Friday, July 15, 2016

Fincila warra Gondoriin wal qabsiifnee maal hubanna?

Fincila warra Gondoriin wal qabsiifnee maal hubanna?
                           Boruu Burraaqaa irraa
Ummanni Amaaraa akkuma ummata Oromoo cunqursaa TPLF Wayyaanee jala jira jennee hubanna. Garuu ummanni hidhannoo hangas gahu mana manaa qabaachuu isaa baay’een keenya amma dura quba hin qabnu ture. Fincilli kun dhugaa kana ifatti nu agarsiise. Qawwee qabaachuu qofa osoo hin taane rasaasas akka callaa boqqoollootti kuuffatanii qabaachuu isaanii hubanne. Kun ammoo quba qabeenya dhaaba naannicha bulchu ANDMiin ala jedhamee hin yaadamu. Inumaa hidhannoo ummatichaa tiksanii yoonaan gahuu fi daranuu hidhachiisuu keessatti dhaabni miseensa mootummaa Wayyaanee tahuutti beekamu ANDM kun qooda murteessaa qaba jedhamee amanama. Kana malees warri ANDM yeroo ummanni qawwee guurratee gadi yaa’ee ‘zarraaf’ jedhu ummatatti qabanii yoo dhukaasan hin mul’anne. Ummata isaaniif hangam akka naasuu qaban dalagaadhaan nu agarsiisan.
Dhimma ANDM yeroo kaafnu dirqamatti OPDO keenya yaadanna. Yeroo ANDM ifaanis tahee harka lafa jalaatin ummata naannichaa hidhachiisu yookiis warra duraan hidhatee ture irraa hidhannoon akka hin hiikamne ittisu OPDOn Oromiyaa keessatti maal godhaa ture, jira? OPDOn faallaa kanaan ummata keenya kan duraanuu hidhannoo hin qabnee fi carraa ajaa’ibaatiin dabree dabree takka takka dhoksee qabu illee funyaan qabee irraa guursisee Wayyaaneetti galii godhe. Qawwee dhiisii meeshaalee waraanaa aadaa kan akka mancaa illee akka hin fayyadamne Baha Oromiyaa keessatti ifatti labsanii ummata irraa guuraa bahan.
Akkuma beekamu saboota yookiis gosoota ollaa Oromiyaa tokko tokko waliin dabree dabree walitti bu’iinsi ni dhalata. Baha fi kaaba Oromiyaatiin kan akka Isaa fi Affaar waliin, Dhiha Oromiyaatiin kan akka saba Gumuz fi lammiilee saba Amaaraa Oromiyaa keessa qubatan waliin, Kibba Oromiyaatiin kan akka Garrii fi gosoota Somaalii biro waliin walitti bu’iinsi yeroon umamu hedduu dha. Yeroo akkasii ummanni keenya humna hidhatee gosoota biro irraa itti dhufu waan of irraa ittiin ittisu dhabee kumootaan ajjeefamaa yoona gahe. OPDOn kun illee itti dhagahamee saba keenya irratti hidhannoo qusachuu hin dandeenye. Hangamuu yoo diinaaf ergaman, yeroo sabni biraa qawwee hidhatee akka fedhe Oromoo ajjeesu Oromoon keenya maaliif hidhannoo dhabilee tahe jedhanii xiiqiidhaan of gaafachuun OPDO irratti mul’atee hin beeku.
Kan nama raaju guddaan, biyyattiin mootummaa giddu galaa tokko jalatti bulti jedhama. Garuu seerri dhimma hidhannoo ummataa naannoo irraa naannootti gargari. Naannoolee biyyattii keessaa akka Oromiyaa fi warra Kibbaatti kan hidhannoo dhabeessa tahe jira hin fakkaatu. Tigraay silas abbaa baraati, hidhataa dha. Affaar dur irraa qabee hidhannoo isaa hiikkatee hin beeku. Soomaaliinis akkasuma. Amaarri kunoo isa argaa jirru kana. Ummanni Benishangul Gumuz isa gaafa ka’e hidhatee dhufee Oromoo fixaa bahe, hidhataa dha. Gambeellaas agarree jirra, hidhatoo dha. Warra Kibbaas yoo tahe warri gara Gammoojjii qawwee ni qabani. Biyya heera takka jalatti bulti jedhamu keessatti ummanni keenya ija diinummaa addaatiin laalamaa jira.
