mul'atan godhuu fedhu. Gama biraatiin wayta ummata keessatti gad bahan eegduu (gourd) kophaa isaanii tan addaatti isa maddii hiriiran qaban. Gara biraatiin garee namoota ilaalcha, yaada, hawwiifi fedhii isaan wal fakkaataa qaban kanneen isaaf shubbisu uummatan. Gareen san inni balleessuus, tolchuus miirri isaanii wal fakkaatuma.
4) ADDUMMAA FAALLAA TAHE QABU
Namoonni miirri abba irrummaa isaan golge harki caalaan namoota biraa irraa yaada, ilaalchaa, amalaafi gochaaniis addaa kan yeroo baayyee kallattii faallaatti yakkatu qaban. Amala kana qabaachuu isaanii osuma beekanii garuu addummaa isaanii kana akka hammeenyaa ykn akka hir'inaatti osoo hin tahin akka ciminaatti ilaalu. Amala kanaaniis haaloota addunyaa keessa hin jirre uumuuf of butuchan. Waan ofiif itti amanan qofaatu sirrii dha jedhanii yaadu. Kanaaf yeroo baayyee adeemsa isaanii keessatti marii osoo hin tahin ajajaatu baayyata. Hojii akka raawwatan ajajaman raawwachuuf, namoonni garee isaa san hanga lubbuu isaanii kennuutti of kennuu qaban jedhee yaada. Amala gaggeessaa ykn hogganaa osoo hin tahin amala ajajaa waraanaati qabu.
Godhi jennaan godhi dhiisi jennaan dhiisi dhaadannoo jedhu qaban yeroo baayyee. Namoota bulchan san dura deemuun gaggeessummaa gochaan kan mirkaneessan osoo hin tahin ajajuun yeroo hedduu akka raawwatan fedhu. Kana malees waan isaanii achitti hojjatame mara ofiif irratti argamuu jaalatu. Kana malees yeroo hedduu mul'achuu waan jaalataniif bakka miilaan hin geenyellee suuraan isaanii akka mul'atuuf ajaja laatu. Fkf. Gareen isaan bulchan ykn warri geengoo isaa keessa jiran san 't-shirt' suuraa isaa qabu akka uffatan godhu. Manneen daldalaatiis suuraa isaa hayyama daldalaa madditti akka fannifatan godhuufi suuraa isaanii bakka namoonni baayyeen itti wal gahutti guddisanii mul'isuu barbaadu. Kanaafiis sagantaalee televziyoona biyyaa ykn dhaaba irratti yoo akkam xiqqaate torbaanitti sagantaa sa'atii sadii ol mul'atu.
5) MIIRA OF-QOLUMMAA QABAN.
Abboottiin irree amalli isaanii guddaan ofittummaa ykn ifqolummaa dha. Waan hojjatan mara faaydaa dhunfaa isaaniif irraa argatan irraa ka'uun qofa hojjatu. Wanti isaan raawwatan kamuu bu'aa isaaniif laachuu malee miidhaa namoota biraa irratti fidu irraa dhimma hin qabu. Yeroo mara humna kee butuchitee, qabeenya kee mancaaftee, yeroo kees qisaastee bu'aa argamu immoo akka isaaf galchitu jaalatan. Of jaalattummaa irraa kan ka'e wareegama nama biraatiin injifannoo isaanii faayuu, cululuqsuu barbaadu. Waan hojjatamu keessaa kan tole mara ofiin yaamuu barbaadan. Waan hammaate, waan bade immoo yeroo hedduu nama biraatiif laatu.
Amalaafi ilaalcha ofqolummaa "Kan biyya gaggeessuu ykn kan dhaaba kana sirritti hogganu ana malee hin jiru" jedhee yaada. Kana yaaduun isaas bu'aa dhimmichi kun isaaf argamsiisu irra dhaabbatee malee fedhiifi hawwii ummataa irraa dantaa hin qabu. Yeroo hedduu dirqama anaatu siif beekaatiin waan sakraananiif fincilli ummataa isaan qunnama. Warraaqsi ummataa kan mormii cimtuu ykn dura dhaabbannoo ulfaataan gaggeeffamu yeroo baayyee kan isaan qunnamu tahuus isaan immoo didanii aangotti cichu. "Ana malee namoonni biraa gaggeessummaa irratti dadhaboo dha" jedhanii yaadu. Akkasumaas waan isaan hojjataniifi yaadan qofaatu biyya ykn dhaabaaf, ummataaf faydaa buusa jedhanii amanu.
Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya, eega mallatooleen abbaa irrummaa kanneen yoo tahu isaan keessaa lamaafi lamaa ol kan qabu mootummaan ykn dhaabni siyaasaa tokko abbaa irree tahuun isaa shakkii hin qabu. Mallattoolee armaan olii kanneen mootummaan wayyaanee qabaachuun abbaa irree akka tahe ni hubanna. Laata dhaabbilee siyaasaa Oromoo gaggeessan keessaa amaloota kana kan qaban jiru? Yoo kan qabaatan jiraate kami? Haala kamiin abbaa irree kana ofirraa kaasuun danda'ama kan jedhu, tooftaafi mala barbaachisu waliin yeroo biraan isiniif dhiheessa. Horaa bulaa!
"Abbaa irree kan ummata Oromoo miidhu hundi qabsoo keenyaan buqqa'uu qaba!"

No comments:

Post a Comment