Wednesday, July 13, 2016

Gondoriitti poolisoota Fedaralaa 11 ajjeefaman keessaa 3 Oromoo ta’uun beekame.

OMN:Oduu Adol.13,2016 Lakkoofsi poolisoota federaalaa Gondarii fi naannawa sanitti ajjeefamanii 11 gahee jiraachuun isaanii himame.
Poolisota iddoo kanatti ajjeeffaman keessaa sadii dhalootaan ilmaan Oromoo tahuunis beekame jira.
Poolisonni ajjeefaman kunneenis konstable Ibsaa-Qeellam Wallaggaa, konstable Abdisaa-Jimmaa,fi sadaffaan immoo ammaaf maqaan isaa kan hin bekamin garuu dhaloonni isaa Wallagga Lixaa- magaalaa Gimbii tahuus ragaan iddoo kana irra arganne ni mul’isa.
Haalli nageenya naannoo magaalaa Gondor keessa jiruus haalaan ulfaata tahu isarra kan kahe jiraattoonni bahan galuuf yaaddoo fi dhiphina gurguddaa keessaa akka jiraniis beekame jira.

No comments:

Post a Comment