Ummanni Oromoos tahee OPDOn fincila warra Gondar kana irraa waa hedduu baratu jedhamee irraa eegama. Hunda caalaa ilmaan Oromoo OPDO keessa jirtan kan Oromummaan isinitti dhagahamu dubbii kana xiinxalaa. Kana booda harka lafa jalaatiin ummata keessan hidhachiisuu irratti dirmannaa gahaa gochuu qabdani. Wanni naannoo Amaaraatti mul’atu kun akka dhala Oromootti xiiqii isin hin qabsiisu yoo taheef Oromummaan keessanuu shakkisiisaa taha. Ummanni keenyas yoo danda’ee hidhateef, ajaja kana booda mootummaa irraa itti dhuftu kan ‘hidhannoo kee hiikkadhu’ jettu of irraa diduu qaba. Qawwee harka jiruun of ittisuuf jecha qiyyaafachuu dha malee dabarsanii kennuuf hiixachuun fafa.
Oromoon dhugaa yoomuu hin haalamne tokko hubachuu qaba. Dur dur gaafa jalqaba harka Habashootaa jalatti kufnes qawwee dhabatu nu kuffise. Osoo onnee onnee caalu qabnuu qawwee dhabnee yartuudhaan salphannee biyya keenya dhabne. Abbootiin teenya Calanqoo, Aanolee, Shaggarii fi bakkoota birootti waraana Minilik qawwee hidhatee itti duule eeboo fi gaachana qofaan of irraa ittisuun itti jabaannaan rasaasaan dhumani. Meeshaa waraanaa baraneetiin caalamanii kufani. Minilik Nafxanyoota Oromiyaa keessatti katamaa katamaa tolfatee qubsiise qawwee hanga funyaaniitti hidhachiisee Oromoon lamuu ol jedhee akka hin fincille osoo ukkaamsuu bara isaa fixate. Hayla Sillaaseenis waraana Nafxanyaa Minilik Oromiyaa keessa qubsiise daranuu hidhannoo jabaadhaan gabbisee akka mataan Oromoo ol hin jenne lafatti eegaa bara isaa xumure.
Dargiin gaafa dhufu Nafxanyoota abbaa lafaa salphisee ummata gadiitiin wal qixxeesseen jira jedhee of haa odeessu malee ilmaan Nafxenyaa qubannaan Oromiyaa keessa jiran du’anii badanii qawwee isaanii hin hiikkanne. Bara Wayyaanees kunoo argaa jirra. Walumaa galatti Oromoon waggaa 130 duras qawwee dhabuun moohamee biyya isaa dhabe. Har’as waggaa 130 booda qawwee harkaa hin qabu. Har’a lammii Oromootiif qabeenyaan qabeenyaa caalu makiinaa moodeela baranee bitatanii asfaalitii miidhagaa irra xuruuruu miti. Viilaa abbaa gamoo lama sadii jaarratanii durooma himatanii fandalaluu miti. Kubbaaniyaa nagadaa balbala meeqaatama banatanii guyyaatti qarshii miliyoona lakkaawuu miti. Ka baadiyyaas yoo tahe loon dhibboota yookiin kumoota horatee na argaa jechuu miti. Oromoodhaaf har’a qabeenyaan qabeenyaa caalu qawwee dha. Qawwee takkittii ittiin of ittisan qabaachuutu qabeenyaa maqaa dhoofne kana mara caalti.
Eeyyee irran deebi’a. Waggaa 130 duras qawwee dhabaaf salphannee biyya keenya dhabne. Har’as waggaa 130 booda biyya keenya gaafas dhabne deeffachuuf qawwee harkaa hin qabnu. Nu waa lama dhabne. Tokkoon akka ummata guddaa hangana gahuutti dhaaba siyaasaa guddina ummatichaan gitu kan muratee gahaatti hidhatee sabaaf lolu hin qabnu. Yookiin akka warra Amaaraa faatti dhaaba qaama mootummaa ofiin jedhaatuma saba isaaf waardiyyaa dhaabbate akka ANDM hin qabnu. Akka Oromootti dhugaa kanaan kan xiiqiin sin qabne yoo jiraatteef mooji keeti!

No comments:

Post a Comment